Liyooneel Meesii: Jifataan Baarseloonaa Ameerikaa keessatti taphachuun fedha jedhe

Meesiin goolii galchee gammachuu yoo ibsatu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tapha dhiyeenya Mudde 22 Barseloonaan 3-0n injifate irratti Meesiin goolii galche

Taphataan sarara duraa (jifataa) fi dursaan taphattootaa Baarseloonaa Liyooneel Meesii gaaf tokko Ameerikaa keessatti taphachuu akka fedhu dubbate.

Kontiraati inni Barseeloonaa waliin mallatteesse Waxabajjii dhufu wayita xumuramu maaltu akka itti aanu garuu mirkanaan hin beeku.

Tapahataan lammii Arjantiinaa ganna 33 kun Amajjii kana keessa kilaboota waliin waa'ee waliigaltee marii eegala.

Hagayya darbe Baarseloonaa gadi dhiisuuf gaaffii erga dhiyeeffatee booda waa'een hegeree taphataa kanaa qalbii nama hedduu hawwate.

"Maal akkan godhu hanga yoonaa hin barre," jechuun Meesiin chaanalii TV Ispeen 'La Sexta' jedhamutti dubbate.

"Hanga waqtiin taphaa kun dhumuutti nan eega. Ameerikaa keessatti tapachuun "muuxannoo jireenyaa fi liigii biyyattii horachuuf fedha, achii booda garuu sadarkaa wayiirra gahee Barseloonaatti deebi'uun koo hin oolu," jedhe.

"Ammatti wanti murteessaan garee koo irratti xiyyeeffadhee waqtii taphaa kana xumuruu, xiyyeeffannaan waancaawwan mo'achuu yaaluu fi qalbiin koo waan kaaniin akka hin hatamnedha," jedhe.

Bara darbe waancaa homaatuu kan hin injifanne Baarseloonaan bara kana Laa Liigaa sadarkaa shanaffaarra jira.

Barana haalli itti eegalan waggoota 33 darban keessatti isa badaadha jedhama.

Ganna 13n Baarseloonaatti kan makame Meesiin taphata kilabichaaf goolii hedduu galche ta'uun riikoordii qabateera.

Kilabicha waliin Laa Liigaa Ispeen al 10, Chaampiyoons Liigii al 4 akkasumas taphataa cimaa Addunyaaf kan kennamu badhaasa Ballon d'Or al jaha injifateera.

Sababa pireezidantii Baarseloonaa Jooseep Maariyaa Bartomewoo waliin wal dhabeef kilabicha gadi dhiisuuf gaaffiin inni dhiyeesse dubbii ijoo ta'ee ture.

Booda Onkoloolessa keessa pireezidantiin kilabichaa aangoo gadi dhiise.

Meesiin yeroon Bartomewoo aangoorra ture "balaa ture" jechuun ibse.

"Kilabichaaf, hundumaaf yeroo badaa ture. Kilabichi haala badaa keessa akka ture warri keessa jiran ni beeku. Haalli jiru daran badaadha, kilabicha bakka duraan turetti deebisuuf ulfaatadha," jedhee ture.