Buqqaatota Beenishaangul kuma 500 oliif 'gargaarsa dhaqqabsiisuun cimaa ta'eera' - UN

Naannoo Beenishaangul Gumuuz

Madda suuraa, BBC

Naannoo Beenishangul Gumuz keessa buqqaatonni kuma 540 ta’an yoo jiraatan Nannoo Kibbaa keessa ammo jiraattoonni miiliyoona 1.4 ta’an gargaarsi akka isaan barbaachisu UN ibseera.

Gabaasa torban torbaniin baasuun Waajjirri UN deeggarsa namoomaa qindeessu (OCHA)n akka ibsetti buqqaatonni kunneen Mataakkal, Kamaashii, Asosaa Awwii fi godinaalee Wallaggaa keessa qubatanii jiru.

Buqaatonni kunneen haleellaa yeroo gara garaa hidhattoonni raawwataniin qe'ee fi qabeenya isaaniirraa kan buqqa'anidha.

Waligaltee nagaa hidhattoota fi mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz gidduutti taasifame booda naannoo Amaaraa Godina Awwii keessa buqqaattooni kuma 50 turan Godina Matakkal keessa akka qubatan taasifamuun himameera.

Keessumaa godina Matakkal darbeeyyu Kamashii fi Asoosaa keessatti haleella hidhattootaan dhaqqabeen namootni hedduu nannoolee ollaatti akka baqataniif dirqamaniiru jedha.

Haleellaan irra daddeebiin uumame kun lubbuu namoota galaafachuurra darbee qabeenya hedduu barbadeessuus OCHAn eereera.

Akka odeeffannoo OCHA irraa argameen, Godina Matakkal aanaalee shanan waldhabdeen itti uumame keessatti, yoo xiqqaate manneen 12,000 barbadaa’aniiru, manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa 90 fi manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa 12 gariin miidhamaniiru.

Darbee darbee godina Kamaashii bakka humnoota mootummaa fi hidhattoota Gumuz gidduutti waldhabdeen uumamutti, haalli nageenyaa jiru ammayyuu rakkoo akka qabu dhaabbatichi ibseera.

Yeroo ammaatti godina Kamaashii keessatti hidhattoonni gandoota hedduu to’annoo jala kan olchatan yoo ta’u, dhiyeenya ammo magaalaa Mizigaas jedhamtu to’achuun isaani ibsameera.

Kanaan wal qabatees, waldhabdee uumameen gargaarsa namooma dhaqqabsiisuun cimaa akka ta’es eerera.

Alamuu Bayyanaan haleellaa Benishaangulitti raawwateen haadha warraafi ijoollee isaa sadii duraa ajjeefamu hime

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Alamuu Bayyanaan haleellaa Benishaangulitti raawwateen haadha warraafi ijoollee isaa sadii duraa ajjeefamu hime

Naannoo Kamaashii, Matakkal fi Asoosaa aanaa Adabildilguu keessa ammayyu sochii irratti dhorkiin jiraachuunis himameera.

Godina Matakkaal waldhabdeen itti hedduummate kanatti labsiin yeroo muddamaa erga labsamee ji’oota lakkoofsiseera.

Kanumaan wal qabatee naannichatti duulli addaa addaa gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u hidhattootas gara daandii nagaatti fiduuf yaalamaa jira.

Beenishaangul Gumuz malees Nannoo Kibbaatti dhaabbatichi qorannoo dhimma namoomaa irratti taasiseen naannichatti namootni miiliyoona 1.4 ta’an gargaarsi akka isaan barbaahisu ibeera.

Naannichatti irra daddeebiin waldhabdee, gogiinsa, ibiddaa, lolaa, dhibee namaa fi qonna irratti uumamee irraa kan ka’e waggootii dhiyoo keessatti lakkoofsi namoota gargaarsi isaan barbaachisuu dabalaa deemuun isaa akka yaaddoo uumee ibseera.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dabalatee dhaabbileen gargaarsaa biyya keessaa fi idil-addunyaa gargaarsa namoomaa geessisuuf yaalaa akka jiran gabaasichi ibseera.

Godina Wallagaa keessatti waldhabdee humnoota mootummaa fi hidhattoota giddutti itti fufee jiruun haalli nageenya tasgabbaa’aa waan hin taaneef gargaarsa achi geessisuu irraa isaan dhorkeera jedha.