Lola Tigiraay: UN 'yakka' Tigraayitti raawwate Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa waliin qorachuuf

UNtti Komishinara olaanaa Mirgoota Namoomaa (OHCHR) Misheel Baachelet, 2018

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti hooggantuun Komishinii Mirga Namoomaa Misheel Bachaleet gaaffii Itoophiyaan dhiyeessite fudhachuun Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa waliin ta'uun ''yakka'' naannoo Tigraay keessatti raawwatame qorachuuf waliigalan.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiniin Olaanaa Mirgoota Namoomaa (OHCHR) ibsa jalqbaa ji'a Bitootessaatti baaseen Qaamoleen naannoo Tigraayitti wal waraanan sarbama mirgoota namoomaa gurguddoo akka ''yakka waraanaafi yakka dhala namaarratti raawwatamanitti'' lakkaa'amuu malan raawwataniiru jedhee ture.

Waajira Komishinii Olaanaa Mirga Namoomaatti dubbii himaa kan ta'e Jonaataan Foowileer, ''Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa kan mootummaan hoogganamurraa dhimma naannoo Tigraay qorachuuf gaaffii dhiyaateef Baachaleet deebii gaarii deebisan ( responded Positively) jechuun dubbachuu Rooyitarsi gabaaseera.

Itti dabalauunis yeroo ammaatti Waajirri Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Kamishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa waliin ta'uun wixinee qorannoo, akkasumas wantoota barbaachisa biroo qopheessuun atattamaan ergama kana eegaluuf jedhuu jedheera.

Misheel Baachelet ibsa jalqaba ji'a Bitootessaatti baasaniin waan jedhan, gabaasaaleen ciccimoofi amanamoo tahan kan sarbama mirgoota namoomaa Itoophiyaa, Tigraayitti raawwatamuu agarsiisan naannicha keessaa bahaa jiru jedhan.

Kanaafis qorannoo mirgoota namoomaaf atattamaan ulaan banamuu qaba jedhan qondaalli kun.

Baachilet ibsa baheratti, mootummaan Itoophiyaa ittigaafatamummaa fudhachuurratti ibsa baase kan simatan wayita tahu, kanneen qarqaarsa godhaniif ulaa banamuuf tarkaanfilee fudhatamanis akka waan gaaritti ilaalan.

Mootummaan Itoophiyaa, kan lolli naannoo Tigraayitti gaggeefame duula olaantummaa seeraa kabajchiisuuti jedhe, gara jalqabaa lola kanaan lubbuun namoota nagaa balaarraa hin buune jechaa ture.

Boodarra garuu dhaabbileen mirgoota namoomaa qorannoo gaggeessaniin lubbuun namoota nagaa sababa lola kanaa darbuu gabaasa dhiyeessaniiru.

Keessumaa dhaabbileen mirgoota namoomaa idil-addunyaa akka Aministii Internaashinaaliifi Humaan Raayits Waach loltoonni Ertiraa lammileen nagaa ajjeesuu, dararuufi saamicha gaggeessuu himuun UN qorannoo walabaa akka gaggeessuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Booda keessa waraannii Eertiraa lola kana keessatti hirmaachu isaaniif ragaa akka qaban mootumaan Ameerikaa achiis UN ibsuun, loltootni kun akka bahan erga gaafachuu eegalanii,gabasaaleen biroon sarbamni mirga namoomaa raawwatamuu akeekan bahaniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Manni Maree nageenyaas Bitootessa afur dhimma naannoo Tigraay ilaalchisee yaa'ii gaaggeessee ture.

Korri kun waamicha Aayarlaandi ka'umsa kan godhate yoo ta'u, ibsa waloo manni marichaa baasuuf ture irratti waliigalteerra hin gahamne.

Mootummaan Itoophiyaa sarbama mirgaa raawwatameera jedhamu ilaalchisee Komishiniin Mirga namoomaa ofiin qorannoo amanamaa gaaggeessuu danda'aa jechuun ibsaa ture.

MM Abiy Ahimad Ibsa Bitootessa 9 baasaniin ammoo Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa waliin ta'uun Gamtaa Afrikaa jalatti qaamni 'African Commision on Human and Peoples Right' jedhamu qorannoo kana akka gaggeessan waamicha godhanii turan.

Torbee darbe BBC waliin gaaffiifi deebii kan taasisan dubbii himaan ministeera dhimma alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin mootummaan qaamolee idila-addunyaa mirga namoomaarratti hojjetan waliinis ta'ee kanneen mirga namoomaa sarban seeratti dhiyeessuuf kutannoo qaba jedhaniiru.

Lolli naannoo Tigraayiitti kun guyyaa Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad humnoonni TPLF Humna Ittisaa Fedeeraalaa Izzii kaabaa irratti halleellaa raawwataniiru jechuun tarkaanfiin akka fudhatamuuf itti ajaje Sadaasa 04, 2020 eegale.

Lola kanaan wal qabatees namoonni dhibbootaan lakkaa'aman lubbusaanii yoo dhaban, kanneen gara 60,000 tahan ammoo qeee'aasaaniirraa buqqa'uun gara Sudaanitti baqataniiru.