Miseensonii Paarlaamaa Kaanaadaa lammummaa kabajaa Aang Saan Suu Kiiy haqan

Hoggantuu Maayaanmaar Aang Saan Suu Kiiy

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Hoggantuu Maayaanmaar Aang Saan Suu Kiiy

Miseesonnni paarlaamaa Kaanaadaa sagalee kennuun lammummaa kabajaa hoggantuu Maayaanmaar Aang Saan Suu Kiiy haqan.

Ajjeechaa uummata musliimaa bicuu Roohingaa biyya ishee keessa jiruu hin dhaabsisne jechuun murticha kan dabarsan.

Saan Suu Kiiyin yaalii isheen dimookiraasii biyyashee Maayaanmaar yookiin Barmaa keessatti fiduuf taasisteen Badhaasa Nagaa Noobeelii fudhatteetti. Ergasii garuu biyyattiin bulchiinsa waraana jala jirti

Gabaasni mootummoota gamtoomanii hoggantoonni waraana Maayaanmaar ajjeechaa jimilaa warra Roohingaa irratti raawwateef gaafatamuu qabu jedha.

Ji'oota 12 darban keessa namooti Roohingaa 700,000 tahan hokkora sodaa biyya isaanii gadhiisaniiru.

Kabaja addaa

Kaanaadaan lammummaa kabajaa kana Saan Suu Kiiyif kan kennite bara 2007tti yoo tahu, namoota ja'aa badhaasicha argatan keessaa isheen tokko.

Saan Suu Kiiyin gochaa suukaneessaa biyyattii keessatti yoo raawwatu akka dhaabsistuuf dhiibbaan hawaasa idila addunyaa yoo isheerra gaheyyuu, homaa tarkaanfii hin fudhanne.

Gaaffiif deebii waggaa darbe ji'a Eblaa BBC waliin taasifteen ''ajjeechaan jimilaa hin jiru'' jechi ajjeecha jimilaa jedhu fayyadamuunis waan ulfaatu natti fakkaata jetteetti.