Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jaappaanitti shofeerri baabura haalaan saffisu dhiisee mana fincaanii seene adabamuufi
Jaappaaniitti konkolaachisaan baabura haalaan saffisu keessaa bahuun mana fincaanii deeme adabamuufi.
Kokolaachisaan yookiin shofeerri baaburaa kun nama akka eegduutti baaburarra hojjetuufi eeyyama konkolaachisummaa hinqabne waamee baabura sa'aatii tokkotti fageenya km 150 fiigu itti dhiisee deemuu isaa miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Baaburi Hikari 633 jedhamu yeroos namoota 160 of keessaa qaba ture jedhame. Taaten kun garuu baabura kana balaarra hin buufnes jedhameera.
Kaampaaniin baaburichaa qondaaltotatti gabaasuun dhiifama gaafataniiru.
Kaampaaniin Central Japan Railway Company (JR Central) jedhamu taaten kuni kan ta'e gaafa Dilbataa ganama ta'u ibseera.
Konkolaachisaan ganna 36 maqaan isaa hin dhahamne garaachi dhukkubee mana fincaanii deemuun dirqama akka itti ta'e ibsameera.
Yeroos hojjetaa dhaabbatichaa biraa waamuun kutaa konkolaachistoonni keessa taa'an galchuun daqiiqaa sadiif biraa deemee mana fincaanii turuu kaampaanichi beeksiseera.
Dhaabbatichi konkolaachisaan yoo dhukkubsate kutaa ajajaa geejjibaa qunnamuu qaba ture jedheera.
Dabalataan, kan hojjetaa dhaabbatichaa yookiin eegduu baaburichaa harkaa akka fuudhan kan gochuu danda'an eegduun eeyyama konkolaachisaa yoo qabaate qofaadha.
Sababa kanaaf konkolaachisaafi eegduu harkaa fuudhee oofe irratti tarkaanfiin naamusaa akka fudhatamu dhaabbatichi beeksiseera.
Qondaalli olaanaa Masahiro Hayatsu ''Waan ta'u hin qabneetu raawwate. Dhiifama gaafanna,'' jechuun ripportarootatti dubbatan.
Baaburoonni Jaappaan haalaan kan hordofaman yoo ta'u balaan baaburaas xiqqaadha.
Balaan guddaa gahe bara 2005 yeroo magaalaa Lixa biyyattii Amagasakitti baaburri karaarraa maqee namoota 107 galaafatedha.
Dhaabbanni Jaappaan Shinkansen kan baabura saffisa guddaa ta'e kuni seenaa isaa waggaa 57 keessatti balaan takkaa isa hin qunnamne.