Iraaq sagantaa TV piraankii shororkeessummaa agarsiisu uggurte

Nama qawwee hidhatee jiru

Madda suuraa, RASLAN'S SHOOTING

Sagantaawwan TV Iraaq lama ajjeechaafi namoota beekamoo butuun gowwomsan ugguraman.

Qondaalootni sagantaawwan kunneen to’atan- Tony’s Bullet and Raaslaan’s Shooting jedhaman seera tamsaasa sagantaawwan cabsaniiruu jedhan.

Sagnataa Raaslaan tokko keessatti taatoon dhukaasa sobaatiin naatee gaggabdee turte.

Daawwattooti sagantichaa suukaneessaa hokkora Iraaqitti irra deddeebiin dhalatu kan yaada keessa hin galchine dha jedha.

IS daangaa qabatee jiru dhabus ammallee namoota nagaafi loltoota ajjeesuu itti fufeera.

Kutaan sagantaa Raslan’s Shooting biraan immoo tapahataan kubbaa miilaa beekamaa Alaa Imhaawii yeroo ijasaatti waa maramee nan ajjeesiinaa jedhee kadhatu mul’ata.

Barreessaan sagantaalee kanaa Daarghaam Abuu Rahiif ‘’sagantaaleen kunneen kan suukaneessan tahuu maluu garuu otoo Islamic State mo’ateera tahee jireenyi Iraaq keessatti kan caalu taha ture,’’ jedheera.

Sagantaaleen piraankii biyyoota Arabaa keessatti baayyee kan baramani dha, keesumaa ji’a Ramadaanaa keessatti yeroo namoonni sooma isaanii hiikan miidiyaalen sagantaa addaa qopheessuun daawwataa hawwachuu yaalu.

Sagantaan TV Masrii Raameez Galaal baayyee ilaalamu ‘akka malee’ tahuun qeeqameera.

Sagnataa tokkorratti namooti beekamoo bidiruu liqimfamaa jirtu keessa akka jiran, reenfa bishaanirra bololi’uufi shaarkii bishaan keessaa itti bahaa ture agarsiiseera.