US garee hidhattootaa Huutii shororkeessaa jechuun labsuuf

Madda suuraa, Reuters
US garee hidhattootaa Huutii kan Yaman keessa jiruun shororkeessaa jechuun labsuuf ta'uu beeksise.
Gareen kun gama isaan US karoora kanaan yoo itti fufte biyya waraanaan miidhamte Yaman keessatti dhiyeessii deeggarsa namoomaatti danqaa akka ta'u doorsisaa jira.
Ministirri haajaa alaa Ameerikaa Maayik Pompiyoon kaayyoon isaanii garee Huutii kan haleellaawan daangaa ce'uun namoota nagaarratti raawatamu, miidhama bu'uura misoomaafi geejiba galaanaaf gaafatamaa gochuudha jedhan.
Labsiin kun ''gochoota badaa'' deeggartuu isaanii Iraan waliin godhamus ni hambisa jedhan.Ejensiiwwan gargaarsaa garuu naannolee sababa waraanaan miiliyoonotni beelaafa itti saaxilamanitti labsiin kun deeggarsi namoomaa akka hin qaqqabamne godhaa jechuun yaada US mormaa jiru.
''Kun ifatti badiisa dippiloomasiiti'' jedhu Pireezidantiin dhaabbata gargaarsa namoomaa idila addunyaa 'Rescue Committee' Deeviid Milibaand.
Hoogganaan Huutii ammoo bulchiinsa Doonaald Tiraampiin shororkeessaa jedhaniiru. Bara 2015 irraa kaasee Yaman lola hammaataa biyyoota alaa hirmaachiseen goolamaa jirti.
Huutiin Lixa biyyattii yoo to'atan gareen mootummaa Saawdiin durfamu ammoo to'annoo mootummaa Yaman pireezidant Abdirabbuuh Mansuur Hadii jabeessuuf yaalii godhamuun Yamaan akka malee miidhamaa jirti.
Gartuun mootummaa biyyattii deeggaru deeggarsa dabalataa biyyoota akka US, UK fi Firaans kan argatan yoo ta'u Iraan ammoo hidhattoota Huutii Misaayela, Dirooniifi leenjiin deeggarti isa jedhamu ni haalti.
Lola kanaan namootni 110,000 yoo du'an rakkoo namoomaa hammaataan addunyaa kanaa akka dhalatu sababa ta'eera.

Madda suuraa, Reuters
Lammiileen biyyattii 80% ta'an deeggarsa namoomaa fi eegumsa barbaadu.Pompiiyoon Dilbata kaleessaa akka beeksisanitti muummeen haajaa alaa dhimma kana Koongireesiif ibsuun hidhattootni Huutii yeroon bulchiinsaa Tiraamp xumuramuu dura Amajjii 19 shororkeessaa jedhamee akka raggaasifamu yaadan.
Gareen dur Ansar Allah(michuu rabbii) maqaa jedhuun beekamu kun tarree dhaabbilee shororkeessaa biyya alaa jalatti akka labsamudha karoorrii Pompiyoo.
Hoogganoonni Huutii sadii Abdul Maliik al-Huutii, Abdul Kaliiq Badr al-Diin al-Huutiifi Abdullaah Yaahyaa al-Hakiim ammoo addatti shororkeessitoota addunyaa jedhamuun akka adda bahan yaadame.
Labsiin kun garee hidhattootaa kana yakka dalageef gaafatmaa gochuun cinaatti Yaman walaba taatee nagaa qabaattee dhiibbaa Iraan jalaas baatee ollaa ishee waliin akka jiraattu gochuuf akka fayyadullee himan Pompiyoo'n.
Haleellaa Mudde 30 buufata xiyyaaraa magaala Adenitti raawwatamee lubbuu namoota 27 galaafatee akka fakkeenyaarrus kaasaniiru Ministirri haajaa alaa Ameerikaa kun.
Mootummaa Yamaniif Saawdiin haleellaan kun hidhattoota Huutiin raawwatame jedhaniis garichi himannaa kana haaleera.
Hoogganaan Huutii Mohaammad Alii al-Huutii deebii gama tiwiitariin kennaniin''Ameerikaan madda shororkeessumaati, imammatni bulchiinsa Tiraamp shororkeessaadha, gochi isaas shororkeessummaadha. Uummata Yamaniif dhimma isaanii miti kaayyoon isaa ajjeessuufi beelessuu waan ta'eef'' jedhan













