Naannoo Tigraay Magaalaa Aduwaatti 'dhukaasa loltoota Ertiraan' lubbuun namoota dabre

Madda suuraa, Getty Images
Naannoo Tigraay Magaalaa Aduwaatti Kibxata ganama loltoonni Ertiraa dhukaasa lammiilee nagaarratti bananiin lubbuu namaa darbuufi 20 kan tahan madaa'uun himame.
Qondaalonni bulchiinsa Tigraay yoo xiqqaate namni tokko lubbuu dhabuu yoo himan, jiraattonni ammoo namoonni saddeet ajjeefamuu dubbatan.
Jaarmiyaan idil-addunyaa mirgoota namoomaaf falmu Aministii Internaashinaal garuu taatee uumame kanaan namoonni sadii loltoota Ertiraatiin ajjeefamuu akka mirkaneeffate BBCtti himeera.
Aministii Internaashinaal taateen kun loltoonni Ertiraa ammallee naannoo Tigiraay keessa akka jiran agarsiisas jedheera.
Hakiimni Hospitaal Aksuum maqaansaa akka dhoksamu gaafate tokko, Kibxata guyyaa keessaa eegalee hanga sa'aa boodaatti, namoonni madaa'an 20 Aduwaarraa akka dhufan BBCtti himeera.
Dhaabbanni gargaarsaa MSF, namoota madaa'an kanniin Hospitaala Aduwaarraa akka as fide kan himu doktorri kun, "dubartoota lama dabalatee namoota 20 wal'aanaa jirra," jedhe.
Dhaabbanni hakiimootaa daangaa malee ykn MSF gamasaan Twitter gubbaatti ergaa maxxanseen, guyyaa Wiixataa namoonni miidhaman 18 gara Hospitaala Kidaane-Mihirat dhaquun gargaarsi godhameeraaf.
Kanneen keessaas namoonni miidhaa cimaa qaban 11 gara Hospitaala Aksumitti ergamuu hime.
Dhaabbanni kun dabaluun, namoota miidhaman irraa loltoonni namootarratti dhukaasuu odeeffadheera jedhan.
Kanneen madaa'an keessaa jahan isaanii guddoo waan miidhamaniif hordoffii cimaa keessa akka jiraniifi kanneen keessaa tokko dubartii ta'uu ogeessi fayyaa kun BBC'tti himeera.
Gariin garaa isaaniirra, kaan ammoo kutaa qaama garagaraa irra rukutaman jedha.
Garri caalu miidhamtootaa gannisaanii 20n keessa kan argaman oggaa tahu, tokko ammoo gaheessa ganna 60ti.

Odeessaalee lola Tigraay biroo:
- Loltoonni Itoophiyaa Tigraay keessatti ajjeechaa jumlaa raawwachuu ragaaleen mul'isan
- Loltoonni Eertiraa Tigraay keessaa ba'uu jalqabuunsaanii himame
- Deeggarsa Tigraayiif doolaara mil. 1 kan arjoome 'The Weeknd' eenyu?
- 'Qaamoleen waldhiban hanga waliin hin mari'annetti lolli Tigraay hin dhaabbatu'
- Ogeessi fiilmii badhaasa Gumaa mo'ate waa'ee Tigraay maal dubbate?

