Naayijeeriyaatti haleellaa Bookoo Haraam raawwateen hedduun ajjeefaman

Madda suuraa, Getty Images
Haleellaa hidhattoonni Bookoo Haraam kaaba baha Naayijeeriyaatti jalabultii ayyaana Gannootti manadara irra jireessi hordoftoota amantaa kiristaanaa keessaa jiraatan marsuufi waldaa gubuun raawwataniin namoonni hedduun ajjeefamuun himame.
Maddi oduu AFP yoo xinnaate namoonni 11 ajjeefamusaanii maddeen naannichaa waabeeffachuun gabaaseera.
Dureen naannichaa madda oduu kanatti akka himaniitti hidhattoonni bulchiinsa Boornootti kan argamtu gara Peemii konkolaataafi doqdoqqeen seenuun garaa garummaa tokko malee dhukaasu eegalan.
Peemiin bakka waggoota jahaan dura ijoolleen dubaraa 200 butamuun keessaa fudhataman Chiibookitti dhiyaattee argamti.
Guyyaa Kamisaa darbee aanga'oonni tikaa kabaja Kiriismasiirratti haleellaan raawwatamuu mala jechuun akeekkachisanii kan turan yoo ta'u hidhattoonni Peemii osoo hineegamiin akkuma tasaa weeraran jedhameera.
Jiraattoonni gara bosoonaatti kan baqatan yoo ta'u, kaan achi buuteen isaanii akka hinbaramne ibsameera.
Hoogganaan milishaa naannichaa Abiwaaku Kaabuu gama isaaniitiin, hidhattoonni namoota torba ajjeessuu, manneen jireenyaa 10 gubuufi kuusaa miidhaanii ayyaanaaf jiraattootaaf raabsamuuf ture akka saaman dubbataniiru.
Kana malees, hidhattoonni ''Waldaalee gubaniiru. Luba tokko butuun fudhataniiru. Hospitaala osoo hingubiin dura qorichaafi kaan saamaniiru'' jedhan hogganaan milishaa kun.
Bookoo Haraam mootummaa biyyattii kufiisuun buulchiinsa mootummaa Islaamaa hundeessuuf naannawa keessatti lolaa jiru Kaaba Naayijeeriyaatti yeroo garaa garaatti haleellaawwan hedduu raawwateera.
Haleellaa Bookoo Haraam biyyattii keessatti waggoota hedduuf gaggeesseen, namoonni kuma 36 ta'an ajjeefamanii miliyoonni ammoo manasaanii dhisuun buqqa'uu ragaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ni mul'isa.
Hawwaasni kaaba Naayijeeriyaatti argamus ofiisaanii itttisuuf jecha, gareewwan milishootaafi eegdoota hidhatanii waraana waliin eegan hundeeffatan.
Muddee keessas gareen kun ijoollee dhiiraa 300 mana barnootaatii ukaamsuu fudhachuuf itti gaafatamummaa fudhate ture.
Baatii darbees akkasuma, loltoonni Bookoo Haraam hojjattoota qonnaa hedduu ajjeesuu isaanii beeksiisanii ture.












