Talaallii Covid-19: Miidhaa maddee mataa bowwoofi dhukkubbiin irree hedduminaan mul’atu

old woman looking at arm after vaccine

Madda suuraa, Getty Images

Talaallii Covid-19 talaalamu hordofanii namootarratti mallattooleen dhukkubbii ykn iddoon lilmoon waraante dallanuu fa’aan miidhaa maddee namootarratti mul’atan keessaa isaan hedduu baraman ta’uu qorannoon UKtti qoratame mul’ise.

Namoota afur keessaa tokkorratti mallattooleen akka ho’i qaamaa dabaluu, bowwoo mataa, ol lochuu fi dadhabbiin fa’aan mul’ata.

Taatullee mallattoleen suni giddugaleessaan guyyaa tokko qofaa turu.

Qorattoonni mallattoolee appilikeeshinii ZOE fayyadamuun qorannoo kana gaggeessutti hirmaatan miidhaan cinaa qaqqabu kan yeroo yaaliin kilinikaa talaallii wayita gaggeeffamu argame gadi.

Xumura bara darbe irraa qabee talaallirratti amantaan ture ol guddachaa adeemee, namoota %80 talaalliin namarraan miidhaa cimaa hin qaqqabsiisu fi milka’aadha jedhanii amanu.

Xumura bara 2020tti samudni qorannoof namoota 5,000 irraa fudhatameen garuu namoota %70 talaallitti amana ture.

Qorannoon jaarmiyaa Qorannoo Fayyaa Biyyaaleessaa UK wajjin qindoominaan gaggeeffame akka mulisetti, namoonni lakkoofsi kanarra heddumatu talaallicha battalatti argachuu fedhu jedhe.

Taatullee namoonni talaalli Oksfoord-AstraZenikaa filatan lakkoofsi isaaanii kan duraaniirra hir’ate.

Qorattoonni ZOE namoota talaallicha fudhatan 627,383 appilikeeshinii gargaaramuun mallattoolee isaan irratti mul’ate gabaasan ilaalaniiru.

Namoonni talaalli Pfizer fudhatan %70 mallattoolee kanneen akka iddoo lilmoon waraane dhukkubuu, dallanuu, diimachuu ykn dhiita’uu isaan mudate.

Mallattolleen kun kanneen talaalli AstraZeneca fudhataan wajjin walcina yeroo madalaamu %60 gadi kanneen ta’aniirratti mallattooleen kun mul’ate.

Namoota talaallii AstraZeneca fudhatan 34% irratti mallattolee dhukkubbii qaama guutuutti dhaga’amu kanneen akka bowwoo mataa, dadhabbii ykn dhaamochuu fa’aatu itti dhaga'ama ture.

Talaalli Pfizer kanneen fudhatan talaallii marsaa jalqabaa talaalamuu hordofee namoota 14% irratti mul’ate. Talaallii marroo lammataa fudhachuu booda immoo kanneen 22% irratti mul’ate.

Mallattoon cinaa ijoon namoorratti mul’atu bowwoo mataati.

'Mallattoo cimaa hintaanefi yeroo dheeraa hinturre'

Saayintistiin qorannoo kan dursan Pirofeesar Tiim Ispektar, Yuunivarsitii Kollejjii Landan irraa akka jedhanitti, mallattooleen talaalamuu hordofee mul’atan ’’baay’ee hamaa kan hin taanefi yeroo dheeraaf kan hin turredha’’ jedhan.

Ogeessi kun akka ibsanitti, talaalamuu hordofee mallattoleen sana booda mul’atu umrii fi koorniyaatiirratti hundaa’e garaagarummaa qaba.

Bitootessa 10, bara 2021 wayita qorannoon kun gaggeeffamutti namoonni talaalli Oxford-AstraZeneca marroo lammataaf talaalaman waan hin turreef, talaallicha booda mallattoo akkami akka agarsiisu qorannoo kana keessatti hin hammachiifne jedhe.

Namoota appilikeeshini ZOE fayyadamuun mallattoo talaallii booda irratti mul’atu ibsan afur keessaa tokkoo (25%) isaaniirratti mallattoon dhukkubbii qaamasaanii guutuutti dhaga’ameera.

Namoota sadii keessaa lamaa (%66) irratti immoo bakka lilmoon talaalaman qofatti dhukkubbiin itti dhaga’me.

Dubartoonni, namoonni umriin isaanii ganna 55 gadii fi kanneen duraan vaayirasichaan qabaman hundasaaniirratti mallattoon dhukkubbii kun mul’achuu mala.

Yaaliin kilinikaa talaallii Pfizer wayita gaggeeffamaa turetti namoonni %77 bakka lilmoon waraane akka dhukkubu ibsamee ture, qorannoo kana keessatti garuu kanneen iddoon waraane dhukkube %30 gadi.

Namoonni mallattooleen akka dadhabbii fi bowwoo mataa mudate dachaa sadii hanga shaniin xiqqaateera.

Namoota talaallii AstraZeneca fudhatan keessaa gartokkeerratti dhukkubbiin akka ho’i qaamaa olka’uu fi dadhabbiin akkuma yeroo yaaliin talaallicha gaggeeffamutti irratti mul’ate .

Kun mudachuu kan danda’e namoonni yaalii kilinikaarratti hirmaatan dargaggeeyyii fi fayya buleeyyii waan turaniif ta’uu mala jedhan ogeessi kun.

Gama kaaniin qorannoon biraa UK keessatti gaggeeffame tokko akka ibsutti talaalliin koronaavaayirasii dooziin tokko vaayirasichi maatii tokko keessatti akka hin tamsaane harka gartokkeen hir’isa jedheera.

Namoota talaallii Pfizer ykn AstraZeneca fudhatan torban sadii booda vaayiraasichi qabe keessaa, carraan namoota hin talaalamnetti dabarsuu isaanii %38 - %48 gadi xiqqaatera jedhe Jaarmiyaan Fayyaa Hawaasaa UK.