Donaald Tiraamp: 'Miidiyaa hawaasummaa ofii isaanii saaqqachuuf' - gorsaa isaanii

Trump image

Madda suuraa, Reuters

Pirezidaantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp, kan Twitaraafi faasbuukiin jalaa cufame, amma midiyaa hawaasaa 'kan mataasaa' saaqqachuuf ta'u gorsaan isaa hime.

''Doonaald Tiraamp yeroo baatiiwwan lamaa ykn sadii keessatti gara midiyaalee hawaasaatti deebii'ee akka agarruun yaada'' jedhan Jaasoon Miilaar wayita Foksi Niiwusiitti himaniitti.

Midiyaan hawaasaa kunis ''tikkeettii midiyaalee hawaasaa hunda caalaa baayyee jaalatamuu fi xabichas guttuummaatti ibsu ta'a'' jedhan.

Mr Tiraamp erga hokkoorri biyyattii Kaappitaal Kan Waashingtan DC keessatti umameen booda ture Ammajjii keessa kan Twiitarii fi Feesbuukii jalaa cufame ture.

Halleellaan deeggarsoota Tiraampin Ammajjii 6 gaggeeffameen qondaala poolisii ajjeefamee dabalatee kan lubbuu namoota shan galaafate yoo ta'u, bu'uurawwan Dimokiraasii Ameerikaa kan raasee ture.

Guyyoota baayyeen boodas, Twitarri sababii hokkoorra caalaa kakaasa jedhutiin, akkaawuntii Tiraamp kan @realDonaldTrump jedhu ture dhaabbataaf haqu beeksiise.

Tiraamp Twitrii isaa waggoota 10 oliif, midiyaalee idilee bira darbuun kallattiin filattootaatti ittiin haasa'aa ture.

Donald Trump Twitter account

Madda suuraa, Twitter

Presentational white space

Pirezidaantiin duraan Tiraamp midiyaa hawaasaa irratti hordooftoota hara miliyoona 10 ta'an qaba ture.

Tiraamp midiyaa hawaasaa (pilatformii) kam fayyadamuuf laata?

Dhugaatti ammatti midiyaa kam fayyadamuuf akka jiru hinbaramne.

''Tiraamp maal akka fayyadamu hundumtuu eegataafi arguuf jira'' jechuun alatti, gorsaan isaa Mr Miilar dhimma kanarra ibsi gadi fageenyaan kennan hinjiru.

Gorsaan isaa kun akka jedhaniitti, Tiraampi dhimma kanarratti gareewwan hedduu waliin 'walgahiiwwan cicimmoo- olaanoo'' gaggeessaniiru.

''Kaampaaniiwwan hedduunis'' Tiraamp quunnamaniiru jedhan Mr Miilara.

"Midiyaa hawaasaa isaa ykn pilaatiformiin inni fayyadamuuf jira baayyee guddaa kan ta'uudha'' jechuun Tiraamp namoota miliyoonota kundhaniin lakkaa'aman akka hawwachu malu raaganiiru.

Tiraamp maaliif haqamanii ture?

Tiraamp erga namoota US Kaapitaal weeraranii turaniin 'gootoota' jechuun waameen barreesseen booda Twiitarri isaa sa'aatii 12'f cufamee ture.

Kanaanis tibba pirezidaantiin haaraan biyyatti Joo Baayidan injifannoo filannoo pirezidaantummaa ibsuuf jiruutti, deeggartoon Tiraamp dhibba hedduun lakkaa'aman haala wal xaxaa keessa galanii ture.

Isaan boodas Twiitarri yoo seera midiyichaa cabsee dhaabbataan akkaawuntii Tiraamp haquuf akka jiruu irra deebiin akeekkachise.

Erga akka deebii'uuf hayyamameef boodas Tiraamp twiitiiwwa kan kaampaanichi seera cabsaniiru jedheen lama maxxanse.

Isaan booda ture egaa akkaawuntiiwwan midiyaa hawaasaa Tiraamp kan haqaman.