USAID: Dhaabbanni gargaarsaa Ameerikaa Itoophiyaatti yaaddoon beelaa jiraachuu hime

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni gargaarsaa Ameerikaa USAID Itoophiyaa keessa yaaddoon beelaa jiraachuu beeksise.
Hooggantuun Dhaabbata Eejansii Misooma Idil-addunyaa Yunaayitid Isteet (USAID) fi MM UK marii waloo taasisan irratti Itoophiyaa keessa yaaddoon beelaa jira jechuusaanii dhaabbatichi ibseera.
Hooggantuun USAID Saamaantaa Paawoor MM UK, Ministira Dhimmoota Misoomaafi Koman Wolzii Dominiik Raab waliin karaa onlaayinitiin marii taasiisaniin, waa'ee yaaddoo beelaa Itoophiyaafi Yamanitti dabalaa jiru mari'achuusaanii USAID beeksiseera.
Kana malees aanga'oonni kunneen waa'ee walitti dhufeenya Ameerikaafi Yunaayitid Kingdami cimsuu, dhimma Koronaavaayirasii, barnoota dubartootaafi bajata deeggarsa namoomaafi dhimma jijjiirama qilleensaa irratti mari'achuu gabaafameera.
Dabalataan, ''waa'ee yaaddoo beelaa Itoophiyaafi Yeemaniitti dabalaa jiruu mari'ataniiru'' jechuun alatti balaan beelaa kun kutaa biyyaa kam keessa akka jiru kan ibse hin qabu.
Gama biraatiin, ammoo Daarektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teediroos Adihaanoom lolli naannoo Tigiraayittii gaggeeffame haala jiru ''baayyee sukkaneessaadha'' jedhaniiru.
Daareektarri olaanaan kun naannoo Tigraayiitti namoonni beelaan du'aa jiru, hanqinni nyaataa babal'ataa jira jedhan.
Daareektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teediroos Adihaanoom ibsa Jeeneeviitti gaazexeessitootaaf kennaniin, ''haalli amma naannoo Tigraay keessa jiru jecha tokkoon yoon ibsu baayyee sukkaneessaadha.
''Ummanni miiliyoona 4 fi walakkaa ykn miliyoona shan ta'u ammatti deeggarsa namoomaa barbaada,'' jedhan.
''Kanneen dhibbantaa 91 ta'an deeggarsa nyaataa fi baay'een isaanii ammoo sababii beelaatiin du'aa jiru. Kana malees ammoo hanqinni nyaataa cimaa kan mudate hedduudha'' jedhan Dr Teediroos.
Lola naannoo Tigraayitti uumameen walqabatee namoonni miiliyoonotaan lakkaa'aman deeggarsi nyaata yeroo atattamaa akka barbaachisu ibsamaa turuun ni yaadatama.
Naannoo Tigraayiitti ''namoonni hedduun sababii hanqina nyaataatiin du'uu akka danda'an'' aanga'aan mootummaa tokko walgahii hojjattoota gargaarsaa waliin ture tokko irratti dubbachuu odeeffannoo bahee yaadannoo irratti barraa'ee argamuun gabaafamunsaa ni yaadatama.
Lola mootummaa federaalaafi naannichaa jidduutti uumameen, dhiyeessiitin nyaataa gabaarra dhabamuun, weerara awwaannisaa naannichatti mudatee tureefi kanneen birootiin namoota hedduu eeggattuummaan deeggarsa nyaataaf saaxiluu gabaasaaleen adda addaa himaa turan.
Mootummaan Gamtooman gama isaatiin ummanni Tigraay miliyoona 4.5 ta'u deeggarsa nyaataa atattamaa barbaada jedhee ture.
Motummaan Itoophiyaa gama isaatiin deeggarsa namoommaa lammiileen gahuuf kan danda'ameef hunda taasisaa turuu irra dedeebiin ibseera.
Kana malees motummaan dhaabbileen deeggarsa namoommaa dhiyeessan guutuu Tigraay keessa galuun akka hojjataniif hayyamun alattis namoota miliyoonaan lakkaa'amanif deeggarsa taasisuu beeksiseera.














