Haleellaa Beenshaangul Gumuziin walqabatee namoonni kuma 100 qe'eerraa buqqa'an

Madda suuraa, BBC
Naannoo Beenishangul Gumuziitti baayyinni namoota sababii haleellaa Adooleessarraa eegaluun hidhattootaan raawwatameen qe'eesaanii irraa buqa'anii kuma 100 gahusaa mootummaan naannichaa BBCtti himeera.
Komishinarri Komishinii Hoggansa Hojii Ittisa Balaa Beenishangul Obbo Taaraqany Taaffasaa akka jedhaniitti, namoota haleellaa dhiheenya Aanaa Bulan ganda Bakujiitti raawwatame dabalatee namoonni qe'eefi qabeenyaa isaanirra buqqa'an kuma 100 gahu mirkaneessaniiru.
Naannoo Beenishaangul godina Matakkalitti aanaalee shan keessatti erga baatii Adooleessa bara 2012 asiitti irra deebiin buqqaatiin mudachuu kan himan Obbo Taaraqany, namoonni aanaalee Maankush, Dibaaxee, Bulan, Wanbaraafi Maanduraa irraa buqqa'uu dubbatu.
Akkasumas Daangur, Bakujiifi Addis Aalam irraas buqqaatoonni jiraachuu kan hima ittigaafatamaan kun, isaan keessaa kan 6,000 ta'an naannoo Gubbaa jedhamu, kanneen 6,800 ta'an ammoo Wanbaraa, Maanduraatti ammoo kumni 12, Dibaaxeetti 14,000, Bulanitti kuma 51 kan ta'an akka argaman ibsaniiru.
Haleellaa hidhattoottaan Godina Matakkal Aaanaa Bulaniitti ALI Muddee 13 bara 2013tti raawwatameen, lammiileen nagaa 207 ajjeefamusaanii aanga'oonni naannichaa BBCtti himanii ture.Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaas, tarree namoota ajjeefamanii yoo ibsu, 133 dhiirootaafi 35 dubartoota, akkasumas kan umuriin baatii jaha tokko dabalatee daa'imman17 ajjeefamuu ibsee ture.
Kanneen hafan 20 ammoo jaarsoolii akka ta'an mirkaneesseera. Naannoo Beenishaangul Gmuziitti ALI bara 2010 irraa kaasee walitti bu'insawwan turaniin namoonni qe'eesaaniirraa buqqa'uun akka ture kan himan Obbo Taaraqany, namoonni kunneenis hanga bara 2012tti gara qe'eesaaniitti deebii'anii akka turan kaasaniiru.
Amma garuu baatii Adooleessaa irraa kaasee haleellaawwan yeroo adda addaatti raawwatamaniin, namoonni naannicha bakkeewwan garaa garaa irraa buqqa'an eeggataa deeggarsa guyyaa ta'usaanii dubbatan.
Namoota naannichatti aanaalee shan irraa buqqa'uun deeggarsa mootummaa eeggataa jiraniin alattis, kanneen gara naannoolee ollaatti baqatan jiraachisaaniis ni himan.
Haaluma kanaanis buqqaatoonni hedduun magaalaa Chaagnii, ganda Maanxuraa, akkasumas Raanchi bakka jedhamu jiraachuu ragaa qabaachuu ibsan.
Buqaattoota keessaas daa'imman, dubartoonniifi maanguddoonni kan argaman ta'uu kan himan Obbo Taaraqany, nyaanni haadhooliifi daa'immaniif ta'uu kilogiramii 15 ji'atti nama tokkoof akka kennamu dubbatan.Lakkoofsi buqqaatotaa olaanaa ta'uu kan himan itti gaafatamaan kun, kanaafuu humna naannichaatiin ol ta'uun Komishinii Hooggansa Hojii Ittisa Balaa Federaalaatti beeksiisuu dubbataniiru.
Deeggarsa bakkeewwan garaa garaatiin gahuuf haala bal'ina isaatiin kan ka'e rakkisaa waan tureef, ammas taanaan haala danda'ameen waliin gahuuf yaaliifi qindoomiinni taasifamaa jiraaachuu himaniiru.
Buqqaatoonni muraasni buufataalee dahannoo keessatti argaman ammalleen yaaddoo nageenyaa akka qabaniifi milishoota qofaan eegamunsaanii akka isaan yaaddeesse kan himan Komishinarichi, komaand poostiin garuu itti dhiyaachuun hordooffii taasisaa jiraachuu dubbataniiru.
Naannichaan alattis, deeggarsi nyaataafi uffataa Federaalaa, dhaabbilee tola-oltootaa akkasumas bulchiinsa magaalaa Finfinnee irraa dhufe atattamaan gara buufataalee geessuuf konkolaattoota qopheessuu himaniiru.
Lammiileen rakkoo nageenyaa godinichatti umameen buqa'uun 100,00 ol deeggarsa barbaaduuf koreen sadarkaa naannootti galii waliitti qabu hundeeffamee hojii eegalus himan.
Namoonni buqa'an kunneenis gara irraa dhufaniitti akka deebii'aniifi dhaabbataaniif hojjatamaa jiraachu dabaluun ibsan Obbo Taaraqanyi. Hidhattoota godinichatti jiraattota irratti haleellaa raawwataa turan keessaa 17 to'annoo jala olfamusaanii komaand poostiin naannichaa beeksiisuunsaa ni yaadatama.

















