Lola Yaman: Buufata xiyyaaraa Adanitti dhohiinsi gurguddaan dhagaahame
Dhohiinsi gurguddaan buufata xiyyaaraa Adan sochoose kan uumame xiyyaarri ministiroota Yaman feetee Sa'udi Arabiyaa irraa kaate battala buufaticha qubattetti ture.
Dhohiinsa kanaan yoo xiqqaate namni 13 yoo ajjeefamu namoonni hedduun madaa'aniiru jechuun maddi nageenyaa Rooyitarsitti hime.
MM Ma'iin Abdulmaliik Sa'iid fi miseensonni kaabinee kaan osoo miidhaan irra hin gahiin bahanii gara masaraa biyyattii geeffamaniiru.
Dhohiinsichi "haleellaa shororkeessummaa gowwootaa" finciltoonni Huutii raawwatanidha jedhan ministirii odeeffannoo biyyatti.
Kaabineen MM Sa'iid dursan kan ijaarame wal diddaa humnoota pireezidantii biyyattii Abdirabuu Mansuur Haadii fi kanneen foxxoquuf lolan 'Southern Transitional Council (STC)' jiru hir'isuuf ture.
Gareeleen kun lamaan silaa michoota ta'anii waliin hidhattoota Huutii kan magaalaa guddoo biyyattii Sana'aa fi Kaaba-Lixa Yaman harkaa qaban loluu qabu ture.
Yaman bara 2015 erga qindoominni biyyoota Arabaa Sa'udi Arabiyaan durfamu hidhattoota Huutii loluun bulchiinsa pireezidanti Haadii cimsuuf lola eegalanii asi waraana hamaa keessa jirti.
Waraana kanaan namoonni 100,000 yoo du'an, gaaga'ama namoomaa addunyaa irratti isa hamaa ta'eef sababa ta'eera.
Namoonni miliyoonotaan lakkaa'aman gariin beelaaf saaxilamaniiru, gariin ammoo haala Covid-19f isaan saaxiluun biyyaa bahanii baqaaf saaxilamaniiru.














