Covid-19: Haadha ijoollee afurii koronaaf harka kennachuu didde

Weerara koroonavayirasin dura, Joosefin Muchilwaa hojii nyaata qopheessuu hojjachaa turte, garuu akkuma namoota biroo Keeniyaa fi addunyaa keessaa, hojiishee dhabde.

Waggaa tokko darbetti, gazexeessan BBC World Service Ed Butler, attamiin akka isheen rakkinicha dandamachuu dandeette hordofaa ture.

''Hojii hin qabu, jireenna hin qabu, nyaata ijoolleekoo kennuus hin qabu.”

Kun wanta Joosefin Muchilwaa ofii ishee dubbatee turte, dhiibbaa guddaa tarkaanfiin weeraricha to’achuuf waggaa darbe biyyattiin fudhatte geessiseen dhiibbaa jireenyashee mudateef.

Guyyoota muraasa erga mootummaan, babalʼachaa dhukkuba kana dhorkuuf tarkaanfii ciccimoo kaa’een booda, rakkoon haadha kophaashee ijoollee guddistuufi magaalaa Naayiroobii bakka namooti itti baayyatee Kibeeraa jiraattu tana mudate.

Duraan kushinaa mana barumsaa naannoo isaanii jiru keessa mindaa xinnoodhan hojjachaa turte. Booda ammoo barattoonni manasaanitii akka baratan jedhaman jennaan hojicha dhabde. Akkamin akka maatiisheef ijoolleeshee afur nyaachiftu hin beektu turte.

“Waaqayyoon mormaa ture malee, wanta godhu hin beeku,” jechuun haadhi umurii 31, Business Dailytti himte.

Haala gaddisiisaa isheen keessa jirtu erga dhaga’anin booda, namoonni arjaan buusii godhaniif.

Maallaqni walitti qabameefis guddaa miti- doolaara 150, garuu ammoo Joosifin daldala muduraafi kuduraa eegalchiisuuf ga’aa ture.

Isheenis otoobisii imaluun, gara gabaa guddoo gidduu magaala Naayiroobii deemte, shunkurtii, timaatimii fi waan biroo kiilogiraama 25 bittee, Kibeeraatti kiyooskii mukaa xinnoo kireeffattee gurguruu eegalte.

Achiin booda, manashee dhiphoo kutaa tokko kan dhoqqeedhaan ijaaran keessaa, daldala isheef carraaqqii gochaa jirtu sagaleedhaan waraabdee qooduu itti fufte.

Kunis raawwatamaa kan jiru, Kibeeraa kan naannawa manneetii dhiphoo walitti siqanii ijaaramaniifi qulqullina hin qabne kan magaalaa Naayiroobii keessatti argamuutti.

Namoonni Kibeeraa jiraatan hedduunsaanii, hojjii mana keessaa, konkolaachisaa fi hojii qulqulleessuu hojjatu.

Haalli dinagdee rakkisaan kun ammoo hedduu isaan miidhe. Namooni sooressa isaan hojjechiisan ammoo dhukkubicha fidan jedhanii sodaachuun akka hafan gaafatan.

‘Ijoolleen nyaachuu dandeetti’

Joosifin jalqabarratti gaafa daldala kana eegalte, baayyee rakkataa turte. Guyyaatti, maamiltoota 8, ykn 10 argachuu dandeetti.

“Har’a yoo xinnaate bu’aa shilingii 170 ($1.50) nan argadhe,” jette Caamsaa darbe haasaa dubbatteen. “Ijjoolleen akka gaarii jirti, gammachuu qabdi, amma nyaachuu dandaʼan,” jette.

Joosifin akka daldaltuutti muuxannoo hin qabdu. Kana malees, Kibeeraatti uggurri saʼaatii kaa'ameera. Poolisoonnis walitti fufiinsaan garas dhaquun nama sa'aatii kaa'ame san booda magaalicha seenuufi bahu seera cabse jechuun hordoffii cimaa taasisu.

Dabalataan ijoollee afuri kan eegumsaa ishee fedhaniifi bakka sodaan saamichaa fi miidhaan saalqunnamtii keessatti baayyatu, Kibeeraa keessa jiraataa jirti Joosifin.

“Dirqiin gudeeduun dabalaa jira,” jetti. “Ijoollee qofaatti yoo dhiisee, namni kamiyyuu dhufee waan barbaadu godhuu danda’a.”

Ammallee, namoonni waan isheen gurgurtu bituu danda’an baayyee miti. Ollaawwanshee, akkuma ishee hojii hinqaban, maallaqa duraan qabanitti fayyadamaa jiru.

