Miidhaa Dubartootaa: Naajeeriyaatti seerri nama yakka gudeeduu raawwate kolasuu ragga'e

Madda suuraa, Getty Images
Kaaba–lixa Naajeeriyaatti kan argamu manni maree bulchiinsa Kaduunaa, wixinee seeraa namni yakka gudeeddii rawwatte cidhaan baqaqsanii keessaa baasuun akka hin dhalchine gochuun adabamu raggaasise.
Adabbiin kun yakka gudaaddii daa'imman umuriin isaanii waggaa 14 gadi ta'erratti hojiirra oola.
Hogganaan dhimmaa dubartootafi guddina hawaasaa Hafsaat Babaa, murteen mana maree kun, "guddinaa garii,” ta’uu ibsuun, murteen kun kanneen yakka gudeeddii raawwataniif akka ‘dorsiisa gaariis’ ta’uu mala jedhan.
Murteen kun bulchiinsicha keessatti akka seeraatti akka ba’uuf bulchaan naanichaa Naasir Ahmad el Rufiyaa wiixinee ba’e mallatteessuu qaba.
Waxabajjii keessa bulchitoonni Naajeeriyaa sababa gudeeddiifi haleellaa dubartootaafi da’immaan irra deddeebiin biyyattii keessatti qaqqabuun laabsii yeroo muddamaa labsanii ture.
Yakkawwan dirqisiisanii gudeeduufi miidhaan saalaan walqabatan biyyattii keessatti dubartootarratti raawwataman yeroo hedduu himama.
Haata'u malee, erga weerara koronaavaayirasiin qaqqabee asitti dhibee kana to'achuudhaaf jecha sochiiwwan dhorkman ammoo yakki dirqisiisanii gudeeduun daran akka hammaatu taasiseera.
Erga sochiin kutaalee biyyattii adda addaa keessatti labsamee booda gochawwan dirqisiisanii gudeeduufi miidhaan saalaan walqabatan baay'een gabaafamaa jiru.
Lakkoofsi namoota yakka kana rawwatanii seeratti dhiyaatanii ammallee xiqqaa yoo ta’u, loogiin namoota miidhaan irra ga’ee irratti taasifamu ammoo yakka kana akka baasanii hin himannee taasisuun rakkoo kana daran hammeesseera.
Hagayya keessa manni murtii Shari'aa Naajeeriyaa magaalaa Kaanoo jaarsa shamarree ganna 12 gudedede irratti murtee du'aa murteesseera.
Dubbi himaan mana murtii Shari'aa magaalaa Kaanoo BBCtti akka himanitti, jaarsi ganna 61 bara 2019tti baadiyyaa keessatti shamarree kana muka jalatti gudeeduusaatiin kan murteen du'aa irratti murtaa'e jedhaniiru.
Jaarsi fuudhanii maatii ofiisaanii qaban kun akka seera Shari'aa Islaamaatti dhakaadhaan rukutamanii akka du'an kan murteen darbe.















