Ijaarsa daandii baaburaa Awaash-Waldiyaa holqawwan 10 qaxxaamuru

Madda suuraa, AKH Railway Project
Ijaarsii daandii baabuura Jabuutii -Finfinnee kan jaarraa tokkoon dura ijaarameen booda, pirojaktiiwwan ijaarsa daandiiwwan baabuuraa dursi kennameef gara hojiitti galame keessaa tokkoo sarara Awaashii ka'uun Waldiyaa, Haaraa Gabaa dhaqu ni argama.
Daandiin baaburaa kunis dheerina km 392 kan qabu yoo ta'u, marsaa lamaan ijaaramaa jira.
Ijaarsi marsaa jalqabaa kan km 270 dheeratu yoo ta'u, Awaashii hanga Kombolchaatti gaha. Marsaa lammaaffan km 12 dheeratu ammoo Kombolchaa hanga Haaraa Gabaa kan jiruudha.
Ijaarsi pirojaktii kanaas marsaa lamatti kan qoodameef sababii bajanni gahaan dhabamee tureef akka ta'e hojii gaggeessaan pirojaktichaa injinara Abdulkariim Mohaammad BBC'tti himan.
Ijaarsa daandii baaburaa kana raawwachuuf bara 2012tti waliigalte irra gahamuun ijaarsi marsaa jalqabaa 2014tti eegale. Kanaafis bajanni doolaara biiliyoona 1.235 ramadamuu injinar Abdulkariim ni himu.
Ijaarsi marsaa duraa kunis ammaatti %99 xumuramuun tajaajila eegaluuf dhiyeessii anniisaa eeggataa jiraachuutu himame.
Ijaarsi pirojaktii marsaa lammaaffa ammoo maallaqni harkifatee waan argameef dhiheenya eegalame. Kanaan alattis sababii Covid-19, daangaa kabachiisuu fi kkf kan harkifate ta'ulleen amma %82 irra gahu himan.
''Saffisaan xumuruun tajaajila eegalchiisuuf hojjetamaa jiraatulleen, sababii dhiyeessii anniisaatiin harkifachuu mala jennee yaaddofna'' jedhan injinar Abdulkariim.

Madda suuraa, AKH Railway Project
Baabburri fireenii waan hin qabneef nu fixa...
Osoo pirojaktichi hin eegalamiin dura rakkoo guddaan haala taa'umsa lafa naannichaa ture jedhu injinar Abdulkariim.
Keessattuu naannoon Awaashi-Haaraa gabaa jiruu gaaraa fi ijaarsa daandii baabuuraatiif kan hin mijoofne waan ta'eef dizaayina bakkaa bakkatti geeddaruun qormaata guddaa akka ture himan.
Naannichattis ijaarsi daandii baabuuraa wayita gaggeeffamu kan jalqabaa waan tureef hawaasni waa'ee pirojaktichaarratti hubannoo gahaa hin qabu ture jedhu.
Isaan amansiisuun baay'ee cimaa ture jedhu Injinar Abdulkaariim.
Hawaasni ilaalcha ''baaburri fireenii hin qabu, gara kana yoo dhufe ummata fixa'' jedhu qaba ture.
Kanaafuu odeeffannoo dogongoraa hawaasa keessa jiru kana hubachiisuuf yeroo dheeraa fudhachuu himu hojii gaggeessaan kun.
Rakkoon pirojaktichaan walqabte mudataa ture kan biraa daangaa kabachiisuu fi rakkoo beenyaa ture.
Daandichi maasaa qonnaan bulaa keessaan waan qaxxaamuruuf haalicha baay'ee rakkisaa taasiseera jedhan.

Madda suuraa, AKH Railway Project
Wayita ammaa kanattis ijaarsi pirojaktii marsaa tokkooffaafi kanfaltiin beenyaa gutummaatti xumurameera.
Isa marsaa lammaaffatti garuu dhimmi beenyaa xumura kan argate dhiheenya kana. Keessattuu naannawa Aanaa Thuldareetti dhimmi beenyaa baay'ee isaan rakkisaa turu himu Injinar Abdulkaariim.
Komiin beenyaan nutti xiqqaate jedhu waggoota lamaaf akka turee fi ijaarsii daandii km 55 harkifachu akkasumas haala beenyaa irratti murtee kennuun yeroo dheeraa fudhachu yaadatu.
Haa ta'u malee ammatti burjaajjiin hubannoo hawaasichi pirojakticharratti duraan qabuus ta'e haalli beenyaa gutummaatti furamu himan hojii gaggeessichi.
Holqawwan km 10 fi riqichawwan 70
Biyyattii keessatti hojiin holqa qotuu baay'ee kan barame hin turre. Haa ta'u malee pirojaktii ijaarsa daandii kanaa keessatti hojiiwwan holqa qotuu fi riqiichawwan itti baay'atu jedhu Injinar Abdulkaariim.
Pirojaktii kana keessattis riqichawwan lageen qaxxaamuruuf qofa osoo hin taane, gaarreen walitti hidhuuf ijaaramuu fi kana gochuuf utubaawwan riqicha baatan kanneen meetira 53 ol dheeratan ijaaramu himu.

Madda suuraa, AKH Railway Project
Kana malees ijaarsi riqichawwanii fi holqawwan kanneenii teeknolojiiwwan hedduu hammachuun kan ijaaraman ta'u himu.
Keessattuu riqichawwan naannoo Karra Qoreetti ijaaraman raafamni lafaa mudachu danda'a jedhamee waan yaadamuuf, haala rakkina sana dandamatuun kan ijaaramaniidha jedhan.
Kana malees pirojaktiin kun hojiiwwan holqaa 10 kan qabu yoo ta'u, inni guddichi dhiheenya Haaraa Gabaatti kan argamuufi kan dheerina km 2.3 qabuudha.
Waliigalattis holqawwan 10 kan dheerina km 10 qaban ta'u Injinar Abdulkaariim BBCtti himan. Kunis haala ijaarsa pirojaktiichaa walxaxaa taasisuu isaa himan.

