Koronaavaayiras: Namoonni talaallii Covid-19 fudhatan vaayrasicha daddabarsuu malu

Madda suuraa, Reuters
Namoonni talaallii Covid-19 fudhatan vaayirasicha namoota birootti dabarsuu waan danda’aniif seera socii dhorkuuf bahe hordofuu qabu jedhan qondaalli fayyaa Ingilaand tokko.
Qondaalli fayyaa Pirof. Jonaattaan Vaan-Taam akka jedhanitti, saayintistoonni“ ammallee daddarbuu ilaalchisee dhiibbaa talaallichi qabu hin bariin jiru”.
Talaalliiwwan “abdii” namatti horanullee saffisni lakkoofsa namoota qabamanii hir’achuu qama jedhu Piroofeesarichi.
Ministirri Fayyaa UK Maat Hankook akka jedhanitti biyya isaaniitti namoota umuriin isaanii waggaa 80 ol ta’an keessaa %75 talaallii argataniiru.
Namoonni manneen kunuunsa maanguddootaa keessa jiran harka afur keessaa sadii talaalamaniiru biyya UK keessatti.
Akka Pirof. Vaan-Taam jedhanitti, “Talaalliin %100 milkaa’aa ta’u hin jiru waan ta’eef ittisuudhaaf wabii isa dhumaa miti.
Erguma talaallii fudhatanii torbanoota lamaa hanga sadii keessatti vaayirasichi nama qabuu danda’a. Kana waan ta’eefis, erga talaalliin fudhatameen boodallee torban sadii hanga talaallichi humna ittisuu uummatutti eeguun barbaachisaadha.
UKn hanga ammaatti namoota miliyoona ja’atti dhiyaatan talaalteetti. Biyyoonni Awurooppa biroos warra adda durummaan isaan barbaachisu adda baasuun kennuu eegalaniiru.
Ameerikaanis erga Pirezedaant Joo Baayidan aangoo qabatanii talaallii bulchiinsa Tiraampiin jalqabame duula addaatiin baballisuuf hojjechaa jirti.
Biyya Eeshiyaa keessaa ammoo Indiyaan sochii talaallii omishuufi dhiyeessuun biyyoota Eeshiyaafi Afrikaaf nan qaqqaba jechaa jirti. Amummallee, biyyoota Eeshiyaa tokko tokkotti erguu jalqabdeetti.
Indiyaan talaalliiwwan addunyaarratti hojjetaman keessaa %60 qopheessuun kan beekamtu yoo ta'u, biyyoonni baayyeen galfachuu jalqabuudhaaf hawwii guddaadhaan eegaa jiru.
Indiyaan talaalliiwwan Covid lama yeroo atattamaaf hojiirra akka oolan kan mirkaneessite yoo ta'u, baatii Amajjii kanarraa kaastee kennuu jalqabeetti.
Gama Afrikaan ammoo talaalliin Covid-19 doozii miiliyoona 270 tahu waadaa galameef karaa Gamtaa Afrikaa guutummaa ardii kanaatti rabsamuuf jira.
Biyyooti addunyaa hiyyeeyyii tahan talaallii kana argachuuf yeroo dheeraa eegu yaaddoon jedhu jira.