Achis, rakkoo gudaan isaan mudate. Joosifin dhukkuba busaan waan qabamteef, waldhaansa argachuuf nama maallaqa liqeessu tokko irraa mallaqa fudhate.

Naannoo akkasii keessatti, namoonni liqaa dhunfaa kennan baayyachaa jiru. Namni maqaansaa Roojaa jedhamu fi namootaaf liiqaa kennu tokkos, maallaqa nama hedduuf liqeessu waan na jalaa dhumeef liqaa kennuu hindandeenye jechuun BBCtti hime.

Namoonni liqeeffatan hedduun saanii kaffaluu waan dadhabaniif, innis wanta namoonni kunneen wayita liiqeeffatan qabsiisan baasee gurguruutti jiraachuu hima.

Joosifiin gama isheetin, waan kennitu hin qabdu.

Kiyooskiin kufuu...

Isheenis liqaa hanga ammatti hinkanfaliin kan gara doolaara 30 ta'u rakkoorra akka ishee hinbuufne sodaataa jirti.

Abdiin liqaa kana kaffaluuf qabdu caalaa kan irraa fagaate, Waxabajjii waggaa darbe wayita mootummaan naannoo Kibeeraatti lafa kiyooskiin ishee jirtu caccabsee diguusaatiin kan walqabate ture.

Karaa baaburaa haaraa ijaaruuf jecha ture mootumman naannicha kan jigse.

Mootummaan ammoo abbootii lafaa yeroo baayyee akeekkachiifnee jirra jedha. Haata'u malee Joosifiin garuu akka kireeffataatti waa'ee kanaa hin beekne turte.

Rakkina kanaatti dabalamuun, mi’ii isheen walitti kuuste kiyooskii wajjiin caccabe. Taateen kunis abjuun isheen nama daldalaa ta’a jettee qabdu jalaa kuffise.

“Guyyaa sana, guyyoota sadiifan boo’e. Hedduu na dhukkubse. Nyaachuu hin dandeenne. Yoon jireenya kiyya ilaalu baayyee, ulfaataa ta’a.”

Weerarri kun haaluma kanaan namoota miliyoona ol ta'an miidheera.

Keeniyaatti du'aatiin sababii weerarichaatiin galmeeffame 2,100 taatullee ogeeyyiin lakkoofsi dhugaa kana irra jiraachuu danda’a jedhan.

Tarkaanfiin koroonaa to’achuuf mootummaan kaa’ee garuu jiraattoota Kibeeraa hedduu miidhe.

“Namoonni kunneen guyyaatti doolaarii lamaa gadiin kan jiraatan yoo ta'u, wayita dhukkubsatan akka du’aaf deeman ni beeku,” jedha Keneedii Odeedee roogeessi Kibeeraatti dhalatee, dhaabbata Shining Hope charity jedhamu hundeesse.

“Mootummaa namoota kana dursa kenneef wanta barbaachisaa akka karaa gaarii, yaalii fayyaafi bishaan qulqulluu akka argatan godhu feena.”

Mootummaan garuu, tarkaanfii kana baasuuf karoora hin qabdu. Ji’a darbe, dhukkuba Koronaa marsaa saddaffaa sodaachuuf jecha saʼaatii akka haaraatti seeraan daangeffame dheereffameera.

Erga dhukkubni eegalee waggaa tokkoon booda, Joosifin rakkachaa jirti. Miidhaan hin qabdu, ijjoolleenshee guyyaatti marqaa qorii tokkoon jirti.

“Guyyaa tokkoo doktaran ta’a jedheen yaada,” jetti intalli shee angafaa, Shamiin kan umuri 11.''Harra garuu waa'ee nyaataan abjoodha.''

Joosifin al tokko tokko hojii qulqulleessituummaa ni hojjatti. Haata'u malees dubartiin tokko kan guyyoota sadii naaf hin kaffallees jetti.

Amma garuu deeggarsa dhaabbata Shining Hope charity jedhamuutiif galannii haa ta'utii Joosifin yeroo dhihooti jireenyi isheetiif boqonnaa haaraan ni eegala.

Leenjii wayyaa hodhaan fudhachaa jirti. Namoonni hojii kanaan muuxannoo qaban, guyyaatti doolarii hedduu argatu.

Wanti isheen ji'oota 12 darban keesaa baatee ulfaata taulleen, sababii muxannoo argatanitiifu Joosifin aniifi ijjoolleenkoo ni moo’anna jetti.