Asoosamni barreessituu Naayijeeriyaa waggoota 25 keessatti filatamaa tahuun badhaasa mo’ate

Madda suuraa, PA Media
Kitaabni barreessituu asoosamaa lammii Naayijeeriyaa Chimaamaandaa Ingoozii Adiichii ‘Half of a Yellow Sun’ seenaa badhaasa Women’s Prize for Fiction waggaa 25 keessatti kitaaba filatamaa tahuun mo’ateera.
Barreessituun kun badhaasa kana kan bara 2007 mo’attee turte. Isa ammaa mo’attoota 25 keessaati kanshee sagalee uummataan kan filatame.
Kana dura barreessitoonni Zaadii Ismiiz,Andiree Leevii,Looyoneel Shiivar,Rooz Tireemaayiin jedhamanfaa badhaasa kana mo’ataniiru.
Badhaasni ammaa kun yeroo jalqabaaf adeemsifame, innis kabaja hundeeffama dhaabbatichaa kana dura Orange Prize fi Bailey’s Prize jedhamuun beekamufi dha.
Kitaabni asoosamaa' Half of a Yellow Sun' yoomeessi isaa Naayijeeriyaa, si’a waraana Baayfiraanii dha.
Dhimmoota kanneen akka kolonii,sabummaa, gita-bittaa,sanyii fi dubartoota aangeessuufaa irratt xiyyeefata. Bara 2006tti ture kan maxxanfame, yeroosuma qalbii addunyaa hawwate. Bara 2013tti gara fiilmiitti geeddarameera.
Chimaamaandaan ’ Mo’attuu mo’attootaa tahee filatamuu kootti baayyee gammade sababiinsaa duras badhaasa kana dha yeroo jalqabaaf hojii koof dubbistoota kan naa fide. Kana malees barreessitoota dandeettii qaban danuu ittiin wal-bareera,’’ jette.
Bobboca addaa meetiirraa hojjetame Beessii jedhamus fudhateetti. Barreessituu fi hundeessituun dhaabbata badhaasaa UKtti argamu kanaa Chimaamaandaadhan ‘’baga gammdde, Half of a Yellow Sun’ mo’achuutti gammadeera,’’ jetteen
Filannoo kitaabota kanaarratti namootni 8,500 sagalee kennaniiru. Yaada isaanii akka qoodaniifis gama onlaayinaan sirna badhaasichaa irratti affeeramaniiru.















