Qabsoo Qeerrootii hanga waraana Tigraayitti: Marii koree hariiroo alaa Seeneetii US

Marii Koree Hariiroo Alaa Seeneetii US

Madda suuraa, Senate Foreign Relations Committee

Koreen Hariiroo Alaa Seeneetii Ameerikaa dhimma waraana naannoo Tigiraay, Hidha Haaromsaa, siyaasa Itoophiyaa keessaafi tasgabbii Gaanfa Afrikaa irratti ragaa qondaalotaa dhagahuun marii gaggeessaniiru.

Mariin isaanii kun mata-duree ''Hokkara Itoophiyaa keessaafi deebii imaammata alaa US'' kan jedhuun gaggeeffame.

Ministeera Haajaa Alaa UStti, Bakka Bu'aan Hogganaa Yeroofii, Biiroo Dhimma Afrikaa, Rooberti F Godenik fi Gargaartuun Bulchiinsaa Deeggarsa Namoomaa Ameerikaa 'USAID' Saaraa Chaarles, koree Seeneetii dhimma alaaf gabaasa dhiyeessaniiru.

Waltajjii kana irratti senaaterootniifi qondaalonni dhimma alaa biyyattii rakkoo siyaasaafi waraana naannoo Tigiraay hordofaa turan ragaa walitti qabaa turan bifa gabaasaan dhiyeessaniiru.

Walitti qabaan korichaa Mr Menendez, Itoophiyaan biyya seenaa guddaa qabduufi michuu waggoota dheeraa Ameerikaa tahuu baninsa marichaa irratti dubbatan.

Itoophiyaatti bulchiinsa abbaa irree waggoota dheeraan booda MM Abiy Ahimed, cehumsa dimokiraasii fida jedhamee abdatamee ture jedhan.

Amma MM Abiy ''waadaa cehumsa dimokiraasii biyyattii nan fida jedhan cabsuun, dirree siyaasaa dhiphisuun, hooggantoota paartilee siyaasaa hidhuu itti fufeera'' jedhan.

Kana malees, waraana naannoo Tigiraayiin wal qabatee ''Isa Daarfur kan fakkaatu ajjeechaa akka malee, yakka gudeeddii humna waraanaan raawwatuu fi kaampii baqattootaa haleeluu keessatti qaamni hirmaate gama hundaan itti gaafatamuu qaba jedhan.

Senaater Menendez humni addaa naannoo Amaaraafi loltootni Eertiraa naannoo Tigiraay keessatti namoota nagaa hidhannoo hin qabne irratti yakka ajjeechaa raawwataniiru jechuun dubbatan.

Mootummaan Itoophiyaa gama isaan waraana Tigraayitti kan gale dirqamee akka ta'eefi duula olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeessaa akka jiru ibsa.

Ameerikaa dabalatee dhaabbileen idil-addunyaa waraana kanaan walqabasiisanii dhiibbaa mootummaa irraan gahaa jiranis dhimma keessoo biyya walabaa keessatti gidduu seentummaa fudhatama hin qabne dha jechuun irra deddeebiin balaaleffata.

US, hooggantoota siyaasaafi waraanaa Itoophiyaafi Eertiraa yakkicha keessatti hirmaataniiru jette irratti dhorka viizaa dabarsuun, gama deeggarsa maallaqaanis kan namoomaan ala kaan akka dhaabdu ibsiteetti.

Murtoon kun qondaalota mootummaa Itoophiyaa akka hin gammachiisnes dubbii isaanii irratti himaniiru.

''Waadaa Cehumsa Dimokiraasii Abiy Ahimed cabe...''

Waltajjii kana irratti Senaater Jeemsi Elrooy Riish, ''bara 2018 yeroo Abiy Ahimed aangootti dhufe biyyattii gara sirna dimokiraasiitti ceesisa jedhamee abdatamaa ture. Kana dhugoomsuun ni danda'ama ture. Garuu rakkoon addunyaa mudate weerarri Koroonaavaayirasii biyyichas miidhuun imalicha walxaxaa taasise,'' jedhan.