Madda suuraa, AKH Railway Project
Holqawwan dheerina km 1.5 qaban keessatti akka tasaa ta'ee baaburri holqicha keessatti yoo rakkoon mudate, haala itti namoonni ofiisaanii baraaruu danda'aniitti holqawwan biraa holqa isa guddaa keessatti ijaaramuus dabaluun himu.
Akkasumas pirojakticha keessatti riqichiwwan 70 kanneen dheerina km jahaa ol qaban ijaramaniiru.
Riqichi inni guddaan kan naannawa Karra Qoreetti ijaarameefi dheerina km 1.1 qabuudha.
Ijaarsi pirojaktii kun kan olaantummaan gaggeeffamu dhaabbata Tarkii Yaappii Markazii jedhamuun yoo ta'u, ogeessonnii fi kontiraaktaroonni Itoophiyaa keessatti hirmaataa jiru.
Namoonni kuma jahaa ol ta'anis damee hojii kanaa keessatti yeroo garaa garaa hirmaachutu himama.
Kanaanis namoonni damee injinaringii baaburaatiin baratan muuxannoo ogummaa olaanaa argachuu isaanii hojii gaggeessaan kun himaniiru.
Gara fuula duraatti biyyattiin osoo pirojaktii walfakkaataa ijaaruu barbaaddee, ogummaa olaanaa ogeessonni kunneen kan gaheesaanii ittiin gumaachu isaan dandeessisu argataniiru jedhan.

Madda suuraa, AKH Railway Project
Naannawa pirojaktiichi keessa qaxxaamuruutti ijaarsa daandii baabuuraatiin alattis hojiiwwan gara biraas ni raawwatamu.
Fakkeenyaaf qonnaan bultoota maasaan isaanii harki 25 ol jalaa fudhatameef leenjiin kennamuun beenyaa kennamuuf gara daldala bu'a qabeessaatti akka geeddaraniif akka hojjetame hojii gaggeessaan kun himan.
'Mudannoo hin dagatamne'
Kana malees daandiiwwan qaxxaamuraa km 400 fi kan magaalaa keessaa km 70 pirojaktichaan hojjetamuun hawaasichaaf kennamu dubbatan.
Adeemsa hojii pirojaktii kana keessattis ganda Tabiisaa jedhamtu keessaatti mudannoo hin dagatamne akka qaban Injinar Abdulkariim ni himu.
Naannichi hir'ina bishaaniin kan beekamuufi jiraattonni bishaan barbaacha hanga km 10 akka imalan kaasuun, garuu ijaarsa pirojaktichaa keessatti osoo qotaa jiranuu bishaan dhangala'u isaa yaadatu.
''Wayita bishaanicha gadhiisneetti gammachuun ummataa adda ture,'' jedhu.

Madda suuraa, AKH Railway Project
Kanaan boodas hawaasichi ''ijaarsa pirojaktichaa amma dhaabaa akka bishaan keenya nu jalaa hin balleessine'' jechuu akka eegalan himu.
Haa ta'u malee bishaanichi kan hin dhaabbannee ta'u jiraattoota waliin erga mariin gaggeeffameen booda waliigalamee hojiin ijaarsichaa itti fufuu dubbatu.
Ammaan tanas ummanni naannichaa baroota dheeraaf dhabiinsa bishaanitiin rakkataa ture sababii ijaarsa holqichaatiin amma bishaan argachu himu hojii gaggeessaan kun.

Madda suuraa, AKH Railway Project
Daandiin baaburaa kun wayita xumuramutti baaburoota 26 ni kessuummeessa. Baaburoonni 20 ta'an kan mi'a fee'an yoo ta'u, kan hafan jaha ammoo kan namootaaf tajaajila kennaniidha.
Osoo baaburoonni hundinuu guyyaan kan hojjatan ta'ee, namoota 4,300 ol Finfinnee irra gara Waldiyaa-Jabuutii deddeebisu ni danda'u.
Baaburri tokkichi dandeettii hanga toonii 1,350 fe'u qaba. Kanaafu hundu osoo hojjatanii dandeettii mi'a toonii kuma 27 deddeebiisu danda'u.
Kunis mi'a buufatarra jiran yeroo gabaabaatti kaasuun saffisa hojii dabalu danda'as jedhu ittigaafatamaan kun.

Madda suuraa, AKH Railways Project
Ijaarsi pirojaktii daandii baabura Awaashi - Waldiyaa - Haraa Gabaa kana keessattis buufataleen gurguuddoon 4 fi xixiqqoon 6 jiru.
Isaanis Awaashi, Shawaa Roobiit, Kombolchaa fi Haraa Gabaatti argamu. Kanaan alatti yoo rakkoon baabura mudateetti gaaraajiin yeroo tokkichatti baaburoota saddeet suphuu dandeessisu Kombolchaatti ijaarameera jedhu.
Gara fuula duraattis motummaan Itophiyaa ijaarsa pirojaktiiwwan daandii baaburaa gaggeessuuf pirojaktiin kun akka ka'umsaatti ni tataajila jedhamee eegama.
Daandiin baaburaa Waldiyaa-Warrataa, Warrataa- Matammaa dhaquuf sadarkaa qorannoorratti argamus qaamuuma daandii baabuuraa kanaati.
















