Manni maree Benishaangul Gumuuz mirga himatamuu dhabuu qondaaltota afurii kaase

Miseensota mana maree sagalee deeggarsaa kennan

Madda suuraa, Benishangul Gumuz Communication

Manni Maree Naannoo Benishaangul Gumuuz yaa'ii arifachiisaa har'a taa'een mirga himatamuu dhabuu miseensota afurii kaasu Kominikeeshiniin naannichaa beeksise.

Xumura waggaa darbe eegale naannoon Lixa Itoophiyaatti argamu kanatti yeroo garaa garaa ajjeechaan jumlaa lammiilee nagaarratti raawwataa tureera.

Torban darbe gaafa Roobi barraaqaan haleellaa Godina Matakkal Aanaa Bulan ganda Bakkujjiitti raawwaten lammiileen nagaa 207 ol ajjeefamu mootummaan ibseera.

Ajjeechaan kuni MM Abiy Ahimad qondaaltota mootummaa olaanoo federaalaafi naannoo waliin ta'un rakkinicha furuuf naannicha deemanii marii gaggeessanii bulee isaa raawwate.

Ajjeechaa kanaaf hidhattoonni naannichatti socho'an kan shakkaman yoo ta'u mootummaan tarkaanfii fudhateen hidhattoota 40 ol ajjeesu beeksiseera.

Tarkaanfiin ala caasaa mootummaa keessa kanneen jiraniifi badii kana keessa qooda qabu jedhee shakke torballee to'achuu beeksiseera.

'Rakkina godinichatti [Matakkal] mudate kan hammeesse hoggantoonni kan irratti qooda fudhatanidha,,' jechuun miseensonni mana marichaa dubbachuun isaanii gabaafameera.

Kanneen mirgi himatamuu dhabu irraa ka'e eenyu?

Yaa'ii arifachiisa manni maree naannichaa har'a taa'een kanneen mirgi himatamuu dhabu irraa ka'e keessaa bulchaan itti - aanaa duraani naannichaa Obbo Adigoo Amsaayyaa keessa jiru.

Obbo Adigoon waggaa darbe Itoophiyaa bakka bu'uun Siwiidinitti gaggeessaa itti - aanaa miisiyoonii ta'un muudamani turan.

Isaan ala Obbo Shifarraaw Calliboo, Obbo girmaa Manii fi Obbo Araggaa Baalbid kanneen mirgi himatamuu dhabuu isaanii irraa fuudhamedha.

Obbo Shifarraaw daarektara duraanii Eejansii Saayinsiifi Teekinolojii naannichaa yoo ta'an Obbo Araggaa Baalbid immoo kana dura hooggansa godina Matakkal keessa turan.

Mirgi himatamuu dhabuu isaanii erga ka'e booda ammaan achi Abbaa Alangee naannichaan himannaan irratti banama jedhamee eegama.

Miseensonni mana maree ajjeechaa raawwaten gadduu isaanii, lammata mudachuu akka hin qabneefi kanneen qe'eerraa buqqa'an tasgabbeessuufi qe'eetti deebisuun akka barbaachisullee ibsaniiru.

Waa'ee ajjeechaa maal beekna?

Ajjeechaan kuni barii barraaqaan kan raawwate yoo ta'u jiraattonni ganda Bakkujjii osoo shakkii hin qabaatin ajjeechaan irratti raawwachuu BBC'tti himaniiru.

Danaa Beenishaangul Gumuz

Kanneen ajjeefaman keessaa miseensonni maatii tokkoo kudhan ta'an keessa jiru.

Ajjeechaan kuni saboota garaa garaa gandicha keessa jiraatan kanneen akka Amaara, Oromoo, Agaw fi Shinaashaarratti raawwate.

Kanneen ajeechaa raawwachuun shakkaman namoota 'diddiimoo' jedhaniifi bifaan addadha jedhanirratti haleellaa raawwachuu Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa beeksiseera.

Odeeffannoo hanga ammaa jiruun lakkoofsi namoota ajjeefamaniifi mootummaan ibse 207 yoo ta'u Rooyitars Waldaa Qaxxaamura Diimaa waabeffachuun akka gabaasettimmoo 222 gaheera.

Owwaalchi namoota ajjeefamani bakka tokkotti raawwateera.

Ajjeechaa booda jiraattonni ganda biroo aanicha keessa jiraatan sodaarraa kan ka'e gara magaalaa aanichaa Bulanitti horii isaanii qabatanii baqataniiru.

Kanneeniifis deeggarsi taasifamaa jiraatus gahaa ta'uu dhiisuu akka danda'u qondaalli naannichaa BBC'tti himaniiru.

Ajjeechaa jalqaba waggaa kana dhaqqabe hordofee Godinni Matakkal komaand poostii jala bulaa akka jiru ni yaadatama.