Jijjiirama qilleensaa: Gaggeessitootni Gamtaa Awurooppaa CO2 qilleensatti makamu %55 gadi buusna jedhan

Gaggeesitootni Gamtaa Awurooppaa hamma kaarbondaayi oksaayidii qilleensatti makamu bara 2030tti isa duraan %40 gadi buusuuf turan fooyyessuun %55 gadi buusuuf waliigalan.

Galma haaraan kaawwatan kun falmii cimaa Birasilsitti raawwateen booda irratti waliigalame.

Poolaandi irra caalaa madda aannisaa dhagaa cilee irratti kan hundooftu yoo tahu gara madda aannisaa qulqulluutti ce'uuf deeggarsa Gamtaa Awurooppaa argachuu akka qabdu waliigalameera.

Galma %55 jedhame kana bira gahuuf Gamtaan Awurooppaa miseensotni isaa 27 qilleensa gubataa hammam akka xiqqeessuu qaban ragaa bara 1990 irra dhaabbachuun odeeffannoo bal'aa ifa taasisa.

Pirezidaantiin Kaawunsilii Gamtaa Awurooppaa Chaarles Misheel waliigalticha galateeffachuun '' Awurooppaan jijjirama qilleensaa qolachuun dursituudha'' jechuun fuula tiwiitera isaanii irratti maxxansan.

Jiijjirama qilleensaa adunyaa qolachuuf faalama qilleensaa keessumaa qillensa gubataa kana xiqqeessuun barbaachisa jedhan.

Wliigalteen jijjira qilleensaa Paaristti taasifame tempirecherri adunyaa akka 2C akka ol ka'u kan jedhu yoo tahu ol ka'insa 1.5C keessan yoo tahe akka filatamu himanii ture.

'Fooyya'insa xiqqoomashee'

Eegumsa naannoof duula kanneen gaggeessan %55 waan fagoo deemu miti jedhan. Gamtaan Awurooppaa ammayyuu %60 geesisuuf falmuu qaba jedhu.

Seebastiyaan kan jedhamu Giriinpiis dhaabata jedhamu irraa waliigaltichi fooyya'insa xiqqoo waanuma Gamtaan Awurooppaa faalamicha xiqqeessa jedhamee eegamudha jedhan.

Giriinpiis kan jedhamu faalama qilleensa gubataa kaarboniin dhufu %65 xiqqaachuu qaba wixinee jedhu qaba.

Awurooppaan adunyaa irraa qilleensa gubataa kaarbinii qilleensatti gadhiisuun sadrkaa 3ffaa irra kan jirtu yoo tahu tarkaanfii kana fudhachuun waan gaariiidha jedhe gabaasaan BBC eegumsa naannoo Maat Makgiraaz.

Bara 2050 Gamtaan Awurooppaa faalama kaarbonii kana gara zeerotti fiduuf adeemsa isa gargaarudha jedhe. Biyyoota sodaa qaban akka Poolaandi kanneen irra caalaa madda aannisaa dhagaa cilee irratti hundaa'an gara kanatti fiduunis bu'aa gaariidha jedhe.

Murtoon kun waliigaltee haala qilleensaa Paaris waggaa shanaffaa guyyoota muraasa dursuun fudhatame.

Amma Chaayinaa fi Ameerikaan gara waliigaltichaatti dhufaa jiraachuun jijjirama qilleensa qolachuu irratti oduu gaariidha jedhe.

Mootummaan UK hamma qilleensa gubataa gadhiifamu %68'n waggota kudhan dhufan gadi buusuuf karoorsera. Galma kaa'ame bira gahuuf akka Gamtaa Awurooppaatti waggaatti baajatni €350bn tahu sirna aannisaa irratti dhangala'uu barbaachisa jedhame.