Arsenaal 3-2 Aston Viillaa: Awubaameyaang haala hin eegamneen akka Arsenaal mo'atu taasiseera

Awubaameyaang haala hin eegamneen akka Arsenaal mo'atu taasise

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Awubaameyaang haala hin eegamneen akka Arsenaal mo'atu taasise

Manaajerri Kilaba Arsenaal Unai Emery si'a lama boodarraa ka'anii Aston Viilaa mo'tachuu isaaniitiif tokkummaa "ajaa'ibaa" gareen isaa qabu jajaniiru garuu sararri ittisii Kilabichaa ammallee fooyyaa'uu akka qabu amanananiiru.

Adabbii Arsenaal taphichi dhumuudhaaf yeroo daqiiqaan ja'a hafu argatanii jennaan Pi'eerree-Emeriik Awubaameyaang haala ajaa'ibaan rukkute garee isaa haala hin eegamneen akka mo'atan gargaareera.

Arsenaal boqonnaa dura erga taphataan tokko Ainsley Maitland-Niles kaardii diimaatiin jalaa ba'ee taphattoota 10 qofaan taphachuuf dirqamee ture.

"Aston Viilaan garee gaariifi qindaa'aadha. Kanaan booda foyyeessinee ni cimna jedheen abdadha. Deggertoota keenya waliin taphawwan jiraniif akka foyyeessinu abdiin qaba."

"Sarara ittisaa keenya foyyeeffachuun yaaddoo nuti furachuu qabnudha. Osoo ittisi cimaa qabaannee carraa ittiin lakkoofsisan hin qaban ture."

Gooliin jalqabaa Nikoolaas Peeppee Arsenaaliif lakkoofsise akka Aston Viilaa waliin walqixa ta'aniif gargaree ture.

Garuu osoo daqiiqaa lama hin guutiin goolii Wesiliin kan Jaak Giriilish irraa isaaf kennamteen lakkoofsiseen dursuutti deebi'anii turan.

Garuu yeroo gara xumuraati dhiyaataa dhufan Arsenaal taphatoota 10 ajaa'iba hojjetan. Keessumaa Kaalum Chaambers daqiiqaa 81ffaa irratti jijjiiramee erga galee hedduu kaka'an.

Miira kanarraa ka'uun ture haleellaan cimaa Awubaameyaang daqiiqaa dhumaarratti taasiseen gareen isaa mo'achuun Arsenaaliin sadarkaa tokkoo hanga afurii keessa akka galuu danda'u kan taasise.

Tapha Arsenaaliifi Aston Viilaan waliin taasisan kanaan Maate'oo Gundoozii dandeettii ajaa'ibaa agarsiiseera.

Arsenaaliif sararri ittisaa akkuma yaaddoo ta'e Aston Viilaatiif ammoo taphoota lamaan darbanirratti goolii lakkoofsisuun isaan rakkisaa jiraachuun isaa rakkoo sarara fuula duraa akka qaban agarsiisa.

Taphataa cimaa taphichaa - Mate'oo Gundoozii

Gundooziin mo'annaa Arsenaaliif yeroo miira isaa ibsatutti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gundooziin mo'annaa Arsenaaliif yeroo miira isaa ibsatutti

Manaajerri Arsenaal Unai Emery BBC'tti akka himanitti, "Daaqiiqaawwan 90 keessatti waan baayyeen ta'aniiru. Yeroo taphatoonni keenya 11 walqixarra turretti taphicha akka barbaannutti to'achuu hin dandeeye ture sababiin isaas kubbaa hedduu sarara gidduurraa dabarsinee carraa isaaniif kennaa turreerra.

Yeroo halleelluufi sarara warra morkattoota keenyaa keessa seenutti sirriitti taphataa turre. Carraa bareedaas uuma turre."

"Erga goolii lakkoofsifnee booda foyyeeffachuu ni dandeenya ture garuu kaardiin diimaa haala jiru nu jalaa jijjiireera.

Aston Viilaan duranii lakkoofsisanillee garuu dhumarratti mo'atamaniiru.

Walumaa galatatti taphoota Piriimer Liigii Ingliiz torban ja'affaatiif Dilbata kaleessaa taphatameen Arsenaal Aston Viilaatiin 3fi 2 yoo mo'atu, West Haam Maanchester Yunaayitindiin 2fi 0 mo'ateera.

Tapha guddaa torban kanaa Liiverpuuliifi Chelsii gidduutti kan ture yommuu ta'u Liiverpuul 2fi 1 injifateera.

Kiristaal Palaasiifi Woolviiz ammoo 1fi 1n walqixa bahan.

Tapha ja'an hunda mo'achuun Liiverpuul qabxii 18 sadarkaa tokkooffaaarra kan jiru yommuu ta'u Maanchester Siitii ammoo qabxii 13 lamaffaadha.

Leester, Arsenaaliifi West Haam ammoo qabxii 11 duraafi duubaan sadarkaa 3-4 qabataniiru.