MM Abiy yeroo aangoo qabatan dubbii isaan taasisaa turanii fi haaromsa isaan biyyattiitti fiduuf dubbataa turan uummata biyyattiif qofa osoo hin taane addunyaa irratti abdii kan hore ture jedhan.

''Amma yaaddoo waraana Tigiraay keessaa qofa osoo hin taane cehumsi dinagdee fi dimokiraasii akka uummatni biyyattii hundi barbaaduun miti.''

Sen. Menendez dabalataan waraana naannoo Tigiraayiin mootummaan ''seeran kabachiisa'' jechuun ibsuu, ajjeechaan jumlaa, deeggarsa namoomaa danquu fi sarbamni mirga namoomaa jiraachuu akkasumas lakkoofsi baqattootaa dabaluun rakkinicha hammeessuu himan.

Ce'umsi abdatames akka ''fashalaa'aa'' jiru kan eeran senaaterichi rakkoo naannoo Tigiraayiin qofa osoo hin taane walitti bu'insa naannoo Benishaangul, Amaaraa fi Oromiyaa keessatti mudatuun lubbuun namootaa darbuunis yaaddoo biraa tahuu kaasan.

Senaater Riish ammoo rakkoon biyyattii filannoo tokkoon qofa kan hiikamu miti. Isa irratti ammoo dirreen siyaasaa biyyattii keessatti abdatames dhiphateera jedhan.

Senaater Kuunsi gama isaaniin ''ka'umsa Abiy jalqabaatti gammadnee ture. Mul'ata inni uummata addunyaafi uummatasaaf qabu kan nama kakaasu ture. Haa tahu malee amma kana dhugoomsaa hin jiru. Dargaggoonni Oromiyaatii finciluun aangootti isa baasan gariin mana hidhaa, kaan ammoo hidhattoota bosonaatti makamaa jiru,'' jedhan.

Mr Kuunsi, Bulchiinsa Baayidaniin ergamaa addaa jedhamanii gara Itoophiyaatti imaluun MM Abiy waliin marii gaggeessanii ture.

Ministera Dhimma Alaa Ameerikaatti, Bakka Bu'aan Barreessaa Biiroo Dhimma Afrikaa Roobert F Goodek, ''mul'anni Abiy jalqaba qabatee ka'e haala amma deemaa jiruun galma gahaa hin jiru'' jedhan.

''Dirreen siyaasaa dhiphachuu, miidiyaaleerra dhiibbaan gahuu, gaazexessitootni ajjeefamuu, hidhamuu fi ari'amuu ilaalchisee rakkootu jira.''

Roobert K Godek rakkoo siyaasaa Itoophiyaa mudate furuuf ''marii hunda hirmaachisetu gaggeeffamuu qaba'' jedhan.

Ameerikaan filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa Waxabajji 21,2021 gaggeeffamu irratti taajjabdoota akka hin ergine himteetti.

Kunis bakka hoggantootnii fi miseensotni siyaasaa hedduun hidhaa jiraniitti filannoo bilisaa fi haqa qabeessa gaggeessuuf biyyattiin toora irratti hin argamtu jechuun ergamaa addaa US, Gaanfa Afrikaatti ergamaniif erga senaateroonni xalayaa bareessaniiti.

Dhimma Hidha Haaromsaafi nageenya Gaanfa Afrikaa

Senaater Riish hokkarri Itoophiyaa keessaa biyyoota Gaanfa Afrikaaf yaaddoo guddaadha jedhan. Itoophiyaa irra darbuun hojii nageenya kabachiisuu Sudanifi Somaaliya keessaafis danqaadha taha jedhan.

Dhimmi waraana Tigiraay keessaa akka biyyaatti egeree Itoophiyaaf qofa kan yaaddoo ta'u osoo hin taane, fedha nageenyaafi dinagdee Ameerikaan naannoo Gaanfa Afrikaa fi naannoo Galaana Diimaa keessaa qabdu irrattis yaaddodha jedhan.

''Kaayyoon jalqabaa US Itoophiyaa gara nageenyaatti deebisuudha. Tarkaanfiin Ameerikaadhaan fudhatame waan tahaa jiru sirrii akka hin taane qondaalotaa Itoophiyaaf ergaa akka tahuuf,'' jedhan senaater Riish.

