Godaantoonni Afriikaa 1,000 ol Odola Ispeen Kaanaarii gahuun jedhame

Godaantoonni Afriikaa irraa ta'an 1,000 ol sa'aatii 48 keessatti Odoola Ispeen, Kaanaarii, qaqabuu Fannoon Diimaan beeksiisa.

Baayyinni godaatota Afrikaa kunis waggoota 10 darban keessatti argamee hin beeku jedhameera.

Ministirri Baqattootaa Ispeen, Joosee Luu'is Eskerivaa dawwannaa odolichatti taasiisaniin, ''deebii hunda hammataa ta'e kennuuf'' waadaa galaniiru.

Daandii Lixa Afriikaa irraa gara sana geessuurratti 2018 as lakkoofsi godaantootaa baayyeeteera jedhameera.

Bara 2006tti ture kan namoonni kuma 35 karaa sanaan godaanuunsaanii UN beeksise.

Irra jireessi godaantoota kanneenii Seeneegaalirraa kan fageenya Km1,600 oliirratti argamu irraa akka ka'an yaadama. Torbaan lamaan duras achumarraa bidiruun godaantoota 186 qabattee ka'uun galaanaa Senegaalootaatti dhorkamte turte, akka AFPn ibsa waraanaa eeruun gabaaseetti

Imaltoonnis Seeneegaaliifi Gaambiyaa irraa ta'usaaniitu gabaafame.

Godaantoonni Odoola Ispeen Kaanaarii gahanis guyyaa Kamiisaa bidiruuwwan 37 irraa baraaramusaanii AFPn Oduu Isaanish EFE eeruun gabaaseera.

Heeduunisaaniis Fannoo Diimaa Iseeniin kaampii dhiheenya jiru bakka qubattooni itti argaman keessatti kunuunsi taasifamaafii jira.

Dubbi Himaan Fannoo Diimaa AFPtti akka himaniitti, mudannoo dhukkubbii garaa keessaa muraasaan alatti hunduu haala fayyaa gaariirratti argamu. Covid-19fis qoratamaniiru jedhan.

Mr Escrivá odolawwan gurguddoo sadii kan daawwatan yoo ta'u, haala goodaantoonni irratti argamaniis ilaalaniiru.

Haata'u malee, haala baqattoonni kunneen itti maan jireenyaa argatan ilaalchisee fala omaa kaa'uu dhiisuun duree mana maree naannichaa Bilaas Akostaan qeeqamuusanii gaazeexaan biyyattii EI Mundoo jedhamu gabaaseera.

Bara kana Amajjii hanga Hagayyaatti baqattoonni 3,269 Lixa Afriikaa irraa gara Odolowwan Kaanaariitti kan qaxxaamuran yoo ta'u, kunis kan bara 2019tiin wal bira qabuun yoo ilaalamu %600 dabalee jedheera IOM.

Hanga ammaattis bara kanatti namoonni 250 ol wayita odolawwan kanneen gahuuf yaalanitti du'usaanii dhaabbatichi dabalee ibseera.