UStti qarqaarsa miiraaf jecha bineeldota waliin xiyyaara keessa galuun dhorkame

peacock

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Piikookii qarqaarsa hamilee jedhame kana Buufata Xiyyaaraa New Jersey'tti deebisan - 2018

Daandiiwwan qilleensaa Ameerikaa amma booda kanneen deeggarsa miiraaf ykn hamileef jecha bineeldota xiyyaara keessa fudhatanii galan keessummeessuu dhaaban.

Kunis kan tahe imaltoonni xiyyaara keessa farda isaanii, booyyee fa'i, shimphirree piikook akkasumas kaan xiinsammuuf jechuun erga fidhatanii galuuf rakkisanii booda.

Seerri guyyaa Roobii Damee Geejjibaa Ameerikaan bahe akka jedhutti, amma booda imaltoonni saree qofa fudhatanii galuu danda'u.

Akka biiroo kanaatti, bineensota garagaraa qabatanii xiyyaara keessa galuun ''bineensota dhuguma hamileef jedhaman irratti ilaalcha hawaasni qabu gadi buuseera''.

Akka daandiiwwan qilleensaatti, imaammatni duraan ture kun, namootaan qisaasameera; balaa guddaas fida.

Seerri haaraa bahe kun saree deeggarsa hamilee jedhaman: kanneen dhuunfaatti leenji'aniifi kanneen hir'ina qaamaa qabaniif qarqaarsa kan godhanidha jechuun ibsa.

Bineensotni kanaan ala dhufan, akkuma bineensota kaanitti ilaalamuun, kaffaltiin bakka meeshaan kaa'amu keessa fe'amu.

Amma dura mootummaan federaalaa biyyattii bineelota qarqaarsa hamilee (emotional support animals) ilaalchisee seera baase hin qabu ture.

Haa tahu malee, daandiiwwan qilleensaa bineeldota kana akka bineeldota tajaajilanitti fudhachuun akka keessummeessan godha ture.

Bineensonni tajaajilaa (service animals) seera biyyattii Air Carrier Access Act jedhamuun, kaffaltii malee bilisaan akka imalan eeyyama kennaaf.

Akka dhaabbati Airlines for America tilmaamutti, lakkoofsi bineeldota qarqaarsa miiraa xiyyaaraan imalan bara 2016tti 481,000 kan ture yogguu tahu, 2017tti 751,000 ol guddateera.

''Murteen Damee Geejjibaa dabarse kun, imaltootaafi hojjettoota xiyyaara keessaa, bineeldota hin leenjine irraa eega.

Kana malees, kanneen hir'ina qaamaa qabaniifi bineeldota leenji'an wajjin balali'aniif, imala mijeessaaf,'' jedhan Pireezidantiin Airlines for America, Nicholas E Calio.

Bineeldotni qarqaarsa hamilee godhan jedhaman, akka kanneen bineeldota tajaajila kennanitti leenjii waa tokko gochuu kan fudhatan miti.

Amma dura sababa bineeldota kanaatiin, miidhaan imaltootaafi keessummeessitootarra gahee beeka. Yeroo muraasan dhimmichi mana murtii gaheera.

Erga murteen kun dhagahamee booda, kanneen indastirii balaliinsaa keessa jiraniin jajameera.

''Guyyaan Doonii Noohi qilleensarraa xumura aragachuuf deema,'' jechuun kanneen jajanis turan.

Doonii Noohi kan isaan jedhan, Kitaaba Qulqulluu irratti, bishaan addunyaa balleessuuf wayita dhufetti, Noohi bineeldota gosa maraa doonii tokkotti isa galchedha.