Chaayinaan walabummaa Taayiwaan 'jechuun waraana' jechuun akeekkachifte

Taayiwaan walabummaa ishee labsuuf yaalii kan taasiftu yoo taa'e waraana akka irratti bantu Chaayinaan akeekkachiifte.

Erga yeroo dheeraatiin as akeekkachisni cimaan akkanaa Chaayinaan wayita kennamu kun kan jalqabaati.

Akeekkachiifni kunis kan kenname erga Beejiingi xiyyaaroota waraanaa gara odolatiitti erga dhiyeessiteefi sochiin loltootaa erga naannichattu mul'ateen guyoota muraasaan boodadha.

Kana malees osoo hintaanee erga Taayiwaaniifi Ameerikaan walitti dhufeenya haaraa cimaa qabaachuuf mar'ataniin booda kana jechuun Chaayinaatti yaaddoo umeera.

Bulchiinsii Baayidan haaraan torban darbe keessaa walitti dhufeenya Taayiwaan waliin qabu akka cimsu ibsuun isaa ni yaadatama.

Waashingitanis Kamisa darbe Taayiwaaniin gama damee ittisaatiin kan deeggartu ta'u ibsa baatee ture.

Haata'u malee Chaayinaan Taayiwaaniin akka bulchiinsa mataashee finciltuu tokkootti ilaaltiin. Taayiwaan ammoo akka biyya walabaatti of ilaalti.

Dubbi himaan Ministieera raayyaa Ittisa Chaayinaa Wu Kiin Kamila kaleessaa ibsa kennanii yaada cimaa kaasaniiru.

''Wanti cimsinee dubbachu barbaadnu, Taayiwaan ibiddaan tabataa jirti. Ibiddichi ammoo isaan nyaata'' erga jedhaniin booda, ''Taayiwaan biyya walabaan ta'a yoo jette, kan itti fufu waraanaa'' jechuun cimsanii dubbatan.

Sochii loltootaa Chaayinaan dhiheenya Taayiwaaniitti taasisaa jirtuus, ''Adeemsa sirriidha, kan walabummaa biyyaaleessaafi nageenya eegsiisuuf taasifamuudha,'' jedhan dubbi himaan kun.

Ameerikaan gama isheetiin akeekachiisa Chaayinaa kanaaf Kamisa galgala deebii kennite jirti.

Haasaan gama Chaayinaatii dhagahamaa jiru dubbii barbaacha. Walitti dhufeenya Ameerikaan Taayiwaan waliin qabduu kan dhaabus miti jedhan Barreessaan piressii Peentaagon Joon Kiirbiin.

Bulchiinsi Ameerikaa haaraan haaloowwan Chaayinaa waliin biyyattiin qabdu hedduu qabanneessuuf hojii guddaan akka irraa eegamu himama.

Dhimma Taayiwaaniin alattis sarbama mirga Islaamtoota Chaayinaa keessatti raawwatamuu, waldhabdee daldalaa Chaayinaa waliiniifi dhimmi Hoong Koongi isaan mummeedha.

Amma dhimmi Taayiwaan dabalamuun bulchiinsa Baayidaniif boowwoo mataa haaraadha jedhama.

Chaayinaafi Taayiwaan erga bara 1949 wal waraansi gaggeeffameen booda lamaanuu motummaa mataasaani qabaachuun itti fufan. Haata'u malee baroota dheeraaf Chaayinaan walitti dhufeenya Taayiwaan biyyoota biraa waliin qabdu to'achuuf yaalti.

Lamaanu olaantummaa isaanii gama Paasifikiitti cimfachuuf yaalaa turan.

Yeroo dhiyoon as ammoo mudamni Taayiwaan fi Chaayinaa jidduutti kan jiru yoo ta'u, Beejini ammalleen yaadaa humnaan odoliittii gara ofii sheetti deebuusu gutummaan hin dhiifne.

Biyyoonni Taayiwaaniin akka biyya walabaatti beekamtii kennaniif muraasaa. Haata'u malee motummaan Taayiwaan kan karaa dimokraatawwaan filatame walitti dhufeenya daladalaafi al idilee hedduu biyyoota addunyaa hedduu waliin taasisaa jira.

Akkuma biyyoota hedduu kamiyyuu, Ameerikaanis Taayiwaan waliin walitti dhufeenya dippilomaasii ifaa qabdi.