Dursaan garee saal-qunnamtii Nxivm hidhaan ganna 120 itti murtaa'e

Raayinere mana murtiitti yoo dhaabatee mul'atu

Madda suuraa, Reuters

Ameerikaatti dursaan garee sal-qunnamtii adabbiin hidhaa waggaa 120 itti murame.

Hundeessaan garee Nxivm jedhamu Keeyit Raaniyere bara dabre keessa ture waliin dhahuu, daddabarsa saal-qunnamtii, poornoogiraafii daa'immanii qabachuuniifi yakkoota kaaniin balleessaa raawwateera kan jedhame.

Dursaa garee haala amantii qabu (cult) kanaa tahuusaatiin, dubartoota garba gochuun, akkasumas isa waliin qunnamtii akka godhaniif dirqisiisa ture.

Abbootiin alangaa waan jedhan, namni ganna 60 kun umuriisaa guutuu mana hidhaatti dabarsuu qaba. Miidhamtoota irratti ''miidhaa hagana hin jedhamne'' raawwateera jedhan.

Abbaan murtii Nikoolaas Garawufis hidhaa alatti nama kana qarshii dolaara miiliyoona 1.75 tahuun adabaniiru - dhaddachi guyyaa Kibxataa Biruukliinitti ooleen.

Wayita dhimmichi bara dabre ilaalamutti Raaniyere, dhaddacha fuldura dhaabbatee jechasaa kennaa hin turre. Hooggantoota garee Nxivm keessaa isa qofatu, waliigaluu didee dhaddacha dhiyaate. Warri kaan balleessaa amananii abbaa alangaa waliin waliigalaniiru.

Abukaatonni nama kanaa, haga xumuraatti balleessaa hinqabu jechuun kan mormaa turan wayita tahu, ''duula miidiyaa irratti gaggeeffameen, ragaa baatonni akka sobaa ragaa bahan taasiseera,'' jedhan.

Angawoonni Ameerikaa dhaaba Nxivm kana kan qorachuu eegalan bara 2017 keessa ture. Kunis erga gabaasa qorannoo New York Times hojjete boodadha.

Albaanii, Niiw Yoorkitti kan bu'uureeffateefi ALA bara 1998tti kan hundeeffame gareen kun ''hawaasa qajeelfamoota namoomaan hoogganamuu fi namoota angoomsuu,'' jechuun of ibsa.

Raayineree

Madda suuraa, Keith Raniere Conversations/YouTube

Kana malees dhaabni kun ''addunyaa gaarii taate ijaaruuf hojjenna,'' jedha. Namoota 16,000 ol tahan waliin biyyoota US, Kaanadaa, Meeksikoo fi giddugala Ameerikaatti akka hojjetus ni ibsa.

Garuu haqni lafarra jiru waan mul'ise, Raayinere aangoo qabachuun, miseensota dubartoota tahan sirna garbaafi gooftaatiin to'achaa ture.

Dubartootni tokko tokko qubee jalqabaa maqaa Raayineren, naannoo qaama saalaa isaaniirra mallattoon chaappeeffamaa ture. Wayita sirna kana godhanis, viidiyoo ni waraabu turan.

Miseensonnis waggaa waggaan walitti qabamuun guyyaa dhalootaasaaf baasii baasuun kabaju turan - kabajni kunis "Vanguard Week" jedhamuun beekama.

Miseensi duraanii tokko akka ragaa baatetti, umuriinshee ganna 18 tahuun dura ''qopheessaa'' akka turan dubbatti. Raayinere durbummaa ishee akka fudhatuf torban muraasaaf ''na qopheessaa'' turan jetti.

Dubartiin Daaniyellaa jedhamtu kun dhaddachatti akka dubbattetti, namni kun isheefi obboleettii ishee ulfeessuun, akka ulfa baasan dirqisiiseera. Dabalataanis obboleettii ishee umuriin hin geenye waliin, irra deddeebiin dirqisiisee qunnamtii waliin akka godhe dubbatte.

Miseensonni garee kanaa aktaroota dubartoota Holiiwuud, dubartoota ijoolee abbaa qabeenyaa tahan, akkasumas mucaan pireezidantii Meeksikoo duraaniillee keessatti ni argamu jedhama.

Kannneen keessaa muraasni mana murtii fuulduratti Raayinere irratti ragaa bahaniiru.

Erga gabaasni New York Times bahe booda, namni kun ALA 2018tti gara Meeksikoo erga baqatee booda qondaaltota FBIn qabameera.