Hidha Abbayyaa: Al Siisiin bishaan Masriin argattu hir'annaan 'naannichatti waan hamaatu dhufa' jedhan

Pirezedaantiin Masirii Abdel Fattaah al Siisii

Madda suuraa, Getty Images

Pirezedaantiin Masirii Abdel Fattaah al Siisii sababa Hidha Haaromsaa Laga Abbayaa Itoophiyaan ijaaraa jirtuun bishaan biyyi isaanii argattu hir'annaan 'naannicha keessatti waan hamaatu ta'a' jechuun akeekkachiisan.

"Ammas irra deebiyeen jedha, bishaan Masrii keessaa eenyullee 'coba' tokko fudhachuu hin danda'u. Kun ta'ee argamnaan garuu naannicha keessatti tasgabbii dhabiinsa hin yaadamiinitu uumamuuf deema," jedhan.

"Ani asirratti eenyumaanillee sodaachisaa hin jiru, mariin keenya yeroo hunda sirriifi madaalawaadha," jechuun dubbatan Pirezidantiin Masrii.

Al - Siisiin kana kan dubbatan guyyaa Kibxataa haasaa ulaa Suweezitti taasisaniini.

Masiriin waldhabdeen pirojektii humna ibsaa baasii $5bn ta'een ijaaramaa jiruufi hariiroo biyyoota sadan gidduu jiru hammeesse kana irratti uumame marii Itoophiyaa, Masiriifi Sudaan gidduutti taasifamuun akka furamu cimsitee gaafachuu itti fufti jedhan.

Itoophiyaan garuu karooruma qabatteen Hidhaa Haaromsaa Laga Abbayyaa ji'a Waxabajjii dhufu yeroo roobni waqtii Gannaa jalqabu marsaa lamaffaa guutuuf akka jirtu dubbatte.

Haata'u malee, Masiriifi Sudaan ammoo osoo kun hin ta'iin dura waliigalteen tokko akka lafa jiraatu barbaadu.

Mariin biyyoota sadan gidduutti deemsifamaa jiru sababa Masiriifi Sudaan giddu-galeessummaa qaamota idil-addunya kanneen akka UN, Gamtaa Awurooppaafi USA barbaadaniif danqamee jira.

Itoophiyaan gama isheetiin mariin biyyoota sadan gidduutti deemsifamu akkuma Gamtaa Afrikaatiin jalqabametti itti fufuu qaba ejjennoo jedhu qabdi.

Itoophiyaan bishaan biyyashee keessa jiru Laga Abbayaan osoo kaaniin hin miidhiin fayyadamuun walabummaa biyyaa akka ta'e cimsitee himaa jirti.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad dhiyeenya kana mana maree bakka bu'oota ummataaf taasisaniin kanuma dubbatan.

"Bishaan guutuu ilaalchisee osoo marii sana hin xumuriin waqtiin gannaa nu darbee waggaa tokko keessatti Dolaara Biliyoona tokko dhabna," jechuun bishaan guutuu tursiisuun akka hin danda'amne himaniiru.

Ministirri Bishaanii, Jallisiifi Inarjii Injinar Silashii Baqqalaa (PhD),, Hidhaa Haaromsaa Laga Abbayyaa marsaa lammaffaa bishaaniin guutuun haala kamiiniyyuu achi butuu akka hin dandeenye dubbatanii turan.

Hidhaan Haaromsaa Guddichi Itoophiyaan waggaa 10 dura baasii ofiisheetiin ijaaruu jalqabde kun Afrikaatti tokkooffaa yoo ta'u, humna ibsaa Meggaa Waatis 5,000 ol pirojektii maddisiisudha.

Pirojektiin kun yeroo itti xumuramuu qaburra sababoota gara garaan kan harkifate yommuu ta'u, yeroo ammaa ijaarsi Hidhaa kanaa parsantaa 79 irra gaheera.

Bara dhuftu ammoo Hidhaan Haaromsaa Itoophiyaa kun hanga tokko humna ibsaa maddisiisuu akka jalqabus ni eegama.