Feesbuuk akkaawuntiiwwan Doonaaldi Tiraamp ganna lamaaf ugguruu beeksise

Pireezidantii duraanii US Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Tiraamp Amajjii darbe walatajjiiwwan miidiyaa hawaasaa Feesbuuk fi Inistaagiraam irraa yeroo hin beekamneef ugguramuun ibsamee kan ture ta'uus Koreen dhaabbata Feesbuuk dhorkaan yeroo itti goolabamu hin beekamne sirrii miti jechuun murticha keessa deebi'ee ilaaleera.

Sababni uggura kanaa ammoo hokkora Kaappital Hiil walqabatee maxxansaalee Tiraamp hokkora jajjabeessuun maxxansaniidha jedhameera.

Feesbuuk, gochaan Tiraamp ''seera keenya akka malee kan sarbeedha'' jedheera.

Tiraamp gama isaaniin murteen kun deeggartoota isaanii miiliyoonaan lakkaawwaman kan filannoo bara darbeerratti isaan filataniif 'arrabsoodha' jechuun murticha qeeqaniiru.

Dhaabbati Feesbuuk imaammata aanga'oonni siyaasaa maxxansa isaaniirratti jijjiirama akka godhan seera hayyamu hambisuuf yeroo murteessettii dhorkaa raggaasifameedha.

Namootni siyaasaa odeeffannoowwan dogongorsoo fi qaama wayii miidhan erga baasanii booda gocha isaaniif sababa dhiyeessuun gaafatamuu jalaa akka oolan seerri dhaabbatichi baasee ture sirrii miti ejjennoo jedhu qabateera dhaabbatichi.

Pireezidantii itti aanaan dhimmoota idila addunyaa dhaabbata Feesbuuk Niik Kileeg murteen haaraan dhaabbatichi akkaawuntiiwwan feesbuukiifi Inistaagiraamii Doonaald Tiraamp irratti dabarse yeroo jalqaba akkaawuntiin isaanii cufaman jechuunis Amajjii 7 irraa eegalee lakkaawamuun hojiirra oola jedhan.

''Gocha Tiraampiin akka uggurru sababa ta'e yoo madaallu seera keenya kan cabseedha, kanaaniis adabbii keenya isa dhumaan adabamuutu malaaf'' jedhan Niiik.

''Nageenya hawaasaaf wanti balaa ta'u jiraachuu yoo hubanne yeroo murtaaheefi dhorkaan kaahame akka dheeratu gochuu dandeenya, hanga balaan inni fidu hin jiraannettis qorachuu itti fufna'' jedhan itti dabaluun.

Tiraamp seera kan cabsan yoo ta'e dhorkaan kun ittuu hammaachaa deemas jedhaniiru.

Tiraamp maal jedhan?

Tiraamp karaa Koree Jaarmiyaa isaanii 'Save America political action' jedhamuun ibsa baasaniin ''murteen Feesbuuk uummata miiliyoona 75 ol ta'u gadi bahee nu filate kan seenaa keessatti isa guddaa ta'eef arrabsoodha'' jedhan.

''Saansurii gochuufi sagalee ukkaamsuu akka itti fufan hayyamamuufiin hin ta'u, dhumarrattis ni injifanna. Biyyi keenya sarabama mirgaa kana baattee itti hin fuftu''

Ibsa isa lammaffaa ugguramuu isaanii ilaalchisee baasaniin ammoo Tiraamp hundeessaa Feesbuuk qeeqaniiru.

''Yeroo ittaanu ani waayit Haawus galu gaaffii hirbaata na affeerii jedhuun Maark Zuukerbargiifi haadha warraa isaa hirbaata hin affeeru'' jedhan pireezidantiin duraanii Ameerikaa.

Akka uggura haaraa Feesbuuk kanatti Tiraamp gara waltajjabiiwwan miidiyaa hawaasaa kanatti kan deebi'an filannoo pireezidantummaa biyyattii bara 2024 durseeti.

Tiraamp filannoo bara sadii booda gaggeeffamu irratti irra deebiin hirmaachuuf karoora qabu kanaafis lafa jala qophiitti jiru.

Waltajjii miidiyaa hawaasaa ji'atti fayyaadmtoota biiliyoona lama qabu Feesbuukiin cinaattis Tiraamp, waltajjiiwwan miidiyaalee hawaasaa akka Twitter, YouTube, Snaptchat, Twitch fi kaan irraas sababuma hokkora Kaappital Hiiliin ugguramaniiru.

Immaammatni Feesbuuk haaraan maal jedha?

Dhaabbatni Feesbuuk namootni bebbeekamoon seera dhaabbatichaa cabsuun tasagabbii dhabuufi hokkora wayita kakaasan ji'a tokkoon yoo hamaa ta'e ammoo hanga waggaa lamaa nan uggura jedha.

Imaammatni kun imaammata kana dura dhaamsi namoota siyaasaa qabiiyyee oduu qaba sababa jedhuun osoodhuma balaa qabu akka dhiifamu jajjabeessu bakka bu'a.

Imaammata haaraa kanaanis ergaaleen addatti barbaachisoodha jedhaman, seera jaarmiyichaa yoo cabsan akeekkachiisatu kennamaaf.

Qabiyyee maxxansa namoota siyaasaa ammaan duuba safartuu addaan hin ilaalus jedheera.

Qabiiyyeen maxxansichaa barbaachisuummaa ykn fayidaa hawaasaaf qabu moo balaa inni geessisutu caala jedhee madaaluun yoo balaan isaa kan caalu ta'e tarkaanfii akka fudhatus ajaja, imaammatni haaraan kun.

Koreen Feesbuuk 'Oversight Board' murteen amma dura dhaabbatichi Tiraamp irratti dabarsee ture yeroo murtaahaa waan hin qabneef sirrii miti murtee jedhu dabarseera.

Koreen kun miseensota 20 kan qabu yoo ta'u qabiyyee maxxansaalee qorachuun murtee dabasruuf aangoo qaba.