Finciltoonni TPLF magaalaa Laalibalaa qabachuun himame

Bataskaana seena-qabeessa Laallibalaa

Madda suuraa, Getty Images

Finciltoonni TPLF Kamisa har'aa, Hagayya 05, 2021 magaalaa Laalibaalaa seenuu isaanii jiraattonni fi Kantiibaa Ittaanaan magaalichaa BBC'tti himan.

Guyyoota muraasa dura gareen TPLF handaara magaalattii keessa socho'aa akka turan kan dubbatan jiraattonni magaalaa laallibalaa, har'a ammoo gara magaalattii seenuusaanii BBC'tti himaniiru.

Kantiibaa Itti Aanaan magaalaa Laalibalaa Obbo Maandafroo Taaddasaa, finciltoonni TPLF Kamisa har'aa akka lakkoofsa Itoophiyaatti guyyaa keessaa naannoo sa'atii torbaatti, ''karaa fulaa Gannat maariyam jedhamuun beekamuun gara magaalattii seenaniiru,'' jechuun BBC'ttti himan.

Naannoo Amaaraa Godina Walloo Kaabaa keessatti kan argamtu bakki seena-qabeettiin magaalaan Laalibalaa, magaalaa guddoo naannoo Amaaraa Baahardaar irraa kiilomeetira 310 fagaattee argamti.

Magaalaa naannoo Tigraay Maqaleerraa ammoo kiilomeetira 348 fagaattee argamti.

Finciltoonni gara magaalaa wayita seenanitti waraannis ta'e dhukaasni kamuu akka hinturre Kantiibaa Itti Aanaan magaalichaa BBCtti himan.

Jiraattonni magaalattii nageenya isaaniitiif yaadda'an hedduunis ''finciltoonni magaalattii qabataniiru'' jechuun magaalattii keessaa baqachuun bahaa jiraachuu dubbatan.

Dabalataanis wayita ammaa kanatti magaalattii keessatti sagaleen dhukaasaa akka hin jirre himanii, ''hidhatoonni TPLF hambaalee durii magaalattiitti argaman barbadeessu jedhamee yaaddoon umamuu'' dubbatan.

Wayita ammaa kanatti Magaalaa Laalibalaatiin alatti akka argaman kan himan Ittaanaan Kantibaa magaalattii, ''humni galuun hambaalee akka ittisaniif motummaa federaalaafi kan naannoo waliin yaaliin taasifamaa jira,'' jedhan.

''Kunis hambaa ummata addunyaa waan ta'eef nageenyummaansaa akka mirkanaa'uuf dhiibbaan taasifamu qabaata'' jechuun yaaddoo qaban ibsan.

Magaalaan Laalibalaa bakka argama bataskaanota durii dhagaa irraa waqaramuun tolfaman itti argaman taateetti, magaaloota Naannoo Amaaraa Godina Walloo Kaabakeessatti argaman gurguddoo keessaa tokko. Kana malees doowwattoota hedduu keessuummeessuun beekamti.

Magaalaa tun harka humnootii TPLF galuu ilaalchisee mootummaan Federaalaas ta'e kan naannoo Amaaraa hanga ammaatti kan jedhan hinjiru.

Waraanni naannoo Tigraayi keessatti gaggeeffamaa ture dhaabbachuun baatii tokkoon dura motummaan federaalaa dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsuun waraanaasaa naannichaa kan baasee ture ta'ulleen, humnootii TPLF garuu haleellaa isaanii gara naannolee ollaa kan ta'an Amaaraafi Affaar keessatti babalifachuun eddoowwan garaa garaa qabachunsaanii ni yaadatama.

Eddoowwan naannoo Amaaraa waraanni itti gaggeeffamee garaa garaa irraayis namoonni kuma 200 ol ta'an, naannoo Affaarii ammoo kuma 70 ol kan ta'u akka buqa'an aanga'oonni BBCtti himaniiru.

Qondaala humnootii TPLF kan jedhaman Janaraal Tsaadiqaan Gabratinsaayi guyyootaan dura turtii BBC waliin taasisaniin, karaa naannoo Amaaraafi Affaariin irra deddeebiin haleellaa raawwataa kan jiran haaldureewwan dhukaasa dhaabuu taasisuuf kaa'an mootummaan federaalaa akka fudhatuuf dhiibbaa taasisuuf ta'uu dubbatanii ture.

Naannoon Amaaraafi Affaar haleellaawwan humnootii TPLF kan Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa Itoophiyaatiin shororkeessaa jedhamuun faarajame kana qolachuuf, ummataa naannichaaf waamicha kan taasisan yoo ta'u, naannoolee biyyatti kaanis humna addaasaanii gara adda waraanaatti erganiiru.