Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lola waraanaa Tigraay: UN qondaalli Itoophiyaan komii irratti dhiyeessite biyyaa akka bahu murteesse
Dhaabbata Motummoota Gamtoomaniitti bakka bu'aa ittaanaa dhaabbata baqattootaa (UNHCR) kan ta'an Mathijs le Rutte, Itoophiyaan erga komii irratti dhiyeessite booda, biyyaa akka bahan dhaabbatichi murteessuun barame.
Qondaalli kun waggaa tokkoofi baatii lamaaf Itoophiyaatti ittigaafatamaa ittaanaa ta'uun dhaabbaticha gaggeessaa kan jiran yoo ta'u, komii motummaan Itoophiyaa irratti dhiyeesseen wal qabatee gara biyya biraatti jijiramuusaanii BBCn hojjattoota dhaabbatichaafi maddeen mootummaa irraa odeeffateera.
BBCn maddeen dippilomaatotaa dhimmichatti dhiheenya qaban irraa akka hubateetti, mootummaan Itoophiyaa hogganaa kana dabalatee hojjattoota dhaabbatichaa kan biroo irratti lola naannoo Tigraayiin walqabatee komii dhiyeeffachuusaa ibsaniiru.
Hogganaa olaanaa kanaan alattis hojjattuu dhaabbatichaa tokko irrattis komiin dhiyaatee kan ture yoo ta'u, dubartiin kunis Motummoota Gamtoomaniitti kan Dhaabbata Baqattootaa keessaatti ittigaafamummaa olaanaarra kan jiran ta'uun barameera.
BBCn hojjattoota dhaabbatichaafi maddeen biraa irraa akka hubateetti, dubartiin jedhaman kun hojiiwwan ejensiin kun buqqaatoota irratti biyya keessatti hojjataa jiru irratti qindeessituu olaantuudha.
Sadarkaa ittigaafatamummaa qabaniinis dhaabbaticha keessatti nama hooggansa sadarkaa shanaffaa irratti argaman ta'uu hubachuun danda'ameera.
Gama biraatiin ammoo ittaanaa ittigaafatamaan mootummaan Itoophiyaa komii irratti dhiyeeffate, kan waggoota 25 oliif Motummoota Gamtoomaniitti dhaabbata baqattootaa keessa tajaajilan ta'uu ragaan argame ni mul'isa.
Kanaan duras Bulgaariyaatti Hogganaa Olaanaa Dhaabbata Baqattootaa ta'uun tajaajilaniiru.
''Hojjattoota UNtti Dhaabbata Baqattootaa keessa hojjatan hedduu irratti komii keenya erga galfannee bubbulleera.
Kanaanis hojjattoonni walabummaa siyaasaa irraa eegamu hinguunne yaada jedhu qabna,'' jechuun qondaalli motummaa Itoophiyaa maqaansaanii akka hineeramne gaafatan BBC'tti himan.
Itti dabaluunis qondaalli mootummaa kun, gaaffiin walabummaa hojjattoota kanneen irratti ka'ees lola naannoo Tigraay keessatti gaggeeffameen kan wal qabatedha jedhan. Dhimma kanarratti ibsa dabalataa barbaacha BBCn dubbi himaa Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa kan ta'an Ambaasaaddar Diinaa Muuftii kan gaafate yoo ta'u, waa'ee dhimma kanaarratti ragaa akka hinqabne ibsaniiru.
Motummoota Gamtoomaniitti Dubbii Himaa Dhaabbata Baqattoota Afriikaa kan ta'an Dana Hughes dhimmicharratti ibsa akka kennaniif BBCn kan gaafate oggaa tahu, hojjattoota dhaabbatichaa irratti komiin dhiyaachuu mirkaneessaniiru.
''Aanga'oonni mootummaa Itoophiyaa hojjataa keenya tokko irratti iyyata dhiyeessaniiru'' jechuun deebii dhaabbatichi karaa imeelitiin BBC'f kenneen ibsan.
Itti dabalunis, ''Dhaabbatichi nama jedhame kana hojii gara biraatti geeddaruu raawwateera. Kun garuu hojii fooyya'insa caasaa durumaanuu irratti hojjataa turreen kan walqabatuudha'' jechuun dhaabbatichi waa'ee tarkaanfichaa ibseera.
Dhaabbatichi erga rakkoon tasaa naannoo Tigraayitti mudateen booda, hojiiwwan naannichatti argaman cimsuuf mariiwwan keessoo gaggeessaa turuufi caasaa humna namaa dhaabbatichaa deebisee ijaaruuf hojjataa akka ture dubbi himtuun kun dubbataniiru.
Haaluma walfakkaatuun dhimma qindeessaa pirojaktii dhaabbatichaa haaluma komii motummaan Itoophiyaa dhiyeeffateen biyyaa akka bahan murtaa'e jechuun maddeen himan ilaalchisee, dhaabbatichi yaada kennuurraa of qusateera.
Lola Naannoo Tigraayiitti gaggeeffame hordofuun lammiileen 70,000 caalan daangaa qaxxaamuruun Sudaan galuu dhaabbileen gargaarsaa kan ibsan yoo ta'u, kanneen kumoota dhibbaan lakkaa'aman ammoo naannichuma keessatti bakka jireenyaasaanii buqqa'uun ibsameera.
Raayyaan ittisa biyyaa Itoophiyaa magaalaa guddoo naannichaa to'achuun erga lolli xumuramuu beeksiise booda, dhaabbileen motummoota gamtoomaniifi dhaabbileen gargaarsaa kan biraas naannicha keessatti ulaan dhiyeessii deeggarsa namoomaa akka saaqamuuf gaafataa turan.
Motummaanis haaluma gaaffii dhiyaateefiin dhaabbileen gargaarsaa naannicha seenuun jiraattotaaf deeggarsa akka dhiyeessaniif kan hayyyame ta'ulleen, hanga ammaatti irra caalaa deeggarsaa ofumaan dhiyeessaa jiraachuufi gaheen dhaabbilee deeggarsa namoomaa gadaanaa ta'uu qondaaltoonni mootummaa olaanoon ni ibsu.
Jiraattoota naannoo Tigraay sababii lolaatiin rakkinaaf saaxilamaniin alatti, buufataaleen baqattoonni Ertiraa itti dahataniifi dhaabbanni baqattootaa Mootummoota Gamtoomanii deeggarsa taasisuuf naannoo Tigraay keessatti argamu.