Gamtaan Afriikaa pirezidaantiin Somaalee aangoo dheereffachuu morme

Astixaa Gamtaa Afriikaa

Madda suuraa, LUDOVIC MARIN

Gamtaan Afriikaa pirezidaantiin Somaaliyaa Mohaammad Abdulaah Foormaajoon yeroo aangosaanii dheereeffachuu morme.

Gamtichi ergamaa addaa gara Moqaadishootti erguun waldhabdee siyaasaa furuuf akka yaaluus beeksiiseera.

Manni maree nageenyaa Gamtaa Afriikaa erga sa'aatiiwwaniif walgahii cufaa gaggeesseen booda ture kan rakkoo siyaasaa Somaaliyaa nan hiika jedhe.

Ibsa walgahii Gamtichaa Kamisaatiin booda baheen paartileen siyaasaa biyyattii keessatti argaman akka mari'ataniif akeekkachiseera.

Fulbaana bara 2020 keessatti mootummaan Federaalaa Somaaliyaafi bulchiitoonni naannoolee, akkasumas paartileen siyaasaa mari'atanii turan.

Marii kanaanis Somaaliyaa keessatti filannoon bilisaafi walabaa akka gaggeeffamuuf walii galanii ture.

Haata'u malee, torban darbe pirezidaant Formaajoon wixinee yeroon aangosaa akka dheeratu taasisu raggaasifateera.

Murteen kunis pirezidaanticha mormiin hedduun akka mudatu taasiseera.

Ameerikaa, Biritaaniyaa, Mootummoota Gamtooman fi Gamtaa Awuroppaa kanneen tarkaanfii pirezidaant Formaajoo morman keessaayi.

''Waliigalteen Fulbaana bara 2020 Somaaliyaadhaaf karooraa gaarii qabatera. Inni filannoo amanamaafi bilisa ta'e gaggeessuudha,'' jedha ibsi Gamtaan Afrikaa baase.

Manni maree Nagaafi Tasgabbii dureewwan siyaasa Somaaliyaas gochaawwan dhimmoonni caalaa akka hammeeffaman taasisan irraa akka of qusatan akeekkachiseera.

''Kana ta'e jechuunis nagaan Somaaliyaa, Gaanfa Afriikaafi Afriikaa hundaa bora'e jechuudha,'' jedha ibsichi.

Walgahii Gamtichi cufaatti gaggeessee kanarrattis haala Chaad keessa jiru kan mari'ate yoo ta'u, ammatti murtee womaatu hin dabarsine.

Pirezidaantiin Chaad Idris Deby lola hidhattoota waliin taasifameen lubbunsaanii darbuun ni yaadatama.

Aanga'oonni Afrikaas sirna awwaalcha Deby irratti argamuuf gara Chaadiitti imalaa jiru.