US fonqolcha Maayaanmaar hordofee biyyattiirra qoqqobbii akka keessu akeekkachiifte

Pirezedaant US Joo Baayidan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedaant US Joo Baayidan

Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan erga waraanni Maayaanmaar aangoo fudhateen booda biyyattiirra qoqqobbii akka kaa’an akeekkachiisan.

Waraanni Maayaanmaar Saan Suu Chii fi hoggantoota biroo filannoo waliin dhahaniiru jechuun to’annoo jala oolche.

Baayidan ‘’humni waraanaa fedhii uummataa irra goruu ykn bu’aa filannoo amanamaa haquu hin qabu,’’ jedhan.

Mootummooti Gamtoomanii fi UK’n illee fonqolcha mootummaa kana balaallefataniiru.

Ameerikaan Maayaanmaar waggoota kudhaniin asitti gama dimookiraasiin jijjiirama agarsiifteen qoqqobbii irraa kaastee turte. Baayidan, ‘’dimookiraasiin eessattiyyuu haleelamaa jira taanaan tiksuu qabna,’’ jedhan kanaanis qoqqoobbii kana duraa irra deebiin ilaaluu akka danda’an himan.

Barreessaan olaanaa UN Antooniyoo Guuteerees tarkaanfii waraanni fudhate ‘’qilleensa haaromsa demookiraasii haaxaa’u’ jedhan. Yaa’iin nageenyaa dhaabichaas walgahii atattamaa waameera. UN namoota 45 hidhaman jedhe akka hiikaman gaafateera.

Ministirri Mummee UK Booris Joonasn immoo ‘’hidhaa seeraan alaa’’ jechuun fonqolcha taasifame mormaniiru.

Hoggantoonni Gamtaa Awurooppaas akkasuma balaallefataniiru.

Chaayinaan gama isheetiin gidduugaltummaa biyyoota biroo mormuun qaamoleen biyyattii gama hundaan jiran ‘garaagarummaa isaaniif furmaata akka kennan’ gaafatte.

Taahilaand keessatti fonqolcha mootummaan Miyaanmaara mormuun bahame

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Taahilaand keessatti fonqolcha mootummaan Miyaanmaara mormuun bahame

Biyyooti naannoo kanneen akka Kaamboodiyaa, Taayilaand fi Filiippiins ‘kuni dhimma keessooti,’ jedhan

Maayaanmaaritti maaltu tahaa jira?

Waraanni daandiirra adeemuun to’annoo yoo taasisu, dhorkaa yeroo sochii dabalatee labsiin yeroo atattamaa waggaa tokkoof turus labsameera. Suu Chiin deeggartoonnishee fonqolcha kana akka morman gaafatteetti.

Xalayaa yeroo hidhamuuf qophaa’aa jirtu barreessiteen, tarkaanfiin humna waraanaa biyyattii bulchiinsa abbaa-irreetti deebisa jette.

Waraanni ministroota ka’an, kanneeen bakka bu’an beeksiseera.

Magaalaa guddoo biyyattii Yaangoonitti namoonni demookiraasiin wareegamaniif jalaa fashalaa’uu himan.

Jiraantaan ganna 25 ‘’hirribaa gaafa kaatu addunyaan kee gaggalagalee argachuun unuuf waan haaraa miti garuu sadarkaa sana waan darbine see’een ture,’’ jedhe.

Maayaanmaar ykn Barmaa jedhamuun kan beekamtu hanga bara 2011tti humna waraanaan bulti ture haaromsa demookiraasii Saan Suu Chii dhaan taasifameetu bulchiinsicha sana goolabe.

Waggoota 15f hidhaarra kan dabarsite yoo tahu, akka addunyaatti mallattoo demookiraasii jedhamuun bara 1991tti badhaasa Noobeelii nagaa argatteetti.

Haa tahu malee Muusliimota Rooyingaa irratti tarkaanfii waraanni fudhachaa tureen maqaanshee akka gaariitti ka’aa hin turrre. Deeggartoonnishee duraanii kana balaallefachuu dhiisuusheen ishee himatu.