Bara 2020 keessa akka itti humni ispoortii addunyaa jijjiire

Bara 2000 pireezidantiin Afrikaa Kibbaa yeroo sanii Neelsan Maandellaan "ispoortiin humna addunyaa jijjiiru qaba" jedhanii dubbatanii turan. Bar-kurnee lama booda barri 2020 dubbii isaanii kana mirkaneesse.

Barri kun bara atileetonni gosa ispoortii hundaa - kubbaa miilaa, kubbaa saaphanaa, teenisii fi kanneen konkolaataa oofuun dorgoman marti itti socho'an ture.

Loogii sanyummaa balaaleffachuun, jijjiiramni akka dhufu gaafataa turan.

Ameerikaa kan jiru taphataan kubba miilaa sarara duraa Seeraa Liyoon Keey Kaamaraa ajjeechaa Joorji Filooyid hordofee mormiitti seene.

Sana gochuu isaatiin daa'imman isaa hamilee horachuu fi hegeree isaaniif abdii argachuu BBC'tti hime.

"Mormiif wayitan lafarra ciisu ilmi koo osoon ani isa hin gaafatiin na waliin gadi ciise - umuriin isaa reefu ganna sadi qofa," jedhe.

"Kanneen sanyii biraa ta'an garuu nu waliin dhaabbatan mara nan galateeffadha," jedha Kaamaraan.

Barri 2020 bara taphattoonni pirimar liigii Ingilaand osoo tapha hin eegaliin dura jilbeeffatanii mormii loogii sanyummaa agarsiisan ture.

Ispoortiin yaada namootaa jijjiiruu fi loogii sanyummaa mormuu keessatti qooda taphatu olaanaa qaba jetti atileetiin utaalchaa lammii Ameerikaa Toorii Firaankiliin.

"Ispoortiin dhiibbaa guddaa uumuu akka danda'u natti dhagaahama" jette.

"Ispoortiin qaama guddicha aadaa Ameerikaati. TV fi maxxansaaalee adda addaa irratti yeroo bal'aatu kennamaaf. Atileetonni gareelee gurguddoo ejjennoo qabatanii wanti morman dhiibbaa guddaa uuma."

Hagayya 26 bara 2020, taphataan kubbaa kaachoo Milwawuke Baaks poolisiin nama gurraacha Jeekoob Bileek ajjeese ollaa istaadiyamiin garee Orlaandoo Maajik itti argamu waan jiraatuuf garee kana waliin taphachuu dide.

NBA sana booda taphoota kaanillee irra deebiin yeroo itti taphataman jijjiire.

Gosooti ispoortii kaanillee atileetonni mormii dhageesisuu isaaniitiin tapha adda kutuun yeroo taphaa jijjiiruuf dirqamanii turan.

Firaankiliin akka jettutti atileetonni dhageettii jabaa qabu - kanaaf maaliyyuu haa ta'u jibba sanyummaa mormuun sagalee isaanii dhageesisuu qabu.

Jijjiiramaaf hamilee ta'uu

Atileetiksiif waltajjiin mijataan taphota Olimpiikiiti. Silaa osoo sababa koronaavaayirasiin haqamuu baate kan baranaa irrattis wanti haaraa mul'achuu mala ture.

Seenaa keessatti atileetonni dhimmooti siyaasaa fi hawaasummaa gara garaa xiyyeeffannaa akka argatan Olimpiikiitti fayyadamaa turan. Kana Koreen Olimpiikii Idil-addunyaa IOCn hin hayyamu.

Amajjii 2020 yaada Olimpiikiin Tokiyoo ni adeemsifama jedhuun koreen kun hiikoo seera Olimpikii keewwata 50 kan "agarsiisa siyaasaa, amantaa fi olola sanyii bifa kamiiyyuu Olimpiikii irratti mul'isuun dhorkaadha" jedhu ibsuun qajeelfama baasee ture.

IOCn addatti "mallattoo harkaa agarsiisuu fi jilbeeffachuu" akkasumas "sirnoota ykn pirootokoolii kabajuu dhabuu" ni dhorka.

Kun bara 2019 atileetiin Ameerikaa burruusa darbattu Giiwen Beerii taphoota Paan-Afrikaan irratti harka ishee abootteffattee ol kaasuun jibba sanyummaa Ameerikaa keessa jiru balaaleffachuu hordofeeti.

Beeriin baatilee 12f tapharraa ugguramtee booda ispoonsaras dhabdee akka turte himte.

Gochoonni akkanaa atileetota irratti dhiibbaan inni qabu maallaqa dhabuu qofa osoo hin taane hanga lubbuu isaanii dhabuu isaan geesisa.

Bara 1968 lammileen Ameerikaa Toomii Ismiiz fi Joon Kaarloos waltajjii badhaasaa fiigicha meetira 200 irratti kophee malee, kaalsii gurraachaa fi guwaantii gurraachaan harka isaanii abootteffatanii ol kaasuun jibba sanyummaa morman.

Lammii Awustiraaliyaa biraa tokko Piitar Noorman waliin hanga dhumaatti Olimpiikii irraa ittifaman.

Haa ta'u malee jarri sadanuu amma Koree Olimpikii Idil-addunyaan dabalatee akka goototaatti ilaalamu.

Bara 2016 Olimpiikii Riyoo irratti Maaraatooniin lammaffaa kan bahe Fayyisaa Leellisaa harka isaa mataa isaa gararraatti qaxxaamursuun addunyaa ajaa'ibsiisee ture.

Wayita fiigicha isaa xumuru mallattoo mormii Oromo agarsiisuun qabsoo sochii hawaasummaa fi siyaasaa keessaa moggaatti baafamu uummanni itti ture deeggare.

Qabsoon Fayyisaan mallattoo kana agarsiisuuun deeggare siyaasa Itoophiyaa keessatti jijjiiramni akka dhufu taasiseera.

Jijjiiramichi kallattiin waan Fayyisaan raawwateen dhufuu baatullee, wanti inni godhe qabsoon deemaa ture xiyyeeffannaa addunyaa akka argatu taasiseera.

Gochi akkanaa seera Olimpiikii keewwata 50 kan faallessudha.

Atileetonni osoo hin adabamiin ykn dhorkaa malee mormii isaanii dhageessifachuu akka danda'an hoggantoota IOC waliin dubbachuutti jiru jetti Toorii Firaankiliin.