Filannoo US 2020: Filannoon Ameerikaa Afrikaaf hiika maalii qaba?

Madda suuraa, Reuters
Filannoo Pireezidantummaa Ameerikaa Sadaasa sadii gaggeefamuuf morkattootni lameen Doonaald Tiraampiifi Joo Baayidan falmii isaanii kan televiziyoonaan darbu isa dhumaa Kamisa dhufu gaggeessu.
Falmiin isaanii kan jalqabaa ji'a darbe gaggeefame karoora morkattootni lameen uummata isaan filachuuf qophaayeef ibsuu caala wacaafi jeequmsaan irra hedduu yaadaatama.
Haasaa walii gidduu galuun waldanquun irra deebiin akka hin mudanneef falmiin inni xumuraa Kamisa dhufu gaggeefamu fala kaaheera.
Falmi isa lammataa, akkaasumas kan xumuraa ta'eefi Kamisa dhuftu Naashviilitti kallattiin televiziyoonaan tamsa'u kanarratti morkattootni lameen daqiiqaa lamaa lamaaf maayikaraafooniin kadhimamaa isa kan biraa cufaa ta'e akka haasa'an murtaaheera.
Tiraampiifi Baayidan daqiiqaan lama lama kennameefii osoo namani gidduu hin seeniin haasaa taasisu jechuudha.
Sana booda maayikiraafooniin lameenuu banaa ta'ee gaaffii walii dhiiyeessuu danda'u.
Falmii mata-dureewwan maatii Ameerikaa, Gosa Ameerika keessa jiru, jijjiirama qilleensaa, nageenya biyyaalessaafi hooggansa jedhan irratti kan walfaman akka ta'u falmii kana kan hooggantuufi oduu dhiyeessituu NBC kan taate Kiristiin Wokeer ibsiteetti.
Mata-dureewwan kanaaf daqiiqaan kudha shan shan kan ramadame yoo ta',u mata-duree hunda jalatti daqiiqaa lamaaf osoo gidduu hin seenamiin dubbatu.
Falmii mata duree falmiirratti ka'e
Gareen Tiraamp qopheessitootni falmii kanaa mata-duree imaammata haajaa alaa falmii keessaa baaasuun morkataa isaanii Joo Baayidaniif looganiiru jedhanii komaatu.
Gareen Baayideen ammoo Tiraamp weerara Covid-19 ilaalchisee hojiilee hanqina jiru irratti gaaffii dhiyateef deebii hin laanne jecchuun qeequ.
Yaada uummataa sadarkaa biyyaalessaatti sassaabamaa jiruun morkataan Dimookraatotaa Joo Baayidan dursaa jiru.
Haata'u malee, yaada uummataa filannoo dura sassaabamuun dursuu jeecchuun filannicha injifachuu jechuu miti.
Filannoo bara 2016 gaggeeffamee tureen yaadaa uummataa sagalee lakkaawamee xumuramuu dura Hilaarii Kilintan dursaa turaniis filannichi garuu injifannoo Tiraampiin goolabame.
Filannoo Ameerikaafi hiika inni Afrikaaf qabu
Afrikaan filannoo US haalaan eeguutti jirti. Sababni isaa ammoo fuula duratti Ameerikaan michuumoo diina Afrikaa taati yaada jedhu adda baasa waan ta'eef.
Bulchiinsa Tiraamp waggoota shanan darabaniin hariiroon US fi Afrikaa gara caalu xiyyeeffannaa dhabuun ibsama.
Hariiroon daldalaa xiqqaateera, maallaqni gargaarsaan kennamuus hir'iseera. Kunimmoo ammaan booda US Afrikaaf dursa hin laattu yaadama jedhu fideera.
Dhaabbileen miti-mootummaa deeggarsa US irraa argataniin Afrikaa keessatti socho'an deeggrsa dhabuu isaanii lammiileen Afrikaa kumoota dhibba hedduun lakkaawaman miidhamaniiru.
Akka fakkeenyaattis dhaabbileen fayyaa walhormaataarratti hojjetan ni eeramu.
Kanaan alattis sagantaan 'Africa Growth and Opportunity Act (AGOA)' kan indaastiriiwwan Afarikaa keessumaa kan damee huccuuf gabaa US mijeessuun daddamqsuu danda'e cufamuuf ta'uunis agarsiiftuu biraadha.
Waliigalteen daldalaa kun hin haaromfamu yoo ta'e hedduun lammiilee Afrikaa carraa hojii argatan dhabuu malu.
Abdii Jihaadistootaa
BBC monitaariingii keessatti ispeeshalistiin miidiyaalee Jihaadistootaa Mina al-lami Jihaadistootni filannoon US alaanaa biyyattii jeequmsatti galcha jedhanii amanuu jetti.
Turtiin Pireezidant Tiraap waggaa afurii Jihaadistoota addunyaa guutuurra jiranirra dhiibbaa uumeera jettees amanti.
Ilaalchi falmisiisaan Tiraamp Musliimota, godaantootaafi Israa'eel irratti qaban gareewwan akka Islaamik Isteet, fi Alqaayidaan ilaalchi isaanii sirrii akka ta'e ittiin amansiifachuu carraa uumeeras jetti.

Madda suuraa, Reuters
Jihaadistootni rakkoowwan keessoo Ameerikaa kanneen akka weera Covid-19, sochii Black Lives Matter' Ameerikaan dadhabaa jirti jedhanii akka yaadan fi akka carraattis akka itti fayyadama godha yaada jedhu qabdi.
Tiraamp Jihaadistoota Siriyaafi Yamanitti loluun injifannoowwan murteessaa argataniru.
Gareen Jihaadistootaa ammatti waayee filannoo dhufaa jiruu ifatti wanni jedhan jiraachuu baatus, filannichi siyaasa fi hawaasa Ameerikaa gidduutti walqoodinsa jiru baldhisa amantaa jedhu qabu jetti Minaan.
Kun ammoo US fuula ishee dhimma keessootti nannessuun isaaniif carraa gaarii akka uumu abdatu.














