Bidiruun godaantotaa Tuniziyaa kaate dhidhimuun namoonni 43 du'an

Bidiruun goodaantota tokkoo erga qarqara Tuniziyaatti dhidhimteen booda namoonni 43 bishaaniin nyaatamu Waldaan Ji'a Diimaa Tuniziyaa beeksiise.

Baqattoonni kunneenis Liibiyaa buufata Zuwaaraa jedhamuu ka'uun galaana Meeditiraaliyaanii qaxxaamuruun Awuurooppaa galuuf yaalaa turan.

Namoonni bidiruu sanarra turan kan biraa 84 ammoo humna galaanaa Tuniziyaatiin baraaramusaanii, Hogganaan Ji'a Diimaa Tuniziyaa Mongi Islim himan.

Yeroon qilleensaa ho'aan yeroo itti godaantoonni kaaba Afriikaa irraa gara Awurooppaa deeman itti dabaludha.

Bidiruun sunis imalashee halkan Wiixataa eegaltee kan turte yoo ta'u, lammiilee biyyoota Masrii, Sudaan, Ertiraa fi Baanglaadish irraa dhufan qabbattee akka turte waldichi beeksiiseera.

Haata'u malee bidirittiin walakkaa galaanaatti motarri rakkina waan godhateef dhidhimuushee himameera.

Godaantonni bidiruu sanarraa buufata qurxummii kan taatee Zaarziis irratti lubbuun baraaramanis, umuriinsaanii waggaa sadii kan hanga 40 ta'aniidha jedhuun Ministeerri Ittisaa Tuniziyaa ibseera.

Waldaan Ji'a Diimaa Tuniziyaas namoota lubbuun hafaniif erga nyaataafi dhugaatii kennaniif booda yeroo adda baafamanii turuu Covid-19 keessatti akka dabarsaniif mana turmaataa barbaadaaf jiraachu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

Liibiyaan biyya Afrikaa godaantoota hedduu galaana Meeditiriyaaniyaanii qaxxaamuruun Awurooppaa galuuf yaalaniif lafa ka'umsaa guddittiidha.

Haa ta'u malee Tuniziyaanis biyya Afrikaa biraa godaantota jidduugala taatee yoo taatu, Gamtaan Awuurooppaa rakkoo godaansaa gara sanatti taasifamu furuuf sochii hiyyuummaa hir'isuuf Afrikaa keessatti taasifamu akka gargaaraniif waamicha taasifte turte.