Maanchester Siitiin : Peep Gaardiyoolaa kilabiin isaa ammallee Liiverpuuliin ni qaqqaba jedhee amana

Madda suuraa, Reuters
Manaajerri kilaba Maanchester Siitii Peep Gaardiyoolaa "walirraa fageenya guddaatu jira" garuu Piriimer Liigii Ingliiz keessatti mo'achuuf dorgomuudhaaf kilabni isaa Liiverpuuliin qaqqabuu danda'a jedhee amana.
Tapha Piriimer Liigii torban saddetteffatiin Siitiin Woolvisiin 2-0n mo'amuun garaa garummaan Liiverpuul waliin qabu saddetti ta'eera jechuudha.
Taphoota saddet yeroo taphatametti kilabiin garaa garummaa qabxii hanag kanaa guddatuun dursuun erga bara 2014 Chelsiin Piriimer Liigii keessatti qabxii guddaan dursaa turee isa guddaadha jedhameera.
"Ani taphattoota kana nan isaan beeka. Ammallee haalaan of kennanii taphataa jiru waan ta'eef qaqqabuu ni dandeenya," jedhe Gaardiyoolaan.
Tapha Sanbata darbeen saatiin dhumee daqiiqaa dabalataa keessatti adabbii penaaliitii Jaamsi Miilner argataniin Lesteriin mo'atee Liiverpuul erga taphoota hunda Piriimer Liigii bara kanaa mo'achuun qabxii 24 qabatee garaa garummmaa fagootiin dursaa jira.
"Ani nan beeka, walirraa fageenya keenya guddaadha. Haala gara garaatiin isaan [Liiverpuul] qabxii tokkollee hin dhabne. Kilabiin tokko qabxii saddetiin na dursa jedhanii yaaduun gaarii miti.
Amma reefuu Onkoloolessa keessa jira. Ammallee taphoota hedduutu fuuldura kenya jira."
Haalli Maancher Yunaayitid itti jiru gonkumaa fudhatama hin qabu
Taphaan goolii Maanchester Yunaayitid eegu Daaviid dee Giyaa dadhabiinsi gareen isaa tapha baranaa keessa jiru "kan fudhatama hin qabnee"fi erga kilaba kanatti makamee kun yeroo "baayyee rakkisaadha" isa mudate akka ta'e dubbate.
Tapha Dilbata darbe Niiwuu Kasil waliin taphateen Maanchester Yunaayitid 1-0tiin mo'amuun isaa waggoota 30 asitti jalqabbiirratti akkasi qabxii dhabuun isaan mudatee turetti isaan deebise.
Kilaboota gurguddoo yeroo baayyee sadarkaa 1-4 qabatan keessaa Tootinhaamiifi Maachester Yunaayitid sigigaachuutti jiru.
Maanchester Yunaayitid amma sadarkaa gadi bu'uurraa qabxii lama qofaan fagaatee sadarkaa 12ffaa irra jira.
Tootinhaam ammoo saglaffaarra jira.
Warri kaan ammoo Liiverpuul qabxii 24 tokkoffaa, Maanchester Siitiin qabxii 16 lamaffaa, Arsenaal qabxii 15 qabatee sadaffaa, Leesteriifi Chelsiin ammoo qabxii 14 walqixa qabatanii caalmaa gooliin duraafi duubaan sadarkaa afraffaafi shanaffaarra jiru.















