Namni Roobert F Keneedii ajjeese Sirihaan Sirihaan dhiifamaan akka bahuuf gaafatame

RFK giving a speech

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Robert F Kennedy

Boordiin Dhiifamaa Kaalifoorniyaa bara 1968 nama kaadhimamaa pirezidaantii paartii Dimokiraatotaa Roobert F Keneedii ajjeese dhiifamaan akka mana hidhaatii gadhiifamu sagalee kennan.

Sirihaan Sirihaan kaadhimamaa Dimokiraatotaa kan ture Keneedii erga inni hoteela Loos Anjalasitti haasaa taasiseen booda rasaasaan haleeluun ajjeesse.

Yakka kanaan wal qabatees namni kun waggoota 53n darbaniif mana hidhaa jira. Ajjeechaan kun seenaa biyyattii jijjiireera jedhama.

Filannoon akka bahuuf kenname ammoo nageenya uummataaf sodaa hin tahu kan jedhu yoo tahu kana jechuun bilisaan socho'a kanjedhu garuu guutummaan kan eeyyamu miti.

Murtoon kun amma harka bulchaa Kaalifoorniyaa Gaaviin Niwsom irratti kufeera.

Bulchaan Kaalifoorniyaa Dimokiraatota irraa tahe kun duula na filadhaa irratti argama.

''Walakkaan jaarraa tokko darbeera,'' Sirihaan komishineroota dhiifamaatti kan hime.

''Dargaggeessummaan saafelaa koo sun amma hin jiru.''

Sirhan Sirhan, bara 2008 kan kaafame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sirhan Sirhan, bara 2008 kan kaafame

"Senaater Keneediin adunyaaf abdii ture. hunduma isaanii madeessera, miidheera, waan akkasii raawwachuun koo fi waan fokkisaa akkasii yaaduukoof baay'ee na dhukkuba,'' jedhe akka APtti, miidiyaa tokkicha akka dhaddacha dhiifamaa sana hordofu eeyyamameef.

Waajjirri abbaa alangaa naannoo kan Loos Anjeles jiru gadhiifamuu isaa akak hin mormine ibse.

Amma ganna 77 kan tahee fi Paalestaayin keessatti kan dhalate akka dhiifamaan gadhiifamuuf yeroo 16 gaaffii dhiyeesse.

Erga hidhamee akka jedhetti haleellicha kan raawwate deeggarsa Ameerikaan Israa'eliif gootutti mufachuun. Boodarra haleellicha akkatti raawwate homaa akka hin yaadanne ibse.

Murteen boordichaas kan darbe erga ijoolleen Kenedii lama namni abbaa isaanii ajjeese akka hidhaatii bahu erga gaafataniiti.

''Sirreeffamaan kamiyyuu ofii isaaniif yookaan nageenya adunyaaf sodaa hin taane gadhiifamuu qabu jedhaan amana,'' jedhe ilmi Keneedii Dooglaas, AP akka gabaasetti.