Tapha Kooppaa Ameerikaa irratti Neeyimaar Biraaziliif galchii lakkoofsise

Madda suuraa, Getty Images
Biraazil waancaa Kooppaa Ameerikaa kana dura mo'atte eegsifachuuf jecha dorgommicha injifannoon eegalte.
Venezuweelaa waliin taphachuun 3 fi 0'n yoo mo'attu taphataa cimaa PSG fi Biraazil kan tahe Neeyimaar galchii tokko lakkoofsisuun tokko ammoo mijeessee kenne.
Biraaziliif galchii 3ffaa kan lakkoofsise ammoo Gabri'eel Barboosaa yoo tahu kubba Neeyimaar mijeessee kenneef ture.
Neeyimaar waliin PSG kan taphatuufi taphataan sarara ittisaa Maarkoniyoos galchee jalqabaa Biraaziliif lakkoofsise. Kuni kubba roga irraa dhahame gareen Venezuweelaa sirriitti deebisuu dadhabuu isaanii fayyadamuuni.
Tapha ramaddii A Biraazil keessatti argamtu kana guyyaa tokko dursuun taphattootni Venezuweelaa 12 fi gareen leenjistootaa koroonaavaayirasiin qabamuu barame. Garee kana keessatti Kolombiyaa, Ikkuwaador, Peeruu, Venezuweelaa fi Biraazil argamu.
Kolombiyaan tapha jalqabaan 1 fi 0'n Ikkuwaador mo'atteetti. Galchiin kun jalqaba murteessaa taphichaan taphaan ala jedhamuun haqamee ture. Booda deeggarsa viidiyoo [VAR] akka lakkaa'amu tahe.
Taphataan Evertan Riicharlisan galchii tokko lakkoofsisuun jalaa haqame. Neeyimar kan lakkoofsise malee fageenya dhiyoo irratti galchii kan tahuu male dhabeera.
Neeyimaar garee biyyaaleessaa Biraaziliif galchii 67ffaa isaa lakkoofsisuu isaati. Neeyimaar carraa galchii argate hedduutti hin fayyadamne malee silaa rikardii galchii biyyaaleessaa Peelee 77tti ni siqa ture.
Dorgommiin Kooppaa Ameerikaa 47ffaan kun sababa koroonaavaayirasiin akkuma dorgommii waancaa Awurooppaa kaanii waggaa tokkoof achi siqeet amma gaggeeffamuu jalqabe.
Federeeshiniin Kubba Miilaa Ameerikaa Kibbaa, qopheesituu tahuuf kan turte Kolombiyaa sababa mormii mootummaa irratti ka'een ji'a Caamsaa keessa haqee ture. Sababa weerara koroonaavaayirasiin booda Arjentiinaan akka qopheesituuf fudhatte.
BBC'n dorgommii 28 tahu hundaa kan Kooppaa Ameerikaa 2021 ni tamsaasa. Dorgommichi hanga Adooleesa 10tti kan gaggeeffamu yoo tahu, biyyoota kudhantu irratti hirmaata.














