April Fools' Day: Waan 'Guyyaa Gowwomsaatti' na mudate

April the fool - Eebla gowwicha
    • Barreessaa, Firaafolii Dhugaasaa
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo

Waggaa waggaan Ebla bultii 1 [April 1] guyyaa gowwomsaa [April Fools' Day] jedhamuun keessumaa biyyoota Lixaattti haalaan kabajama.

Guyyaa kana namoonni qoosaafi odeeffannoo sobaallee namaa qoodu. Gaafa abbichi waan jedhame san raawwate 'si gowwomsee [April Fools]' jechuun itti cooku.

Wantoota akkanaa irratti namoota qofa osoo hin taane miidiyaaleen illee qooda fudhatu. Wanti kuni hawaasa Itoophiyaa keessatti beekkamtiin isaa dabalaa jira. Kanaaf, namuu guyyaa san akka hin gowwoomfamne of eeggata.

Gaazexeessituun BBC Afaan Oromoo Firaafolii Dhugaasaa guyyaa namoonni itti qoosuuf itti fayyadaman kana waan ishee mudate akkanaan nuuf qooddi.

Presentational grey line

Nan yaadadha waggaa sadii dura ganama bariin eessumnikoo natti bilbilee “Mee dafiitii wayyaa muraasa qopheeffadhu gara buufata xiyyaaraan si geessa,'' naan jedhe.

Dunquuqquu hirriibbaa keessa ta’e waaninni jedhu naaf hin gaalle “Maali! Maalifan deema gara buufata xiyyaaraa?” jedheen gaafadhe.

“Hin na’iin gara manaa deebi’uu qabdaatii, karaarratti sittan hima dafi” jedhee bilbila cufe. Yeroo kanatti birradhee, onneenkoo waanuma na keessaa lafatti bu’ee hanga natti fakkaatutti guddaan na’e.

Sammuukoo keessa “Harmeenkoo maal taate? Abbaankoo maal ta’e?” yaadni jedhu utuun deddeebi’u uffatuma fuula durakootti argadhe ariitiin shaanxaatti naquun eegale.

Hunda qixeeffadhee qophaa’ukoo itti himuuf deebisee eessumakoofan bilbile. “Eessa geessetta dafi, ani qophaa’ee fixeera” jedheeni.

Essumnikoo sagalee isa yeroo jalqabaarra tasgabbaa’een “ilaamee…deebi’ii rafi… ‘April the fool’…” jedhee kolfasaa gadhiise. Dhugaadha hin seene, bilbilakoo yemmuun ilaalu guyyaan Ebla 1 jedha.

Yeroo sanatti gowwomsamuu kootti aarii malee kolfi naaf hin dhufne… nan abaareeni. Daqiiqaa muraasa booda garuu of tasgabbeessee, guyyicha dagadhee gowwomuu kootti nan kolfe.

Guyyaa kana irratti anis gowwomsamuu qofaa osoo hin taane hiriyyootakoo gowwomsuutti milkaa’ee beeka.

Guyyaan Ebla 01 magaalaa Odessaa, Yukireen irraa kan hafe biyya kamittuu akka guyyaa ayyaana uummataatti seeraan hin kabajamu.

Kan nama ajaa’ibu guyyaan gowwomsaa kun [April Fools’ Day] eessaa fi yoom akka madde sirriitti hin beekamu.

Ta’us garuu taphaaf ollaa, maatii ykn hiriyyaa ofii gowwomsuun guyyaa kana irratti hedduu kan barameefi kan namoota hedduu gammachiisuudha.

Hiriyyaarra darbanii biyya guutuu gowwomsuu

Namootni fi dhaabbileen tokko tokko guyyaa kana irratti hiriyyoota isaani qofa osoo hin taane, biyya guutuu gowwomsuu danda’aniiru.

Paastaa mukarraa yeroo funaanan
Ibsa waa'ee suuraa, Paastaa mukarraa yeroo funaanan

Gowwomsaa guyyaa kana taasifame keessa kan hin dagatamne kan Panoraamaan bara 1957tti dalagedha.

Sagantaan BBC beekamaa Panoraamaa qopheesse irratti sababa ganna hamaan hanqina paastaa (ispaageetii) ture qonnaan bultoonni Siwiis furuu isaani gabaase.

