Fonqolcha mootummaa Miyaanmaar: Aang Saan Suu Chii irratti poolisiin himata bane

Aang Saan Suu Chii humna waraanaan kan hidhaman Wiixata darbe ture

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Aang Saan Suu Chii humna waraanaan kan hidhaman Wiixata darbe ture

Filannoo Sadaasaa darbeen kan filataman Aang Saan Suu Chii erga Wiixata darbe hidhamanii as sagaleensaanii dhagahamee hin beeku, mul'atanii hin beekan.

Poolisiin Miyaanmaar Saan Suu Chii dabalatee qondaaltota mootummaa olaanoo to'annoo jala oolanii turan irratti himata baneera.

Erga fonqolchi mootummaa Wiixata darbe gaggeeffamee as ija namaa duraa dhabamanii kan jiran Saan Suu Chiin hanga Guraandhala 15tti bakka itti hidhaman akka turan poolisiin murteesseera.

Yakkoota isaan ittiin himataman keessaa muraasi seera alergii fi meeshaalee gara biyyaa galan ilaalchisuun jiru sarbuu, akkasumas meeshaalee kominikeeshinii hedduu seeraan ala qabachuun isaan ijoo turan.

Saan Suu Chiin ammallee mana hidhaa jiraachuu malee eessa akka jiran hin beekamu.

Garuu iddoo jireenyasaanii kan ta'e magaalaa Nay Pyi Taw keessatti hidhamanii jiru jedhama.

Pirezidaantiin duraanii Win Myint ammoo seera dhorkaa sochii uummataa weerara koronaavaayirasii to'achuuf kaa'ame sarbuun himataman.

Ammaan booda torban lamaaf bakka amma itti hidhamanii jiran akka turanis poolisiin murteesseera.

Erga fonqolchi mootummaa gaafa Guraandhala 01,2021 Miyaanmaar keessatti raawwatamee as humni waraanaa aangoo biyyattii harkaa qaba.

Gareen juuntaa seeraan ala aangoo qabate kan miseensota 11 qabatee of ijaaree jiru biyyattii keessatti labsii yeroo muddamaa waggaa tokkoof turu labsee gaggeessaa jira.

Gareen kun fonqolcha mootummaa raawwachuusaaf sababi bu'aan filannoo Sadaasa darbee waliin dhahamuudha jedha.

Filannoo sana paartiin Aang Saan Suukiin durfamu Liigiin Dimokiraatawaa Biyyaalessaa olaantummaan mo'ateera.