Suuraan: Addunyaan dhalachuu Iyyasuus kabajaa jirti

Kutaalee addunyaa gara garaa keessatti kanneen amantii Kiristaanaa hordofan ayyaana amantichaa isa guddicha, dhalachuu Iyyasuus kabajataa jiru. Ayyaanichi manneen amantaa warra Lixaatiin Mudde 25 kan warra Bahaatiin ammootuu Amajjii 7 kabajama. Tajaajiloonni fi taateewwan ayyaanichaa kan bara kanaa sababa weerara Koronaavaayirasiif jecha namootni irratti hirmaachaa jiran daran xiqqaateera. Walirraa fagaachuu fi maaskii uffachuun dirqama.

Suuraaleen hundi mirga abbummaa qabu.