Gabaasa kana irratti viidiyoo yeroo qonnaan bultoonni biyya Swizerlaand paastaa mukkeen irraa funaanan agarsiise.

Dawwaattonni hedduun gabaasa kanaan gowwomanii turani. Hedduun isaanii BBC'tti bilbilanii akkamiin muka paastaa guddifanna jedhanii gaaffachuu eegalani.

Gaaffii kanaaf BBC’n “paastaa tokko ishee timaatima daakamaa keessa dhaabaatii abdiin eeggadhaa” jechuun deebii kenne.

Bara 1965 ammoo Deenmaarkitti gaazeexaan Koppenheegan, Paarlaamaan biyyatti nageenya daandii dabaluuf, halkan daandii irratti akka argamaniif sarootni hundi haalluu adii dibamuu qabu seera jedhu baasuu isaa gabaasuun ummata gowwomsee ture.

Gowwomsa guyyaa kanarratti taasifaman keessaa kan nama kofalchiisu tokko kan bara 1987'tti Noorweeyitti taasifamedha.

Gaabasni mootummaan dhugaatii wayinii litirii 10,000 ta’u namoota seeran ala daddabarsan irraa booji’ee uummataaf hiruuf jedhu erga ba’ee booda, lammileen dhibbaan lakkaa’aman buccullee fi baaldii qullaa qabatanii ba’anii turani.

'Rakkoon na mudate kaardii moobayilii dafii naaf ergi'

Itoophiyaa keessattis guyyaan kun namoota hedduun kabajamuu erga eegalee waggoota hedduu lakkoofsiseera.

Yeroo tokkotti gowwomsi hedduu baramee ture, hiriyaa ykn maatii ofitti bilbiluun “rakkoon na mudatee kaardii mobaayilii dafii naaf ergi” jedhanii waakkachuun namni sun akka kaardii moobayilii erguuf gowwomsuu ture.

Kenninaan deebisanii fudhachuun hin jiru silaa, namootni kun gowwomfamuurra darbanii maallaqa isaanii dhabu.

Guyyaa 'April Fools' Day' Faransaayitti namoonni boca qurxummii margarraa hojjetame bira suuraa yoo ka'an

Madda suuraa, VALERY HACHE

Anaa fi hiriyyootakoo hedduu dabalatee namootni hedduun akkanaan hiriyyoota isaanii gowwomsuutti milkaa’aniiru.

Dammillee yoo baayyate…

Hiriyyootaa ykn maatii gidduutti taphni gaarii ta’ee utuu jiruu, madaallii ykn sirriitti hubachuu dhiisuun miidhaa fiduu danda’a.

Tapha ykn gowwomsi garmalee tokko tokko hiriyyoota wal lolchiisuu, naasuu guddaa uumuu fi darbeeyyuu miidhaa qaamaa uumuu danda’a. Wanti hunduu madaallii qabaachuu qaba waan ta’eefi.

Bara 2014’tti dubartiin US tokko guyyaa kana irratti intalashee gowwomsitee naasisuuf jecha, kollejii hojjattu keessatti dhukaasni akka gaggeeffamaa jiru ergaa bilbilaa akka ergiteefi Insider gabaasee ture.

Intallii ishee kun ergaa sana booda bilbilaan harmeeshee qunnamuu waan dadhabdeef, naasuun poolisii waamtetti.

Poolisiin ariitiin kolleejii sana yeroo ga’u dhukaasii hin jiru ture, dubartiin kunis mana barnootaa fi nagaa jeequu himata jedhuun to’annoo jala olteetti.

Bara 1986’tti ammoo qondaalli Waajjira Tikaa Isra’eel [Mossad] akka taphaatti oduu sobaa hogganaan Islaamaa tokko yaalii ajjechaa irratti gaggeeffameen madaa’eera jechuun isaa, naannicha gidduutti ariitiin waldhabdee uumeera.

Wanti anga’aan olaanaa kun baacoof yaade biyyattii waraanatti galchee olee… innis mana murtiitti akka dhiyaatu isa godheera.

Taphni fi baacoon gaarii ta’e utuu jiru, itti gafatamummaa malee bu’aa gowwomsii keenya fiduu danda’u utuu hin hubatiin baacuun miidha fiduu danda’a. Horaa bulaa!