Marii Koree Hariiroo Alaa Seeneetii US

Madda suuraa, Senate Foreign Relations Committee

Gaaffii senaateroota irraa yakki naannoo Tigiraayitti raawwatame ''yakka waraanaa yookaan yakka namomaa irratti raawwate jedhamuu danda'aa, jedhuuf Roobert F Goodek, qorataa akka jiraniifi mallattoon jiru ''yakki waraanaa'' raawwachuu akka hin hafne kan mul'isu tahuu himan.

Yeroo murtaa'een booda murtoo irra akka gahan qondaalli hariiroo dhimma alaa tokko ibsaniiru.

Kana malees, loltootni yakka naannoo Tigiraay keessatti hirmaatan ergama nageenya kabachiisuu biyyoota kaan keessatti miseensa tahuuf akka hin filamnes himaniiru.

''Loltootni akkasii yakkicha biyyicharra dabarsuun gara biyya biraatti akka fidan Ameerikaan hin eeyyamtu jedhan.

Senater Menendez, Itoophiyan biyyoota akka Sudaanii fi Masirii waliinis dhimma Hidha Haaromsaa irratti walitti bu'insa keessa galuu dandeessi jechuun sodaa qaban kaasan.

Senatirichi dhimma kana irratti Masirii waliin dubbachuu himuun ''isaan sarara diimaa'' jechuun kan qabatan jira jedhan.

Kana irratti Roobert F Goodek, akka biyyootni sadeen waliigalaniifi gara walitti bu'insaatti akka hin deemneef cimsinee hojjechaa jirra jedhan.

Rakko deeggarsa naannoo Tigiraay

Gargaartuun Bulchiinsa Deeggarsa Namoomaa Ameerikaa 'USAID' Saaraa Chaarles yeroo gabaasashee dhiyeessitu haala naannoo Tigiraayiin yaaddoo guddaa akka qabdu himte.

Ameerikaan uummata deeggarsa ariifachiisaa naannoo Tigiraayii barbaaduuf dhiyeessaa turuu himan. Lolliifi rakkoon nageenyaa naannicha jiru ammayyuu bakkeewwan deeggarsa akka barbaadan osoo beeknuu dhaqqabuu dadhabne keessatti hanqina nyaata madaalamaafi hongeen akka uumamuuf dhiibbaa taheera jette.

Namootni miliyoona tokko tahan deeggarsa lubbuu oolchuu barbaadan ammayyuu akka hin dhaqqabamne himteetti.

Ji'oota sadii darbaniif Ameerikaan karaa michoota dhaabbilee deeggarsa kennanii nyaata meetirik toonii 400,000 tahu kan uummata miliyoona afur sooruu danda'u dhiyeessuu himte Saaraa Chaarles.

Waraanni naannichaa ijoollee irratti dhiibbaa uumuu himuun, erga Guraandhalaa as michootni isaanii karaa dhaabbilee fayyaa ijoollee hambaa nyaachuun miidhaman 3,400 tahan yaala akka argatan godheera jette.

Ji'a Eblaa as ammoo Dhaabbanni Wabii Nyaata Addunyaa [WFP] karaa michoota isaa ijoollee, dubartoota ulfaafi harma hoosisan deeggarsa nyaata ariifachiisaa barbaadan 51,000 tahan dhaqqabuu himte.

USAID ijoollee wagga shanii olii balaa hanqina nyaata madaalamaaf saaxilamaa jiran 27,000 tahaniif guyya guyyaatti nyaata aannisa kennuu danda'u dhiyeessuu himteetti.

Erga naannoo Tigiraayitti waraanni jalqabameen as namootni 63,000 tahan gara biyya ollaa Sudaanitti kan baqatan yoo tahu, miliyoona lamaa ol ammoo biyyuma keessatti qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru.

Rakkoo guddaan ammoo deeggarsi akka hin dhiyaanne hulaan cufamuu akka tahe dhaabbileen gargaarsaa idil-addunyaa himaa turan.