Xumura Kooppaa Ameerikaa 2021: Arjantiinaa fi Biraaziil

Madda suuraa, Getty Images
Liyooneel Meesiin biyya isaa Arjantiinaa waliin yeroo duraaf waancaa Copa America injifachuuf Dilbata kana Biraaziil waliin ni morkata.
Tapha Riyootti gaggeefamu kanarratti Meesiin michuu kiliba isaa kan ture taphataa Biraaziil Neemaar waliin morkata.
Gaheessi ganna 34 Meesiin waancaa Laaliigaa 10 fi Chaampiyoonsiliigii Afur Baarseloonaa waliin injifatus, biyya isaa waliin injifannoon argate tapha Olompiikii Chaayinaa bara 2008 qofadha.
Gahumsa kilaba isaa Baarseloonaa keessatti dorgommiiwwan adda adaarratti agarsiisuun garuu badhaasa Ballon d'Or jaha injifateera.
Taphataan sarara Ittisaa Biraaziil Markiini'oos Meesiin kaayyoo isaa akka hin dhugoomsine isa dhaabuuf ni yaalla jedhe.
Dorgommiin Koopa America kun Meesiif tapha biyya isaa itti bakka bu'e isa kurnaffaadha. Waancaa addunyaa marsaa afuriifi kan Ameerikaa Kibbaa jaha irratti biyya isaaf taphateera.
Yeroo xumuraaf Arjentiinaan shaampiyoonaa Ameerikaa Kibbaa kan taate bara 1993, waggaa 28 dura yeroo ta'u ammas shaampiyoonaan yeroo hedduu Biraazil morkattuu jabaa taatee dhiyaatteetti.
Meesiin dorgommii kan keessatti si'a afur golii galchuu danda'eera.
Neeymaariis tapha xumuraa erga bara 2007 gareen laman yeroo jalqabaaf itti wal argan kanarratti injifachuuf hawii qaba.
''Tapha xumuraa morkattoota keenya bara baraa, kan jireenya keenya guutuu waliin tapachuuf jenna, gareewwan biyyaalessaa ciccimoo Ameerikaa Kibbaa kana gidduutti taphni gaarii akka mula'tun abdadha'' jedhan Leenjisaan Arjantiinaa Li'ooneel Iskaloonii.
Qophii jeeqamaa fi deeggartoota malee
Kooppa Ameerikaan akkuma dorgommiiwwan idila addunyaa kaanii sababa weerara Koronaatiin waggaa tokkoon barfateetu gaggeefame.
Waggoota 105 keessattis yeroo jalqabaa biyyoota lamaan akka qophaa'u murtaahee Kolombiyaafi Arjantiinaatuu qopheessuuf ture.
Federeshiniin Kubbaa miilaa Ameerikaa Kibbaa garuu Kolombiyaa keessa rakkoo nageenyaa jirurraa kan ka'e achitti akka hin deemsifamne murteesse.
Booda Arjantiinaa keessattis weerari koronaa waan hammaateef tapha hunda hin keessumeessitu jedhamee, carraan Biraaziiliif kenname.
Taphootni hunduu bakka deeggartootni hin jirretti istaadiyoomii duwwaa keessatti gaggeefame.
Taphni xumuraa kun Riyoo istaadiyoomii guddicha Maaraakaanaatti taphatama.
Taphni Biraaziiliifi Arjantiinaa tapha kubbaa miilaa akkasumaanii miti jedha taphataan ittisaa Biraazil Markiini'oos. Huccuuwwan biyyoota lamaanii addunyaan callisee isa daawwatudhas jedhe.













