Koronaavaayiras: 'Qabeenyi dureeyyii addunyaa 10 ida'amee baasii talaallii hunda keenyaaf ni gaha'

Jeef Bezos, hundeessaa kaampaanii Amaazoon hojjattoota dhaabbatichaa hundaaf $105,000 jajjabeessitu kenne

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Jeef Bezos, hundeessaa kaampaanii Amaazoon hojjattoota dhaabbatichaa hundaaf $105,000 jajjabeessitu kenne

Qabeenyi dureeyyii addunyaa kanaa 10 osoo idaa'ame baasii talaallii koronaavaayirasiif nu barbaachisu ni gaha jedhame.

Akka gabaasa dhaabbata Oksifaamitti, qabeenyi namoota 10 yeroo weerarii koronaavaayirasii hammaatetti baayyee dabaluun walumatti doolara biliyoona 500 fi biliyoona 40 ol ta'eera.

Maallaqni hangas gahu namoota hunda sababii vaayirasichaan hiyyummaa hamtuu keessatti kufurraa baraaruu danda’a.

Kana malees, talaallii namoota hundaaf qaqqabsiisuuf maallaqa barbaachisu kaffaluu danda’a jedheera dhaabbanni miti-mootummaa kun.

Gabaasichi akka agarsiisutti, badhaadhinni dureeyyii kurnan kanaa baasii biyyoonni garee biyyoota digdamaa G20 jedhaman weerara vaayirasichaarraa bayyanachuuf baasan wajjin wal gita.

Dhaabbanni gargaarsaa kun qaraxni dureeyyiin garmalee badhaadhan kun kaffalan irra deebiin akka ilaalamu waamicha dhiyeessaniiru.

Gabaasni ‘Inequality Virus’ jedhu kun hoggantoonni biyyoota addunyaa fooramii dinagdee Davos jedhamuuf gama toora intarneetiin wayita walgahanitti maxxanfame.

Dinagdeen biyyootaa jaarraa kana keessaatti haala kanaan dura hin turreen wayita kufaatii keessa seenetti, mootummoonni biyyoota garaagaraa wayita dinagdeen isaanii deeggaran, qooda dureeyyii saffisaan guddisuun soorummaa dabaleef.

Haaluma kanaan, badhaadhinni dureeyyii Bitootessa 18, 2020 hanga Mudde 31, 2020tti doolara tiriliyoona 3.9’n dabaleera.

Amma badhaadhinni isaanii kun doolara tiriliyoona 11.95 irra qaqqabeera. Maallaqni kun baasii biyyoonni dureeyyiin garee biyyoota G20 weerara dhibeerra dandamachuuf baasaniin wal gita jedha gabaasichi.

Qabeenyi dureeyyii 10 Bitootessa bara 2020 irraa qabee doolara biliyoona 500 fi biliyoona 40’n guddate keessatti, hundeessaa Amaazoon Jeef Beezos, hundeessaa Teslaa Iloon Maskifi hundeessaa Feesbuukii Maark Zukerbarg fa’aatu keessatti argama.

Gabaasichi akka jedhutti, Beezos hanga Fulbaana bara 2020tti galiin argate maallaqa jajjabeessituu ykn boonasii $105,000 hojjattoota kaampanii Amaazoon 876,000 hundasaaniif osoo qoodeyyuu, weerara vaayirasichaan dura qabeenya qaburraa gad hin bu'u jedha gabaasichi.

Maallaqni kun biyyoonni hiyyeeyyiin weerara kana bayyanachuuf kan isaan baasuu barbaadaniin walgita.

Oksifaam akka tilmaametti, namoonni miliyoona 500 caalan sababii weerara dhibee kanaatiin hiyyuumaa hamtuu keessa jiraatu. Kunis lakkoofsa namoota hiyyooman ganna 20 keessatti addunyaarratti hir’atee ture deebisee ol dabaleera

Hojii gaggeessan Oksifaam Daanii Sirikanadarajaha BBCtti akka himanitti, qaraxa sooreyyiifi qaraxa korporeeshiinoonni kaffalan haqummaasaa ilaaluun yeroon isaa amma jedhan.

Kanarraa ka’uun, UK keessatti qaraxni dureeyyiin kaffalan doolaara miliyoonatti lakka’amuun dabaluu qaba jedhan.

Dureeyyii kanaan wajjiin wal bira wayita madalaamu, yeroo weerara dhibeetti UK keessatti namoonni gargaarsa maallaqa guddaa arjooman namoota beekamoo, namoota ispoortii keessatti beekamoo ta’aniifi hojii bizinasii hoggananiidha.

Ji’a darbe keessaa haatii warraan duraanii Jeef Beezos, baankii nyaataafi deeggersa yeroo muddamaaf kan oolu doolaara Ameerikaa biliyoona afur gumaachite.

Makenzii Iskoot, toora biloogii isheerratti lammilee Ameerikaa sababii weerara dhibeeetiin rakkatan gargaaruuf maallaqa kana gumaachuu ibsite.

Hundeessaan Tiwitarii Jaak Dorsii namoonni weerara dhibichaan miidhaman akka bayyanataniif, doolaara biliyoona tokko Ebla darbe keessa gumaache, maallaqni kun galiin inni argatee keessa harka nuusa qofaadha.

Biil Geetiifi haatii warraan isaa Melindaan, doolara miliyoona 300 fi miliyoona 5 talaalliiifi wal’aansaaf kan oolu karaa dhaabbata gargaarsaa gumaachuu waadaa seenanii turan.

Barreessaan Harii Potar garuu namoota mana hin qabneef weerara dhibeetiin miidhamaniif doolaara miliyoona tokko gumaachite.