Lammiilee Saawudiitti rakkachaa jiran hunda yeroo gabaabaatti gara biyyaa deebisna' - Mootummaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Itoophiyaa lammiileesaa biyya Saawudi Arabiyaa keessatti rakkoo keessa jiran hunda "yoo danda'ame torbee lama keessatti" gara biyyaa akka deebisu hime.
Guyyaa Kamisaa midiyaalef ibsa kan laatan Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Mufti, lammiilee kunneen gara biyyaa deebisuuf gareen dhaabbilee mootummaa garaagaraarraa walitti dhufe gara Saawudi Arabiyaa imaluusaa himan.
Gareen kunis lammiilee Itoophiyaa rakkoo keessa jiran biyyattii deebisuuf guyyaatti sa'aa 24 torbeetti guyyaa torba hojjechaa jiraachuu dubbatan.
Qaamoleen nageenyaa Saawudii erga yeroo dhiyootii as lammiilee Itoophiyaa heeyyama jireenyaa qabanis ta'e kunneen heeyyama hin qabne to'achuun hidhaa jiraachunsaanii ni beekkama.
Lammiileen Itoophiyaa to'annoo mootummaa Saawudi jala jiran dhiittaa mirga namoomaa, dhukkubaaf akkasumas du'aaf saaxilamaa turuun dhaabbilee gargaarsa namoomaa dabalatee qaamoleen garagaraa himaa turan.
Qoontsilaan Itoophiyaa biyya Saawudi magaalaa Jeddaatti argamu lammiileen Itoophiyaa to'annoo qaamolee nageenyaa Saawudi Arabiyaa jala jiran hanqinni nyaataafi bishaanii akkasumas meeshaaleen qulqullinaa mudachuu toora Feesbuukii isaarratti barreesseera.
Qaamoleen garaagaraa deeggarsa akka taasisaniifis waamicha godheera.

"Sababa Saawudin tarkaanfii kana itti fudhatteef qulqulleessaa jirra" kan jedhan Ambaasaaddar Diinaa Muftii "gabaasa amma qabnuun lammiileen heeyyama jireenyaa qabanillee qabeenyisaanii saamamaa jiraachuu dhageenyeerra" jedhan.
Gama Saawudiitin tarkaanfii kanaaf akka sababaatti kan ka'u dhimma nageenyafi hojiilee seeraan alaa akka ta'e Ambaasaaddar Diinaan himaniiru.
Lammiileen Itoophiyaa Saawudiitti rakkoo keessa jiran gara biyyaa erga deebi'anii boodas hawaasatti akka makaman akka taasifamu himaniiru.