Haleellaan kun akkamiin raawwate?
Haleellaan kun kan raawwate Aduwaa naannoo 'Mannaariyaa' jedhamuun beekamutti tahuu, Bulchiinsa Yeroo Tigraayitti Itti-gaafatamaan Waajira Nageenyaa Aksumiifi Godina Maa'ikalaay Obbo Asgadoom Siyyuum nuuf mirkaneessaniiru.
''Loltoonni Ertiraa konkolaataa gubbaa yaabbatanii imalaa turan, 'konkolaachisaan baajaajii tokko karaa nutti cufe' jechuun haleellaa kana raawwatan.
Abbaan baajaajii miidhaan irraa gaheera, namni tokko akka du'es odeeffannoon na gaheera. Shan ammoo rukutamanii Hospitaala Riifaraalaa Aksum galaniiru,'' jedhan.
Dabalataanis ''uummanni Aksuum fiigaa oole. 'Loltoonni Ertiraa nama karaarratti argan ajjeesaa dhufaa jiru' ergaan jedhu gara Aksumitti bilbilame. Namnis qabeenyasaa dhiisee, suuqii banatellee otoo hin cufin dheesse,'' jechuun Obbo Asgadoom haala ture himan.
Dhimma kanarratti mootummaan Ertiraa haga ammaa waanti dubbate hin jiru.
Dhimma kanarratti waraana Itoophiyaarraa Letanaal Jeneraal Yohaannis GabraMasqal akkasumas dubbii himaa ministeera dhimmi alaa yaadasaanii argachuu yaallus, hin milkoofne.
Torban dabre keessa waraanni Ertiraa daangaa ce'uun Tigraay seenan, bahaa jiraachuu mootummaan Itoophiyaa ibsee ture.

Madda suuraa, Getty Images
Miidhamtoonnifi jiraattonni BBCn dubbise akka himanitti, haleellaa kana kan raawwatan hidhattoota yunifoormii waraana Ertiraa uffatanidha.
Miidhaan irra gahee hospitaala Aksumitti kanneen wal'aanamaa jiran keessaa dargaggeessi tokko, Wiixata ganama gara bakka hojii deemuuf buufata konkolaataa Digaadig jedhamuutti, hidhattoonni uffata loltuu Ertiraa uffatan, konkolaataa gubbaarraa rasaasaan akka isa rukutan hima.
''Konkolaattonni [fe'umsaa] FSR fakkaataniifi loltoota Ertiraa fe'an lama naannoo baankii Ambassaa wayita gahan dhukaasa eegalan.
Akka tasaa achuma bira suqiin tokko ture, achi galuuf wayitan kaadhu al sadii natti dhukaasan. Lama dugdakoorra, tokko ammo garaa keessa na rukute.''
Namni madaa'ee hospitaalatti yaalamaa jiru biraa rasaasni shan akka itti dhukaafame himuun ''tokko morma koo keessa, sadi dugda duubaan, tokkommoo harkakoon dhawame, ''jechuun dubbate.
Guyyaa Wiixataa haleellaan kun wayita raawwatu bakka sana haalli ture maali jennee kan gaafanne jiraataan Aduwaa biraa ''loltoonni gara magaalattii wayita seenan, taatee kanaan dura magaalaa keessa waraanni kamuu hin turre,'' jedha.

Dhaabbileen mirga namoomaa idil-addunyaa, waraanni Ertiraa naannoo Tigraayitti sarbama mirgaa cimaa raawwataniiru jechuun himatu.
Mootummoonni Itoophiyaafi Ertiraa yeroo dheeraaf erga waraana Tigraay keessatti hirmaannaa loltoota Ertiraa erga haalaa turanii booda, MM Abiy Ahimad paarlaamaatti dhiyaachuun, Ertiraan sodaa nageenyaa waan qabduuf waraanashee daangaa cehuun galte jedhan.
Ertiraan gamasheen hanga ammaa loltoonni ishee Itoophiyaa galuu ifatti kan hin amanne oggaa tahu, himannaalee dhiyaatanis waakkachaa turteetti.
Lola naannoo Tigiraayitti uumame booda namoonni 70,000 ol gara Sudaanitti baqachuu isaanii dhaabbileen gargaarsaa ni himu.
Bulchiinsi yeroo Tigraay akka jedhutti, hanga ammaatti naannicha keessatti namoonni miiliyoona lamaa ol buqqa’anii kan jiran yoo ta’u, namoonni miiliyoona afurii ol ta’an ammoo gargaarsi namoomaa isaan barbaachisa.

















