Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad daawwannaaf Asmaraa seenan

Ministirri Muummee Abiy erga lolli Tigraay eegale ifatti yeroo jalqabaaf daawwannaa taasisan

Madda suuraa, Yemane G/Meskel/Twitter

Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Muummee Abiy erga lolli Tigraay eegale ifatti yeroo jalqabaaf daawwannaa taasisan

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad guyyaa Kamisaa waaree booda biyya Ertiraa Asmaraa seenaniiru.

Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaana G/Masqal fuula tiwiitaraa isaanii irratti akka beeksisanitti bulchaan Itoophiyaa daawwannaa guyyaa lamaaf Asmaraa seenan.

Buufata xiyyaaraa Asmaraattis Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii isaan simataniiru.

Tahus haala amma duraan hin baramneen MM Abiy xiyyaarri ittiin imalan kan Itoophiyaa hin fakkaatu.

MM Abiy waliin Ministirri Ittisaa Dr Qana'aa Yaadataafi Ministirri Innoveshiniifi Teknolojii Dr Abrahaam Balaay ni argamu.

Daawwannaan kuni erga lolli Tigraayitti eegale daawwannaa MM Abiy ifatti gara Asmaraa taasisanidha.

Guyyoota lolli Tigraayitti eegale garuu janaraalota waliin Ertiraatti imaluun loltoota Itoophiyaa Ertiraatti baqatan waliin dubbatuu kana dura himanii turan.

Imalli Ministira Muummee Abiy Ahimad dhimmoota waloo fi naannichaarratti mari'achuuf akka tahe kan himan Aabba Yamaan, yeroo lola Tigraayin walqabatee himannaan sarbama namoomaa gabaafamutti kan taasifamedha.

Dhihoo paarlaamaa Itoophiyaatti yeroo dhihaatan waa'ee sarbama mirga namoomaa qondaalota Eertiraa waliin wal arganii mari'achuuf waltajjii mijeessaa akka jiran dubbatanii turan.

Itoophiyaan turtii ji'ootaan booda reefu torban kana Tigraay keessa loltoonni Ertiraa seenuu kan amante. Badii loltoonni Ertiraa lolicharra raawwatan jedhames MM Abiy paarlaamaatti balaaleeffataniiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Baatii sadaasa darbe waldura dhaabbannaa yeroo dheeraa booda hidhattoonni TPLF izzii waraanaa Itoophiyaarratti haleellaa banuu isaanii hordofee lolli Tigraayitti eegaleera.

Turtii torban sadii booda MM Abiy Maqalee to'achuun injifannoo labsaniiru. Ta'us, ammallee darbee darbe walitti bu'iinsi waraanaa akka jiru gabaafama.

MM Abiy wayita Asmaraa gahan

Madda suuraa, Twitter @hawelti

Ibsa waa'ee suuraa, Haala amma duraan hin baramneen MM Abiy xiyyaarri ittiin imalan kan Itoophiyaa hin fakkaatu.

MM Abiy paarlaamaatti waa'ee Ertiraa maal jedhan?

Gaafa Kibxataa paarlaamaatti argamuun ibsa bal'aa kan kennan MM Abiy humna waraanaa Eertiraa daangaa Itoophiyaa seenee yakka hojjete kamiyyuu hin fudhannu jedhaniiru.

Dubbiin isaanii kunis yeroo duraaf kan dhagahamedha. Ertiraan garuu ammallee Itoophiyaa seenuu ifatti hin amanne.

Gaaffii mana maree bakka bu'oota uummataarraa dhiyaateef deebii yoo kennan, uummati fi mootummaan Eertiraa oolmaa nuuf oole hin dagannu jedhan.

Waraanni Itoophiyaa daangaarra ture gara jiddugaleessa Tigraayitti socho'uun wal qabatee, loltoonni Eertiraa gara naannoo daangaa duraan loltoonni Itoophiyaa turaniitti socho'uu himan.

Kanaaf akka sababaatti gama Eertiraa irraa kan dhiyaate 'yaaddoo nageenya biyyaalessaa' qabna kan jedhu ta'uu himanii, loltoonni Itoophiyaa bakka daangaatti wayita deebi'an loltoonni Eertiraa daangaa Itoophiyaa keessaa ni bahu jedhan

Loltoonni Eertiraa gara jiddugaleessa Tigraay seenuu fi yakkoota ittiin himataman raawwachu ifatti hin dubbanne.

Haa ta'u malee loltoonni Eertiraa Tigraay keessatti yakki raawwatan kamiyyuu fudhatama akka hin qabne dubbatan.

Badii Tigraayitti raawwateef garuu waraana Ertiraa qofa osoo hin taane loltoonni Itoophiyaa, humnoonni TPLF. akkasumas hidhattoonni Amaaraa akka shakkaman kana dura UN ibsee ture.

Ertiraan qorannoo Komishinii Itoophiyaa balaaleeffatte

Naannoo Tigiraayitti yakki gudeeddii, saamichaa raawwachuu ragaaleen agarsiisan jiraachuu adda baasneerra kan jedhan MM Abiy Ahimad, kanneen yakka kana raawwatan seeraan ni gaafatamu jedhanii paarlaamaatti dubbataniiru.

Bataskaanaa Aksuum Tsiyoon magaalaa Aksuum jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kanneen ajjeefama warra kabaja ayyaana Aksuum Tsiyoon irratti hirmaachuuf dhaqan dabalata

Gama kaaniin Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa torban kana gabaasa qorannoo duraa baaseen namoonni nagaa dhibba tokko caalan loltoota Eertiraatiin ajjeefamaniiru jedhe.

Loltoonni Eertiraa qaqqabsiisan kun sarbama mirgoota namoomaa 'yakka waraanaa' jedhamuu danda'u raawwataniiru jedha gabaasichi.

Gabaasa kana dura Aminastii Intarnaashinaaliinis ta'e Humaan Raayitis Waach magaalaa Aksumitti lubbuun namoota 200 ol darbu ibsaniiru.

Ta'us mootummaan Ertiraa himata kanneen ni balaaleeffata.

Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaanaa G/Masqal gabaasa komishinichaarratti yaada kennaniin 'akkuma kana duraa himannaa dharaati' jedhaniiru.

'Gaafa ajjeechaan raawwate jedhame televijiniin Itoophiyaa ayyaanni nagaan xumuramu gabaaseera' jechuun 'TPLF bade kaasuuf yaalii taasifamudha' jechun barreessan.