Lola Tigraay: Mootummaan Itoophiyaa namoota TPLF tumsaniif akeekkachiisa dhumaa kenne

MM Abiy Ahimad (PhD)

Madda suuraa, Simona Granati - Corbis

Hidhattoonni TPLF'f amanamoo ta'an mooraa waraanaa Kaaba biyyattii jiru haleeluun heera mootummaa fi birmadummaa biyyaa irraan balaa geessisaniiru jechuun kan himatu mootummaan federaalaa Itoophiyaa, qaama jaarmiyaa kana waliin hidhata qabuuf akeekkachiisa dhumaa kenneera.

Ibsa har'a Waajjirri MM tiwiitara isaarratti maxxansee, gochi humnootii TPLF waraana biyyaa irratti raawwatame balaa dhihoofi ifaa motummaan tarkaanfii seera kabachiisu barbaachisuu dirqisiise ture jedheera.

Dhiittaa mirga namoomaa fi ajjeechaa akkasumas buqqaatii lammiilee naannoo Tigraay keessatti raawwatameef sababi ijoon TPLF jedha mootummaan Itoophiyaa.

Haata'u malee jaarmiyaaleen idil-addunyaa kanneen mirga dhala namaaf falman kan akka Humaan Raayitis Waach, UN akkasumas biyyoota jajjaboo akka US fi Gamtaa Awurooppaa dabalatee, hawaasi idil-addunyaa qaamoleen waraana naannoo Tigraay keessatti hirmaatan hunduu yakka raawwatameef qoratamuu qabu jechuun gaafachaa jiru.

Ibsi waajjira Ministira Muummee kun akka jedhutti, mootummaan Itoophiyaa goolama siyaasaa TPLF duraan uumaa tures karaa nagaan hiikuuf yaalaa tureera.

Garuu TPLF sochii karaa nagaa mootummaan taasisaa ture kana akka waan mootummaan dadhabina agarsiiseetti fudhachuun haleellaa raawwatan jedha.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad Sadaasa 04, 2020 ture erga buufanni waraanaa Kaaba biyyattii Tigraay keessatti argamu irratti haleellaan raawwatameera jechuun ifatti tarkaanfiin waraanaa humnootii TPLF irratti akka fudhatamu kan labsan.

Lola kanaan namoonni dhibba hedduun lakkaa'aman ajjeefamaniiru, kanneen kuma 60,000 kan ta'an ammoo gara Sudaan baqachu raggaaleen dhaabbilee gargaarsa namoomaa ni mul'isa.

Namoonni hedduun harka namaa eeggachuuf saaxilamuu fi duguuggaan sanyii raawwatamuu US dabalatee hawaasi idil-addunyaa ibsaa jiru.

Mootummaan Itoophiyaa duguuggaan sanyii raawwatameera kan jedhu oduu bu'uura hin qabneedha jechuun, yakka raawwatame garuu jaarmiyaalee mirga namoomaa fi UN waliin ta'uun akka qoratu ibseera.

Dhaabbati Biyyoota Gamtaamniis Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa waliin ta'uun yakka naannoo Tigraay keessatti raawwate jedhame qorachuuf walta'u tibbana ibseera.

Gareen TPLF seeraan ala deemuu fi yakka hojjechuusaaf tarkaanfii irratti fudhachuu kan ibsu mootummaan Itoophiyaa, hooggantootaa fi miseensota garee kanaa hanga tokko seeratti dhiyeessuu himeera.

Kunis birmadummaa fi nageenya biyyattii eeguuf akka ta'e kan eere ibsi waajjira Ministira Muummee kun, ammas kanneen garee kanarraa hafanii hidhatanii bakka bakka jiran nageenya biyyaaf yaaddoo ta'anii jiru jedha.

Mootummaan yeroo Mana Maree Federeeshiniitiin hundeeffamee naannoo Tigraay bulchaa jiraachuu kan eere ibsi kun, mootummaan federaalaas bulchiinsa yeroo waliin ta'uun naannocha deebisee ijaaruu irratti xiyyeeffateera jedhe.

Naannoo Tigraay kan sababa waraanaan miidhamte deebisanii ijaaruuf ga'ee guddaan dhalattoota naannochaarraa eegama kan jedhu ibsi kun, garuu faallaa kanaa dhalattoonni naannochaa tokko tokko hidhatanii haleellaa eegalan jedha.

Akka ibsa kanaatti, kanneen garee hidhate tumsuun waliin qindoomanii yakka raawwachuutti cichan sabboontota dhalattoota naannocha ta'an osoo hin taane, kanneen mootummaa hacuuccaa gaggeessaa ture deggeraniidha.

Mootummaan dhalattoota naannochaa waliin ta'uun haala siyaas-diinagdee fi hawaasummaa naannochaa yaaddoo keessa galee ture sirreessuu akka barbaadu kan eere ibsi kun, dhalattoonni naannichaa kanarratti akka hirmaatan waamicha dhiyeesseera.

Hooggantoota TPLF kanneen haleellaa raawwatame keessaa harka qabaachuun shakkaman muraasa irraa kan hafe, dhalattoonni naannichaa erga lolli dhalatee bakka garaagaraatti gugatanii jiran yeroo torban tokkoo keessatti akka qe'eesaaniitti deebi'anis dhaameera mootummaan, akka ibsa kanaatti.

Dhalattoonni naanichaa sodaa waraanaa fi rifaatuu loltoota irraa qabaniin riphanii jiran gara qe'ee fi ganda isaaniitti deebi'anii akka jireenyasaanii itti fufaniif qaamni nageenyaa eegumsa ni taasisaaf jedheera ibsichi.

Qaamoleen nageenyaa, bulchiinsi fi qaamoleen olaantummaa seeraa kabachiisan akka lammiilee kunneen simatanii deggeruun waliin hojjetaniif haalli mijateeraaf jedhe.

Mootummaan Itoophiyaa kanaan duras qondaaltonni TPLF kanneen yakka raawwatame keessatti hirmaataniiru jedhee shakke karaa nagaan akka harka kennataniif waamicha taasisaa turunsaa ni yaadatama.

Sababa kanaanis qondaaltonni TPLF kaan ajjeefamanii kaan ammoo to'annoo seeraa jala oolanii dhimmi isaanii mana murtiitiin ilaalamaa jira.

Akka ibsa waajjira ministira muummee kanaatti, ammas taanaan qondaaltonni TPLF kaayyoosaaniitti cichanii jiran, badiinsa naannoo Tigraay irra ga'e irraa baratanii, rakkoon kana caalu akka hin mudanneef jecha akka harka kennatanii fi yakka raawwataa jiran irraa akka of-qusatan mootummaan dhaameera.

Miseensonni TPLF kanneen ajaja kana fudhatanii hojiirra oolchan adabbii cimaa jalaa ni baraaramu, dararaa lammiileerra ga'u hir'isuu keessattis ga'ee guddaa gumaachu jedha ibsi kun.

Kanneen ajaja kana didanii kaayyoo isaaniitti cichan garuu mootummaan tarkaanfii barbaachisaa hunda fudhatee seera akka kabachiisu hubachiiseera ibsi waajjira MM kun.