Filannoo Itoophiyaa 2021: 'Saanduuqni banaman waan argamaniif Boordiin Filannoo har'a bakkeewwan filannoon itti hin gaggeeffamne jirachuu himeera

saanduuqa filannoo

Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa saanduuqniiwwan waraqaa sagalee filannoo qabatan banaman waan argamaniif boru naannolee filannoo shan irratti filannoon akka hin jirree beeksiise.

Naannoolee filannoo boru filannoon itti hin gaggeeffamnees Oromiyaa Shawaa Lixaa naannoo filannoo Gindabarati, Gujii Nageelleefi Naannoo Amaaraa Walloo Kibbaa naannoo filannoo Tahuldaree 1 fi 2, akkasumas Amaaraa naannoo filannoo Danbiiyaatti jedhameera.

Murtee Boordii Filannoo kanaanis naannoolee filannoo shanan kanneenitti kaadhiimamaan mana maree naannootiifis ta'ee paarlaamaaf dorgomu hin jiru jechuudha.

''Saanduuqiiwwan sagalee raabsamaa turan banamanii argaman. Bakkeewwan saanduqoonni kunneen banaman itti argamaniitti filannoon akka hin gageeffamne Boordichi murteesseera,'' jechuun gorsituun kominikeeshinii Boordichaa Sooliyaanaa Shimallis ibsaniiru.

Danbiiyaa

Raawwachiiftonni naannoo Danbiyaa sadii saanduuqawwan sagalee banuudhaan barruulee sagaleen ittiin kennamu ilaaluusaanii dubbii himtuun Booridichaa Sooliyaanaan har'a himan.

''Dhimma kanaanis qorannoon akka gaggeeffamuuf poolisii Federaalaatti beeksiifnee jirra,'' jedhan.

Saanduuqawwan meeshaalee filannoo qabatan banuun yakka cimaadha kan jedhan Sooliyaanaan, naannoo filannoo Danbiyaatti boru adeemsi filannoo kan hin jirree ta'uu himan.

Naannoo filannoo Tawudaree 1 fi 2

Naannoo Amaaraa godina Walloo Kibbaatti kan argamu naannoon filannoo Tahudaree 1 fi 2 haaluma walfakkaatuun saanduuqi banamuun tarreen dorgomtootaa keessa ture waan argameef achittis filannoon hin gaggeeffamu jedhan.

Naannoo filannoo Gindabarat

Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Lixaatti kan argamu naannoo filannoo Gindabaratiitti bakka arfaffaa Wiixata boruu filannoon itti hin gaggeeffamne ta'uu Sooliyaanaa Shimallis dubbataniiru.

''Gindabaratiitti boru filannoon kan hin gaggeeffamne saanduqii banamee argamee waan hin taaneef sababii hir'ina raawwachiiftota filanootiin ture. Aanichi ofiisaatiin raawwachiiftoota leenjiisuun filannicha raawwachiisuuf bobbaasee waan argameef Gindabarat irrati sagalee hin kenniisiifnu,'' jedhaniiru.

Naannoo filannoo Nageellee Boranaa

Nageelleetti dorgomtuun dhuunfaa 'filannoof galmaa'ee erga waraqaan ragaa naaf keennameen booda tarree kaadhiimamtoota kenniinsa sagalee filannoo irratti hin mul'annee' jedhanii komii dhiyeeffatanii hordofee, boru naannoo filannoo nageelleetti filannoon akka hin gaggeeffamnee murtaa'uu Sooliyaan dubbatan.

Ummattoota Kibbaatti kan argamu naannoo filannoo Siiqqee 1 fi 2 saanduuqi sagalee baqaqee aragamuu Sooliyaanaan dubbatan.

Waraqaaleen sagalee saanduqicha keessaa waan hin tuqamneef bakka raawwachiiftoonni filannoo, bakka bu'oonni kaadhimamtoota hundaafi qaamoolee nageenyaa bakka argamaniitti qaboo yaa'ii qabamuun saanduqi akka jijjiramu taasifamusaatti filannoon akka raawatamu taasifamuu ibsan.

Kanaaf, naannoo filannoo Siiqqeetti 1 fi 2tti boru filannoon ni gaggeeffama.

Filannoo boru gaggeeffamuun nama hangamiituu bahee sagalee kenna jedhamee eegama jedhamuun kan gaafataman Sooliyaanaan, ''tilmaamni kana jedhame hin jiru. Garuu filannoo kana dura biyyattiitti gaggeeffameen namoota galmaa'an keessaa kan harka 80 ta'u ni filata ture,'' jedhan.

Filannoon biyyaaleessaa marsaa 6ffaa eddoowwan biyyatti irra caala keessatti boru Waxabajjii 21, 2021 ni gaggeeffama.

Filannoon marsaa lammaffaa ammoo baatii lamaan booda Fulbaana 6 bakkeewwan hafan hundatti ni gaggeeffama jedhamee eegama.