Saadiyoo Maaneen Covid-19'n qabamee adda of baasee jira jedhe Liivarpuul

Saadiyoo Maanee

Madda suuraa, EPA

Taphataan sarara fuul-duraa Liivarpuulii fi Kilaba Biyyaalessaa Senegaal Saadiyoo Maanee koronaavaayiraisin qabamee adda of baasee jiraachuu kilabiin isaa Liivarpuul beeksise.

Maaneen Covid-19'n qabamuusaa qorannoon kan mirkaneesse, erga taphataan haarawa Liivarpuuliif mallatteesse, Tiyaagoo Alkaantiraa qabamuunsaa dhagahamee guyyaa sadi boodadha.

Ibsi Liivarpuul baase akka mul'isutti Maaneen mallattoo dhukkubbii salphaa agarsiisuurraan kan hafe fayyummaansaa haala gaariirratti argama.

Tapha piriimerliigii yeroo darbe Arsenaal fi Liivarpuul taphatan irratti Maaneen raawwii gaarii kan agarsiisaa ture yoo ta'u gooliis galcheera.

Guyya lama dura Liivarpuulii fi Arsenaal kan walitti fide tapha waancaa Kaaraabaa'oo irratti ammoo Maaneen hin hirmaanne ture.

Maaneen hanga fayyummaasaa guutuutti deebi'utti qajeeltoo mootummaan baase hordofee adda of baasee tura jedhe Kilabiin Kubbaa Miilaa Liivarpuul.

Taphoota Piriimerliigii bara kanaarratti kilabasaa Liivarpuuliif goolii sadi kan galche Saadiyoo Maanee sababa koronaavaayirasiin qabameef yoo xiqqaate taphi piriimerliigii tokko isa darba jedhameera.