Gaardiyoolaa: Liyoonel Meesiin tapha kubba miilaa Baarseloonaatti xumura

Madda suuraa, Getty Images
Pep Gaardiyoolaan taphataan Baarseloonaa Liyooneel Meesiin Maanchister Siitii galuun leenjisaa isaa duraanii waliin walitti dabalama oduu jedhu dhugaa akka hin taane hime.
Meesiin tapha kubba miilaa Baarseloonaa keessatti waan xumuru natti fakkaata jedhe.
Meesiin hanga ammaatti Baarseloonaaf taphachaa kan ture yoo tahu waliigaltee ganna kana bilisaan bahee kilaba biraa galuus qaba.
Gaardiyoolaan Niiw Kaampitti Meesii bara 2008-2012 gidduu leenjisaa tureera. Waancaa Laaligaa sadii fi Shaampiyoonsi Liigii lamas waliin injifatamniiru.
Leenjisaan Maanchister Siitii Gaardiyoolaan, Meesiin achuma Baarsaa keessa akka turuun hawwa jechuun carraa Maanchister Siitiif mallatteessuu qaba jedhuuf ibse.
Gaardiyoolaan waggoota afur keessatti Baarseloonaa waliin waancaawwan 14 injifachuun ture gadhiisuun Baayir Muuniik kan gale.
Baayerni waliinis walitti aansuun waancaa Buundisliigaa sadii injifateera. Maanchister Siitii waliinis waancaa PL lama yoo mo'atu bara kana hanga ammaatti Liiverpuuliin qabxiiwwan 22'n caalameera.
Meesiin hanga ammaatti badhaasa Ballon d'Or jahaa fi waancaa Laaligaa 10 akkasumas Shaampiyoonsi Liigii afur mo'ateera.














